YouVersion Logo
Search Icon

Macaafa Moototaa Isa Duraa 16

16
Yehuun Waa'ee Baa'ishaaf Raajii Dubbachuu Isaa
1Dubbiin Waaqayyo yommus Baa'ishaa mootii Israa'el irratti dubbate gara Yehuu raajicha ilma Haannaanii in dhufe; 2inni,<<Dhaqiitii Baa'ishaadhaan,<<Waaqayyo:- Ani awwaara keessaa si kaaseen geggeessituu saba koo Israa'el si godhe; ati garuu karaa Yerobi'aam irra deddeebitee, sabni koo Israa'el cubbuu akka hojjetan, cubbuu hojjetan sanaanis tuttuqanii akka na aarsan in goote. 3Kanaafis ani kunoo raawwadhee lafa irraa sin balleessa; akkuman maatii Yerobi'aam ilma Nebaat balleesse, maatii kees lafa irraa nan balleessa*; 4sanyii kee keessaa warra mandara keessatti du'an immoo allaattota qilleensa keessa balali'antu nyaata siin jedha>> jedhiin!>> jedhe*.#3 15:29; 16:11-12 4 14:11
5Waa'een Baa'ishaa inni hafe, wanti inni hojjete, jabinni isaas macaafa seenaa mootota Israa'el keessatti caafameera mitii ree>> 6Baa'ishaan du'ee Tiirzaatti in awwaalame; Elaa ilmi isaa immoo qooda isaa mootii in ta'e. 7Sababii inni Waaqayyo duratti wanta hamaa hojjetee, akkuma maatii Yerobi'aam ta'uudhaan wanta hojjete sanaan tuttuqee isa aarsee, maatii Yerobi'aam hundumaas ajjeesee fixeef, dubbiin Waaqayyoo karaa Yehuu raajichaa ilma Haannaanii Baa'ishaa fi maatii Baa'ishaa irratti dhufee ture.
Elaa Mootii Israa'el Ta'uu Isaa
8Aasaan mootiin Yihudaa mo'ee waggaa digdamii ja'affaa isaatti, Elaa ilmi Baa'ishaa Tiirzaa keessa taa'ee Israa'el irratti waggaa lama in mo'e. 9Hojjetoota isaa warra gurguddoota keessaa Ziimriin itti gaafatamaan walakkaa konkolaattota isaatii garuu isatti in korate; yeroo sanatti Elaa mootichi dhugee machaa'ee mana Aarzaa isa itti gaafatamaa mana mootummaa mandara Tiirzaa keessa ture. 10Achitti Ziimriin ol itti galee rukutee isa in ajjeese; qooda isaas ofii isaatii mootii Israa'el in ta'e; kunis Aasaan mootiin Yihudaa mo'ee waggaa digdamii torbaffaa isaatti ture*.#10 2Mot 9:31
11Ziimriin akkuma mo'ee teessoo irra taa'een, maatii Baa'ishaa guutummaatti ajjeesee in fixe; aantii isaa yookiis firoota isaa keessaa dhiira kan ta'e tokko illee utuu hin hambisin ajjeesee in fixe. 12Ziimriin akkuma dubbii Waaqayyoo isa karaa Yehuu raajichaa waa'ee Baa'ishaatiif dubbatametti, maatii Baa'ishaa guutummaatti in balleesse. 13Baa'ishaanii fi ilmi isaa Elaa waaqayyolii tolfamoo isaanii warra waa'ee hin baafne waaqessuu isaaniitiin cubbuu isa ofii isaaniitii hojjetanii, Israa'eloonnis akka hojjetan godhan hundumaan Waaqayyoon gooftaa Israa'el tuttuqanii in aarsan. 14Waa'een Elaa inni hafe, wanti inni bara mootummaa isaa keessa hojjete hundinuus macaafa seenaa mootota Israa'el keessatti caafameera mitii ree>>
Ziimriin Mootii Israa'el Ta'uu Isaa
15Aasaan mootiin Yihudaa mo'ee waggaa digdamii torbaffaa isaatti, Ziimriin Tiirzaa keessa taa'ee guyyaa torbaaf in mo'e; loltoonni Israa'el Giibetoon mandara warra Filiisxiyaa marsanii in buufatan*. 16Ziimriin mootichatti koratee akka isa ajjeese loltoonni buufata sana keessa jiran yommuu dhaga'an, gaafasuma,<<Omriin ajajjuun humna waraanaa mootii Israa'el!>> jedhanii iddoo buufataa keessatti in labsan. 17Yommus Omriin loltoota isaa hundumaa wajjin mandara Giibetoonii ka'ee dhaqee mandara Tiirzaatti in marse. 18Mandarattiin akka qabamte Ziimriin yommuu arge, masaraa mana mootummaatti ol lixee manichatti ibidda qabsiisee, isa keessa in du'e. 19Kun sababii inni karaa Yerobi'aam irra deddeebi'ee, cubbuu isuma inni hojjete ofii isaatii hojjetee, saba Israa'elis hojjechiisuudhaan Waaqayyo duratti wanta hamaa hojjeteef ta'e. 20Waa'een mootummaa Ziimrii inni hafe, waa'een korannaa isaatiis macaafa seenaa mootota Israa'el keessatti caafameera mitii ree?#15 15:27
Omriin Mootii Israa'el Ta'uu Isaa
21Yommus sabni Israa'el iddoo lamatti gargar in hiraman; walakkaan Tiibnii ilmi Giinat akka mo'u gochuudhaaf gara isaa goran, walakkaan immoo gara Omrii in goran. 22Namoonni gara Omrii goran, namoota gara Tiibnii ilma Giinat goran caalaa in jabaatan; Tiibniin in du'e, Omriin immoo mootii in ta'e. 23Aasaan mootiin Yihudaa mo'ee waggaa soddomii tokkoffaa isaatti, Omriin mootii Israa'el ta'ee waggaa kudha lama in mo'e; waggaa ja'an duraa mandara Tiirzaa keessa taa'ee in mo'e. 24Inni gaara Shamroon meetii kiilo graamii torbaatama miijanuun Shemerittii bitatee mandara irratti ijaaree, maqaa mandarichaa immoo maqaa Shemer isa gaara sana itti gurgureetiin <<Samaariyaa>> jedhee in moggaase.
25Omriin mootota warra isa dura turan caalaa Waaqayyo duratti wanta hamaa hojjechuudhaan isa in yakke. 26Inni cubbuu isa Yerobi'aam ilmi Nebaat ofii isaatii hojjetee, Israa'elootas hojjechiisee, waaqayyolii isaanii warra waa'ee hin baafneen Waaqayyoon tuttuqanii akka aarsan godhe sana guutummaatti irra deddeebi'ee in hojjete. 27Waa'een Omrii inni hafe, wanti inni bara mootummaa isaa keessa hojjete, jabinni isaas macaafa seenaa mootota Israa'el keessatti caafameera mitii ree>> 28Omriin du'ee mandara Samaariyaatti in awwaalame; Ahaab ilmi isaa immoo qooda isaa mootii in ta'e.
Ahaab Mootii Israa'el Ta'uu Isaa
29Aasaan mootiin Yihudaa mo'ee waggaa soddomii saddeettaffaa isaatti, Ahaab ilmi Omrii Samaariyaa keessa taa'ee Israa'el irratti waggaa digdamii lama in mo'e. 30Ahaab ilmi Omrii mootota warra isa dura turan hundumaa caalaa Waaqayyo duratti wanta hamaa in hojjete. 31Cubbuu Yerobi'aam ilmi Nebaat hojjete irra deddeebi'ee hojjechuun akka waan xinnaatetti, isa irratti dabalee Iizaabel intala Etba'aal mootii Sidoon fuudhee, Ba'aaliif hojjechuu, isaaf sagaduus in jalqabe. 32Inni Samaariyaatti Ba'aaliif galma ijaaree, galmicha keessatti iddoo aarsaa in qopheesseef. 33Ahaab mootichi, waaqayyittii tolfamtuu<<Asheeraa>> jedhamtuuf bifa fakkeenyaa dhaabee, mootota Israa'el warra isa dura turan hundumaa caalaa, tuttuqee Waaqayyoon gooftaa Israa'el in aarse. 34Bara Ahaab keessa, Hii'el namni mandara Bet'el Yerikoo deebisee in ijaare; gaafa inni hundee mandara Yerikoo kaa'e, Abiiram ilma isaa isa angafatu du'e; gaafa inni karra isaa dhaabe immoo Seguub ilma isaa isa quxisuutu du'e; kunis akka dubbii Waaqayyoo isa karaa Iyaasuu ilma Nun dubbatametti in raawwatame*.#34 Iya 6:26

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in

Videos for Macaafa Moototaa Isa Duraa 16