YouVersion Logo
Search Icon

Macaafa Saamu'el Isa Duraa 12

12
Saamu'el Gara Dhumaatti Israa'elootatti Dubbachuu Isaa
1Kana booddee Saamu'el Israa'eloota hundumaan,<<Kunoo! Ani waan isin anatti himattan isiniif dhaga'ee mootii isin irratti moosiseera. 2Amma immoo kunoo, isatu isin geggeessa; ani bara dargagummaa kootii jalqabee hamma har'aatti isin geggeesseera; ilmaan koos isinii wajjin jiru; amma garuu ani dulloomee harrii baaseera. 3Isin keessaa eenyufa'i irraan qotiyyoo yookiis harree fudhadhe>> Eenyufaan cunqurse>> Eenyufaanis miidhe>> Dhugaa namaa balleessuudhaaf eenyufaa harkaan gabbarsuu fudhadhe>> Ani kunoo asan jira har'a Waaqayyo duratti, isa inni dibee moosise kana durattis dhugaa ba'aa! Kana godhee yoon jiraadhe anis isiniif nan deebisa>> jedhe*. 4Jarri yommus deebisaniifii,<<Ati homaa nu hin cunqursine, nu hin miine, waan tokko illees nama tokko harkaa hin fudhanne>> jedhan. 5Saamu'elis jaraan,<<Har'a isin ana irraa waan tokko illee akka hin argatin Waaqayyoo fi mootichi inni dibee moosise kun dhuga-baatuu dha!>> jedhe; isaanis,<<Eyyee, dhuga-baatuu dha!>> jedhan.#3 Lak 16:15
6Saamu'el yommus namoota Israa'eliin,<<Waaqayyo kun isa Musee fi Aaronin uume, isa abboota keessanis biyya Gibxiitii baasee dha. 7Ammas wanta Waaqayyo qajeelummaa isaatiin isinii fi abboota keessaniif hojjete hundumaaf fuula Waaqayyoo duratti ani isinitti nan falmaatii dhaabadhaa! 8Yaaqoob maatii isaatii wajjin Gibxitti erga galee booddee, sababii warri biyyasii isaan cunqursaniif abboonni keessan Waaqayyotti in iyyatan; Waaqayyo yommus Musee fi Aaron warra abboota keessan biyya Gibxiitii baasanii iddoo kana akka isaan jiraatan godhan isaaniif in erge*. 9Isaan garuu Waaqayyoon gooftaa isaanii in irraanfatan; kanaaf Waaqayyo harka Siiseraa abbaa duulaa Hazoor, harka Filisxeemotaa fi harka mootii Mo'aab warra isaan lolanii jala isaan in galche*. 10Yommus abboonni keessan,<<Sababii Waaqayyo keenya dhiifnee, Ba'aalii fi Ashtaarotiif hojjenneef nuyi cubbuu hojjenneerra; ammas harka diinota keenyaa nu oolchi! Nus siif in hojjennaa>> jedhanii gara Waaqayyootti in iyyatan*. 11Waaqayyo yommus Yiruub-Ba'aalin, Bedaanin, Yiftaa, gara dhumaatti immoo ana Saamu'elin isiniif ergee, harka diinota naannoo keessan jiranii isin in oolche; isinis nagaatti in jiraattan*.#6-8 Bau 2:23; 6:26 9 Abo 4:2; 3:12; 13:1 10 Abo 10:10; Dan 9:9-19 11 Abo 7:1; 11:29; 1Sam 3:20
12<<Yommuu Nahaash mootiin warra Amoon isin rukutuuf isinitti dhufetti, Waaqayyo gooftaan keessan mootii keessan ta'ee utuma jiruu,<<Mootii nuuf moosisi malee hin ta'u>> naan jettan*. 13Mootiin isin barbaaddan kan isin fo'attanis kunoo ti! Kunoo, Waaqayyo mootii isin irratti moosiseera. 14Isin, Waaqayyoon yoo sodaattan, isaaf yoo hojjettan, dubbii isaa yoo dhaggeeffattanis, diddanii sagalee isaa irratti yoo ka'uu dhabaattan, isin, mootiin isin irratti moosifames duuka-buutuu Waaqayyo gooftaa keessanii in taatu*. 15Isin garuu dubbii Waaqayyoo dhaggeeffachuu diddanii, sagalee isaa irratti yoo kaatan, Waaqayyo abboota keessan irratti harka isaa akkuma ol fudhate isin irrattis ol in fudhata*. 16Ammas dhaabadhaatii wanta guddaa Waaqayyo isin duratti gochuudhaaf jedhu kana ilaalaa! 17Amma yeroon kun yeroo qamadiin itti haamamu mitii ree>> Garuu qaqaweessa'e bokkaa akka roobsuuf Waaqayyoon nan kadhadha; isinis kana yommuu argitan,<<Mootii, nuuf moosisi!>> jettanii gaafachuun keessan jal'inni isin Waaqayyo duratti hojjettan guddaa akka ta'e in hubattu>> jedhe. 18Saamu'el kana booddee Waaqayyoon in kadhate; Waaqayyos gaafasuma qaqaweessa'ee bokkaa in roobsise; kana irratti jarri hundinuu Waaqayyoo fi Saamu'eliin guddisanii in sodaatan.#12 11:1-2; 8:5,19 14 Kes 13:5 15 Abo 2:13-15
Saamu'el Akka Isaaniif Kadhatuuf Itti Himachuu Isaanii
19Yommus jarri hundinuu,<<Nuyi,<<Mootii nuuf moosisi!>> jennee gaafachuun keenya cubbuu keenya hundumaa irratti jal'ina daballeerra; kanaafis nuyi akka hin duunetti Waaqayyoon gooftaa kee nuyi garboota keetiif kadhadhu!>> jedhan. 20Saamu'el immoo jaraan,<<Isin wanta hamaa kana hundumaa hojjettaniittu; amma immoo hin sodaatinaa! Garaa keessan guutuudhaan Waaqayyoof hojjedhaa malee, isa irraa gara hin galinaa! 21Waaqayyolii tolfamoon kan waa'ee hin baafne waan ta'aniif, isaan isin hin gargaaran, isin hin oolchanis; kanaaf gara isaaniitti hin gorinaa*! 22Waaqayyo saba isaa isin godhachuun waan isatti toleef, inni ulfina maqaa isaa isa guddaadhaaf jedhee isin hin dhiisu*. 23Ani karaa isa gaarii fi isa qajeelaa isin nan barsiisa; isiniif kadhachuu dhiisuudhaan Waaqayyo duratti cubbuu hojjechuun immoo ana irraa haa fagaatu*! 24Mee wanta gurguddaa Waaqayyo isiniif godhe yaadadhaa! Isa duwwaa sodaadhaa! Amanamummaadhaan garaa keessan guutuudhaanis isaaf hojjedhaa! 25Wanta hamaa hojjechuu yoo itti fuftan garuu isin, mootiin keessanis raawwattanii in baddu>> jedhe.#21 Far 115:4-8; Isa 41:29 22 Kes 19:6; 26:17-18; 27:9; 29:11-14; 2Sam 7:24 23 7:8-9

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in

Video for Macaafa Saamu'el Isa Duraa 12