YouVersion Logo
Search Icon

Macaafa Saamu'el Isa Duraa 23

23
Daawit Mandara Qeyilaa Filisxeemota Harkaa Baasuu Isaa
1Kana booddee Filisxeemonni namoota Qeyilaa lolanii, oobdii keessaa midhaan saamuu isaanii Daawit dhaga'ee, 2<<Dhaqee Filisxeemota kana rukutuu?>> jedhee, Waaqayyoon in gaafate; Waaqayyo immoo deebisee Daawitiin,<<Dhaqii Filisxeemota rukutii, Qeyilaa isaan harkaa baasi!>> jedhe. 3Namoonni Daawit garuu,<<Kunoo, nuyi asuma Yihudaa keessatti iyyuu in sodaanna erga ta'ee, attamitti immoo loltoota Filisxeemotaa rukutuudhaaf gara Qeyilaa dhaquu dandeenya ree?>> jedhan. 4Kana irratti Daawit ammas Waaqayyoon in gaafate; Waaqayyo immoo,<<Ani Filisxeemota harka kee keessa nan buusaatii ka'iitii gara mandara Qeyilaatti gad bu'i!>> jedheen. 5Daawitii fi namoonni isaa gara Qeyilaa dhaqanii warra Filisxeemotaa lolanii, isaan keessaa namoota baay'ee fixanii, horii isaanii booji'anii in adeeman; namoota Qeyilaas harka isaanii jalaa in baasan. 6Abiyaataar ilmi Ahiimelek yeroo Qeyilaatti gara Daawititti baqate, dirata fuula duraa fudhatee dhaqee ture*.#6 22:20
7Daawit gara Qeyilaa dhufuu isaa Saa'ol yommuu dhaga'e,<<Daawit mandara karri isaa cufaa qabutti galuu isaatiin ofii isaa hidhaatti waan galcheef, Waaqayyo harka koo keessa isa buusuu isaa ti>> jedhe. 8Saa'ol Qeyilaatti gad bu'ee Daawitii fi namoota isaa marsee qabachuuf loltoota hundumaa walitti in qabate. 9Saa'ol isa irratti wanta hamaa fiduudhaaf korachaa akka jiru Daawit yeroo beekkate, Abiyaataar lubichaan,<<Dirata fuula duraa sana as fidi!>> jedhe*. 10Itti fufees,<<Yaa Waaqayyo goofticha Israa'el! Saa'ol gara Qeyilaa dhufee sababii kootiif mandaricha balleessuu akka barbaadu dhugumaan ani garbichi kee dhaga'eera. 11Ani garbichi kee akkuman dhaga'e Saa'ol in dhufaa>> Gurguddoonni Qeyilaas dabarsanii isatti ana in kennuu>> Yaa Waaqayyo goofticha Israa'el, hadaraa ana garbicha keetti himi!>> jedhe. 12Daawit ammas deebi'ee,<<Gurguddoonni Qeyilaa anaa fi namoota koo Saa'olitti dabarsanii in kennuu?>> jedhee in gaafate; Waaqayyo immoo,<<Eyyee, dabarsanii isin in kennu>> jedheen. 13Yommus Daawitii fi namoonni isaa lakkoobsatti gara dhibba ja'aa kan ta'an ka'anii Qeyilaadhaa ba'anii lafuma dhaquu danda'an hundumaa in dhaqan; Daawit Qeyilaadhaa akka sokke yeroo dhaga'etti Saa'ol achi dhaquu in dhiise. 14Daawit masaraa lafa onaa keessa, biyya gaaraa lafa onaa Ziif keessa in taa'e; Saa'ol guyyaa hundumaa Daawitin in barbaada ture, Waaqayyo garuu dabarsee harka isaatti isa hin kennine.#9 30:7-8
15Daawit caakkaa lafa onaa Ziif keessa utuu jiruu, Saa'ol isa ajjeesuudhaaf akka dhufe in arge. 16Yonaataan ilmi Saa'ol caakkicha keessatti Daawit bira dhaqee, maqaa Waaqayyootiin isa jajjabeesse, 17<<Saa'ol abbaan koo harka isaa si irratti ol hin fudhatu, ati Israa'el irratti in moota, ani immoo itti aanaa kee nan ta'a; abbaan koo iyyuu kun akka ta'u beekaatii, hin sodaatin!>> jedhe. 18Yommus lachuun isaanii Waaqayyo duratti kakuu waliif in galan; ergasii Yonaataan gara mana isaatti deebi'e, Daawit garuu caakkichuma keessatti in hafe*.#16-18 18:3
19Namoonni Ziif yommus Giibe'aatti Saa'ol bira dhaqanii,<<Daawit, masaraawwan keessa, caakkaa keessa, tulluu Haqiilaa isa lafa onaa irraa gara harka mirgaatti argamu irra nu bira dhokatee jira mitii ree*>> 20Yaa mootii yeroo feetetti kottu! Nuyis isa dabarsinee sitti in kennina>> jedhan. 21Saa'ol immoo deebisee,<<Waan anaaf dhimmitaniif Waaqayyo isin haa eebbisu! 22Ammas,<<Inni baay'ee haxxee dha>> jedhee, namni waan anatti himeef, hadaraa dhaqaatii yeroo baay'ee eessa akka inni dhaqu, eenyufaan achitti akka isa argan caalchisaatii hubadhaa! 23Iddoo dhokannaa inni keessa dhokatu hundumaas hubadhaa ilaalaatii deebi'aa gara koo kottaa, anis isinii wajjin nan dhaqa; inni biyyicha keessa yoo jiraate, guutummaa qomoowwan Yihudaa keessa isa nan barbaada>> jedhe.#19 26:1; Far 54:1
24Yommus jarri sun ka'anii Saa'ol dura gara Ziif in dhaqan; Daawitii fi namoonni isaa garuu Maa'on lafa onaa keessa Arabaayi lafa gogaa irraa gara mirgaatiin turan*. 25Saa'olii fi namoonni isaa Daawitiin barbaaduudhaaf in ba'an; Daawitis waa'ee isaa yommuu dhaga'e gara holqa dhagaa isa Maa'on lafa onaa keessa jirutti gad in bu'e; Saa'ol immoo kana dhaga'ee Maa'on lafa onaa keessa Daawitin in hordofe. 26Saa'ol cinaacha tullichaa gar tokkoon, Daawitiif namoonni isaa immoo Saa'ol jalaa ba'uudhaaf, Saa'olii fi namoonni isaa immoo Daawitii fi namoota isaa qabachuudhaaf itti dhi'aachaa utuu jiranii, 27namni tokko ergamee gara Saa'ol dhufee,<<Duulli Filisxeemotaa biyya irra waan yaa'eef, ariifadhuu kottu!>> jedhe. 28Yommus Saa'ol Daawitiin hordofuu dhiisee, Filisxeemota rukutuudhaaf in deebi'e; kanaaf iddoon kun,<<Dhagaa itti gargar deebi'an>> jedhamee in moggaafame. 29Daawit iddoo kanaa ol ba'ee, masaraa <<En-Gedii>> jedhamu keessa in jiraate.#24 Iya 15:55

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in