Macaafa Saamu'el Isa Duraa 10
10
Saa'ol Mootii Ta'ee Dibamuu Isaa
1Achumaan Saamu'el dhadhaa ejersaa shurrubbee tokko fudhatee, mataa Saa'ol irratti dhangalaasee, isa dhungatees,<<Waaqayyo kunoo, saba dhuunfaa isaatii akka geggeessituuf si dibuu isaatii mitii ree*>> 2Har'a ana biraa kaatee yommuu adeemtu awwaala Raahel biratti Zelzaa daarii Benyaamiin irratti namoonni lama sitti in dhufu; isaanis,<<Harroonni ati barbaaduu dhaqxe argamaniiru; abbaan kees harrootaaf yaadda'uu dhiisee:- Waa'ee ilma kootii attaman godha laata>> jedhee siif yaadda'aa jira>> jedhanii sitti in himu. 3Isaan bira dabartee qilxuu Taabor bira yommuu geessu immoo namoonni Bet'elitti Waaqayyoof sagaduu dhaqan sadii sitti in dhufu; isaan keessaa inni tokko ilmoolee reettii sadii, inni tokko immoo buddeena sadii, inni tokkos daadhii waynii huubboo tokko baatanii in adeemu. 4Yommuu sitti dhufan nagaa si gaafatanii buddeena lama siif in kennu; atis isaan harkaa in fudhatta.#1 9:16; 16:13; 2Mot 9:6
5<<Kana booddees gara gaara Waaqayyoo iddoo loltoonni Filisxeemotaa jiran in dhaqxa; mandaratti yommuu lixxu kutanni raajotaa warri iddoo ol jedhaa irraa gad bu'an sitti in dhufu; raajonni sun raajii dubbachaa, kiraara, dibbee, ulullee fi maseenqoo dhageessisaa in adeemu turan. 6Yommus hafuurri Waaqayyoo humnaan siif in dhufa; ati immoo isaanii wajjin raajii in dubbatta; diddiiramtees nama kan biraa in taata*. 7Yommuu milikkinni kun ta'utti, Waaqayyo sii wajjin waan jiruuf waanuma harka keetti dhufe hojjedhu! 8Ana dura gara Giilgalitti gad bu'i! Kunoo, ani kennaa gubamuu fi qalma araaraa dhi'eessuudhaaf gara kee nan dhufa; hamma ani dhufee waan ati gootu sitti himutti guyyaa torbaaf na eegi!>> jedhe*.#6 Abo 13:25 8 13:8
9Saa'ol yommus Saamu'el biraa adeemuuf ka'e; akkuma inni achi qajeeleen, Waaqayyo yaada Saa'ol in diddiireef; milikkitoonni jedhaman hundinuus gaafasuma in ta'an. 10Saa'ol dargaggeessichaa wajjin gaara sana bira yommuu ga'e, kunoo, kutanni raajotaa isatti in dhufan; hafuurri Waaqayyoo humnaan isaaf dhufnaan, inni isaan gidduu bu'ee raajii in dubbate. 11Warri duraan isa beekan raajota gidduu bu'ee raajii dubbachuu isaa yeroo arganitti walii isaaniitiin,<<Ilma Qiishitti maaltu dhufe>> Saa'olis immoo raajota keessaa tokkoo?>> jedhan. 12Namni iddoo sanaa tokkos,<<Eenyu abbaan raajota kanaa?>> jedhee in gaafate; yommus,<<Saa'olis immoo raajota keessaa tokko>> jechuun mammaaksa beekamaa in ta'e*. 13Saa'ol raajii dubbachuu isaa erga raawwatee gara iddoo sagadaa isa ol ka'aatti ol in ba'e.#10-12 19:22-24
14Yeroo sanatti wasiilli Saa'ol tokko Saa'olii fi dargaggeessicha argee,<<Eessa turtan?>> jedhee in gaafate; Saa'ol immoo deebisee,<<Harroota barbaaduu dhaqnee turre; garuu harroonni sun dhabamnaan Saamu'el bira dhaqne>> jedhe. 15Kana irratti wasiilli Saa'ol,<<Hadaraa, waan Saamu'el siin jedhe anatti himi!>> jedhe. 16Saa'ol immoo,<<Harroonni dhuguma argamuu isaanii nutti himeera>> jedheen; waa'ee mootii ta'uu isa Saamu'el isatti dubbate garuu wasiila isaatti hin himne.
Saa'ol Mootii Ta'uun Isaa Beeksifamuu Isaa
17Ergasii Saamu'el saba Israa'elin iddoo <<Miisphaa>> jedhamutti Waaqayyo duratti walitti waamee*, 18<<Waaqayyo gooftichi Israa'el,<<Ani biyya Gibxiitii isin baaseen, harka warra Gibxii fi mootummoota warra isin dhiphisanii hundumaa isin oolche. 19Isin garuu har'a ana Waaqayyo keessan isa dhiphina keessanii fi rakkina keessan hundumaa keessaa isin baase tuffattanii:- Mootii nuuf moosisi malee, hin ta'u! jettan. Egaa amma akka gosa gosa keessaniittii fi akka qomoo qomoo keessaniitti fuula koo duratti dhi'aadhaa!>> isiniin jedha>> jedheen*.#17 7:5-7 19 8:7
20Yommus Saamu'el gosa Israa'el hundumaa walitti qabee dhi'eessinaan, isaan keessaa gosi Benyaamiin in fudhatame. 21Gosa Benyaamiin immoo akka qomoo qomoo isaaniitti dhi'eessinaan, qomoon Maxriis in fo'ame; qomoo Maxriis keessaa immoo Saa'ol ilmi Qiish in fudhatame; Saa'olin garuu barbaadanii isa arguu dhaban. 22Yommus,<<Namichi amma iyyuu as hin dhufne moo?>> jedhanii Waaqayyoon in gaafatan; Waaqayyos deebiseefii,<<Kunoo inni mi'a gidduu dhokatee jira>> jedhe. 23Isaanis fiigichaan dhaqanii achii isa in fidan; innis dhufee jara gidduu yommuu dhaabate, gatiittii isaatii olitti nama hundumaa caalaa dheeratee in mul'ate*. 24Saamu'el yeroo sanatti jara hundumaan,<<Nama Waaqayyo fo'e kana argituu>> Saba kana hundumaa keessa kan akka isaatii hin jiru!>> jedhe; jarris gammachuudhaan wacanii,<<Mootichi bara baraan haa jiraatu!>> jedhan*.#23 9:2 24 1Mot 1:25,34,39; 2Mot 11:12
25Yommus Saamu'el seera mootummaan sun ittiin bulu sabaaf ibsee, caaffata dhaabataa godhee caafee, fuula Waaqayyo dura iddoo qulqullaa'aa in kaa'e; ergasii jara hundumaa gad in dhiise; isaan adduma addaan gara mana mana isaaniitti in galan*. 26Saa'olis immoo Giibe'aatti deebi'ee gara mana isaatti in gale; loltoonni jajjaboonni warri Waaqayyo yaada isaanii kaase isa duukaa in dhaqan. 27Namoonni waa'ee hin baafne tokko garuu isa tuffatanii,<<Namni kun attamitti nu oolchuu danda'aa?>> jedhan malee, harka-fuudhaa hin kennineef; inni garuu calluma jedhee in dhiise.#25 Kes 17:14-20; 1Sam 8:11-18
Currently Selected:
Macaafa Saamu'el Isa Duraa 10: MacQul
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.