Yeroo inni dubbicha dhaga'etti hafuurri Waaqayyoo humnaan in dhufeef; inni immoo aaree in finiine*. Kana irratti sangoota cimdii tokko fuudhee qalee, foon isaanii kukkutee, namootatti kekkennee guutummaa biyya Israa'elitti in erge; jarri ergamanis,<<Sangoonni warra Saa'olii fi Saamu'el duukaa lolaaf hin baanee akkas in kukkutamu>> jedhanii akka himan in godhe; kanaafis Israa'eloonni Waaqayyoon sodaatanii akka nama tokkotti walii wajjin in ba'an*.