Macaafa Saamu'el Isa Duraa 22
22
Saa'ol Luboota Ajjeessisuu Isaa
1Daawit Gaatii ba'ee gara holqa Adulaamitti in baqate; obboloonni isaa fi maatiin abbaa isaa hundinuu kana dhaga'anii gara isaatti gad in bu'an*. 2Namoonni rakkatan hundinuu, warri gatiin irra jiru hundinuu, warri jireenyi isaanitti hadhaa'e hundinuus isa biratti walitti in qabaman; yommus akki namoota dhibba afurii isaa wajjin turan, inni immoo ajajaa isaanii in ta'e*.#1 Iya 15:35; 1Sam 24:3-4 2 Abo 11:3
3Daawit achii immoo ba'ee gara mandara Miisphaa isa Mo'aab keessaa dhaqee, mootii Mo'aabiin,<<Wanta Waaqayyo anaaf godhu hamman barutti, hadaraa abbaan koo fi haati koo si bira anaaf haa dhufan!>> jedhe. 4Yommusumas gara mootii Mo'aabitti geessee isa bira isaan in kaa'e; isaanis bara Daawit masaraa keessa ture hundumaatti mooticha bira in jiraatan. 5Gaadi raajichi Daawitiin,<<Masaraa kana keessa hin turin! Ka'ii, gara biyya Yihudaa dhaqi!>> jedhe; achumaan Daawit ka'ee gara caakkaa Kaaret in dhaqe.
6Saa'ol ergasii Daawitii fi namoonni isaa wajjin jiran akka mul'atan in dhaga'e; gaaf tokko Saa'ol eeboo isaa qabatee mandara Giibe'aa keessa iddoo ol ka'aa irra muka lafa onaa tokko jala in taa'a ture; hojjetoonni isaa warri gurguddoonni hundinuu naannoo isaa in dhaabatu turan. 7Saa'ol hojjetoota isaa warra isa bukkee dhaabataniin,<<Dhaga'aa isin yaa namoota Benyaamiin! Ilmi Iseyis immoo iddoo qonnaa fi dhaabaa waynii hunduma keessaniif in kennaa ree>> Hunduma keessanis angafa kumaa fi angafa dhibbaa in godhataa ree*>> 8Isin hundumti keessan kanaaf ana irratti korattanii ree>> Ilmi koo ilma Iseyii wajjin yommuu waliif kakatan namni tokko illee anatti hin himne; yeroo ilmi koo hojjetaa koo ana irratti kaase akkuma har'aa kana inni riphee akka ana eeggatu godhes, isin keessaa namni tokko illee anaaf hin gaddine, anatti hin himnes>> jedhe. 9Yommus Do'eeg Edoomtichi hojjetoota Saa'ol warra gurguddoota keessaa tokko inni achi dhi'aatee warra kaan bira ijaajjaa ture deebisee,<<Ilmi Iseyi gara mandara Nobitti Ahiimelek ilma Ahiixub bira utuu dhufuu argeera*; 10Ahiimelek Waaqayyoon isaaf in gaafate; dabalee immoo galaa, billaa Golyaad Filisxeemichaas in kenneef>> jedhe.#7 8:12,14 9 21:7
11Yommus mootichi nama ergee Ahiimelek lubicha ilma Ahiixubii fi maatii abbaa isaatii luboota warra Nob keessa turan hundumaa in waamsise; isaan hundinuus gara mootichaa in dhufan. 12Yeroo sanatti Saa'ol,<<Yaa ilma Ahiixub maaloo dhaggeeffadhu!>> jedhe; innis deebisee,<<Tole, yaa gooftaa ko!>> jedheen. 13Saa'ol itti fufee,<<Maaliif atii fi ilmi Iseyi ana irratti korattan>> Ati maaliif ilmi Iseyi ana irratti ka'ee akkuma har'aa kana riphee akka ana eeggatuuf, buddeenaa fi billaa kenniteefii Waaqayyoonis gaafatteef?>> jedhe. 14Ahiimelek immoo mootichaaf deebisee,<<Hojjetoota kee hundumaa keessaa akka Daawit soddaa mootii, isa ajajaa loltoota warra si mooticha eeganii, mana mootichaa keessattis ulfina qabu kan amanamu eenyu ree*>> 15Miilana Waaqayyoon isaaf gaafachuun koo isa jalqabaatii ree>> Waawuu, akkas miti! Ani garbichi kee dubbii kana hundumaa keessaa waan tokko iyyuu waanan hin beekneef, yaa mootii, ana garbicha kee irra akkasumas maatii abbaa kootii keessaa nama tokko irra illee hin kaa'in!>> jedhe.#14 18:22,27
16Mootichi garuu,<<Yaa Ahiimelek! Ati dhugumaan in ajjeefamta, maatiin abbaa keetiis hundinuu in ajjeefamu>> jedhe. 17Mootichi itti fufee, eegdota isa bira ijaajjaniin,<<Luboonni Waaqayyoo kun Daawit bira waan goraniif, baqachuu isaas utuu beekanii anatti himuu waan didaniif, gara itti galaatii isaan fixaa!>> jedhe; hojjetoonni mootichaa garuu luboota Waaqayyoo irratti harka ol fudhachuu, isaan rukutuus hin barbaanne. 18Yommus mootichi Do'eegiin,<<Luboota kanatti gara galii isaan rukuti!>> jedhe; yommus Do'eeg Edoomtichi ofii isaatii luboota sanatti gara galee gaafasuma namoota dirata fuula-duraa quncee talbaa irraa hojjetame uffatan saddeettamii shan in ajjeese. 19Kana malees Saa'ol, Nob mandara lubootaatti duulchisee, dhiirotaa fi dubartoota, ijoollee fi mucoolii harma hodhan, qotiyyoowwan, harrootaa fi hoolota mandaricha keessa jiraatan billaadhaan in ficisiise.
20Ilmi Ahiimelek Ahiixub inni<<Abiyaataar>> jedhamu tokko baqatee ba'ee Daawit duukaa in bu'e*; 21dhaqees Saa'ol luboota Waaqayyoo akka ajjeesise isatti in hime. 22Daawit yommus Abiyaataariin,<<Do'eeg Edoomtichi inni achi ture sun, dhugumaan Saa'olitti akka himu ani gaafasuman bare; ajjeefamuu guutummaa maatii abbaa keetiitti garuu anatu gaafatama*. 23Namni si ajjeesuu barbaade anas immoo ajjeesuu waan barbaaduuf anaa wajjin nagaatti in jiraattaatii hin sodaatin! Ana bira turi!>> jedhe.#20 23:6,9; 2Sam 8:17; 1Mot 2:26-27; Mar 2:26 22 21:7
Currently Selected:
Macaafa Saamu'el Isa Duraa 22: MacQul
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.