Macaafa Saamu'el Isa Duraa 11
11
Saa'ol, Amoonota Mo'uu Isaa
1Baras Nahaash mootiin Amoonotaa mandara Yaabesh-Giil'aaditti duulee, itti in marse; namoonni Yaabesh hundinuus Nahaashiin,<<Nuyi siif in hojjennaatii ati kakuu nuuf gali!>> jedhan. 2Innis deebise,<<Hunduma keessan keessaa ija mirgaa baasuudhaanan kakuu isiniif gala; kanaanis Israa'eloota hundumaa irratti salphina nan fida>> jedhe. 3Jaarsoliin mandara Yaabesh immoo,<<Guutummaa biyya Israa'elitti namoota erginaatii guyyaa torba nuuf kenni! Gidduu kanatti nu oolchuudhaaf namni tokko illee hin dhufu yoo ta'e garuu harka keenya sitti in kennina>> jedhan. 4Warri ergamanis gara Giibe'aa mandara Saa'ol dhufanii, dubbicha namoota mandara sanaatti yommuu himan, namoonni mandarichaa sagalee isaanii ol fudhatanii in boo'an.
5Utuu isaan boo'aa jiranii, Saa'ol bakkeedhaa saawwan booddeedhaan dhufee,<<Jarri kun maal ta'anii boo'u?>> jedhee in gaafate; isaan immoo wanta namoonni Yaabesh dubbatan isatti in himan. 6Yeroo inni dubbicha dhaga'etti hafuurri Waaqayyoo humnaan in dhufeef; inni immoo aaree in finiine*. 7Kana irratti sangoota cimdii tokko fuudhee qalee, foon isaanii kukkutee, namootatti kekkennee guutummaa biyya Israa'elitti in erge; jarri ergamanis,<<Sangoonni warra Saa'olii fi Saamu'el duukaa lolaaf hin baanee akkas in kukkutamu>> jedhanii akka himan in godhe; kanaafis Israa'eloonni Waaqayyoon sodaatanii akka nama tokkotti walii wajjin in ba'an*. 8Saa'ol yommus Bezeqitti walitti isaan qabee lakkoofnaan gosoota Israa'el warra gara bitaa keessaa namoota kumaatama dhibba sadii, warra Yihudaa keessaa immoo namoota kuma soddoma in ta'an. 9Inni namoota ergamanii dhufaniin,<<Dhaqaatii, warra mandara Yaabesh Giil'aadiin,<<Bor yeroo aduun ho'utti gargaarsa in argattu>> jedhaa!>> jedhe; isaanis dhaqanii itti himnaan warri Yaabesh in gammadan. 10Achumaanis namoonni Yaabesh kun Nahaashiin,<<Nuyi bor harka keenya isinitti in kennina; isin waanuma ija keessanitti tole nu irratti raawwadhaa!>> jedhan*.
11Borumtaas Saa'ol namoota isaa kutata sadiitti in hire; isaan yeroo darabee dammaqa bariitti iddoo buufata Amoonotaatti lixanii hamma aduun ho'utti loltoota isaanii in rukutan; warri hafan immoo kara karaa waan tatamsa'aniif isaan keessaa namni lama illee wal biratti hin argamne.#6 16:13; Abo 13:25; 3:10 7 Abo 19:29 10 11:3
12Namoonni Israa'el kana irratti Saamu'eliin,<<Warri,<<Saa'ol nu irratti hin mo'in!>> jedhan eenyufa'i>> Namoota sana as nutti kenni! Nuyi iyyuu isaan in ajjeefna>> jedhan*. 13Saa'ol garuu,<<Har'a Waaqayyo Israa'eloota waan oolcheef, guyyaa kanatti namni tokko illee hin ajjeefamu!>> jedhe*. 14Achumaan Saamu'el jaraan,<<Kottaa gara Giilgal dhaqnee, achitti mootii ta'uu isaa kana in cimsinaa!>> jedhe. 15Jarris hundinuu gara Giilgal dhaqanii Saa'ol fuula Waaqayyoo duratti moosifamuun isaa achitti akka haareffamu in godhan; achumattis fuula Waaqayyoo duratti qalma araaraa in dhi'eessan; Saa'olii fi sabni Israa'el hundinuu kanatti baay'ee in gammadan*.#12 10:27 13 14:45 15 Iya 4:19-20
Currently Selected:
Macaafa Saamu'el Isa Duraa 11: MacQul
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.