Kanaaf Saa'ol hojjetoota isaatiin,<<Dhaqeen ishee irraa qoradhaatii dubartii ekeraa dubbiftu anaaf barbaadaa!>> jedhe; hojjetoonni isaa immoo deebisanii,<<Kunoo, dubartiin ekeraa dubbiftu tokko Endoor keessa jirti>> jedhan*.
Saa'ol uffata kan biraa uffatee, wallaalchifatee namoota lama of duukaa fudhatee halkaniin gara mana dubartii sanaa dhaqee,<<Ekeraa dubbisiitii nama ani sitti himadhu anaaf kaasi!>> jedheen.