Macaafa Moototaa Isa Duraa 17
17
Eliyaas Bokkaan Akka Hin Roobne Himuu Isaa
1Raajiin <<Eliyaas>> jedhamu tokko biyya Giil'aad keessaa iddoo <<Tishbee>> jedhamtu keessa in jiraata ture; inni Ahaab mootichaan,<<Dhugaa Waaqayyo gooftaa Israa'el, isa ani hojjedhuufii, hamma ani guyyaa isaa himutti, waggoota dhufan kana keessa fixeensi lafa irratti hin argamu yookiis bokkaan hin roobu!>> jedhe*. 2Yommus dubbiin Waaqayyoo gara Eliyaas dhufee, 3<<Iddoo kanaa ka'ii gara ba'a-biiftuutti achi adeemiitii laga Keriit isa Yordaanos irraa gara ba'a-biiftuu jiru keessa dhokadhu! 4Lagicha keessaa bishaan in dhugda; achitti nyaata akka siif fidaniif qurruu siif abboomeera>> jedhe.#1 8:35; Yaq 5:17
5Eliyaas akkuma Waaqayyo isa abboometti gara laga Keriit isa Yordaanos irraa gara ba'a-biiftuu jiru sanaa dhaqee achi in taa'e. 6Qurruun immoo ganama ganamaa fi galgala galgala buddeenaa fi foon in fiduuf, bishaanis lagicha keessaa in dhuga ture.
Eliyaas Mandara Saraaphtaatti Ergamuu Isaa
7Sababii bokkaan biyyaa badeef guyyaa muraasa booddee lagichi in goge; 8yommus dubbiin Waaqayyoo gara Eliyaas dhufee, 9<<Ka'ii, gara mandara Saraaphtaa isa kutaa biyya Sidoon keessaa dhaqii, achi taa'i! Haati hiyyeessaa achi jiraattu tokko nyaata akka siif laattuuf ani siif abboomeera>> jedhe*. 10Kana irratti Eliyaas ka'ee gara mandara Saraaphtaa dhaqee balbala kellaa mandarattii bira yommuu ga'e, dubartii qoraan funaannattu tokko in arge; inni ishee waamee,<<Hadaraa bishaan dhugaatii willeetti anaaf fidi!>> jedheen. 11Isheen bishaan isaaf fiduuf dhaqaa utuu jirtuu, ishee waamee,<<Hadaraa! Buddeena cabduu tokkos immoo harkatti qabadhuu kottu!>> jedheen. 12Isheen immoo deebiftee,<<Dhugaa Waaqayyo gooftaa kee isa jiraataa ti, ani daakuu konyee tokkittii huuroo keessa jirtuu fi dhadhaa ejersaa muraasa cuggee keessa jirtu malee, buddeena tokko illee hin qabu; kunoo ani gara manaatti galee ishee qodaa keessa jirtu kana tolchee anii fi mucaan koo akka nyaannuuf qoraan bu'achaan jira; isa booddee garuu du'uma duwwaatu nu eeggata>> jetteen.#9 Luq 4:25-26
13Eliyaas isheedhaan,<<Hin sodaatin, dhaqiitii akkuma jette godhi! Garuu wanta qabdu irraa dura bixxillee xinnoo ishee tolchii anaaf fidi! Kana booddees ofii keetiif, ilma keetiifis immoo waa tolchi! 14Waaqayyo gooftichi Israa'el,<<Hamma guyyaa ani Waaqayyo lafa irratti bokkaa roobsutti, daakichi huuroo keessaa hin dhumu, dhadhaan ejersaas cuggee keessaa hin dhabamu>> jedha>> jedhe*. 15Isheen dhaqxee akkuma Eliyaas jedhe in goote; akkasitti Eliyaas, isheen, warri mana ishee keessaas nyaata guyyaa baay'eedhaaf isaan ga'u in argatan. 16Waaqayyo karaa Eliyaas raajichaa akkuma dubbate, daakichi huuroo keessaa hin dhumne, dhadhaan ejersaas cuggee keessaa hin dhabamne.#14 2Mot 4:2-4
17Guyyaa muraasa booddee ilmi dubartii haadha mana sanaa in dhukkubsate; dhukkubni isaa ittuma jabaatee hafuura baafachuu hamma isa dadhabsiisutti in ga'e. 18Isheen immoo Eliyaasiin,<<Ati yaa nama Waaqayyo, maal na irraa qabda>> Ati yakka koo yaadachiisuudhaaf, ilma koos ajjeesuudhaaf na bira dhuftee?>> jette.
19Eliyaas immoo deebisee,<<Ilma kee anatti kenni!>> jedhee harkaa fuudhee, gara iddoo ofii isaatii taa'u kutaa bantii mana irraatti geessee siree ofii isaatii irra ciisu irra in ciibse. 20Achumaanis sagalee isaa ol fudhatee,<<Yaa Waaqayyo gooftaa ko, haadha hiyyeessaa ishee ani bira taa'u kana ilmi ishee akka du'u gochuu keetiin wanta hamaa akkasii kana ishee irrattis immoo in fiddee ree?>> jedhee Waaqayyotti in boo'e. 21Yommus inni si'a sadii mucicha irratti diriiree,<<Yaa Waaqayyo gooftaa ko, hadaraa lubbuun mucaa kanaa akka itti deebi'u godhi!>> jedhee, Waaqayyoon in kadhate*. 22Waaqayyo kadhata Eliyaas dhaga'eefii, mucichatti lubbuu in deebise; akkasitti mucichi deebi'ee in jiraate. 23Eliyaas immoo kutaa bantii mana irraa sana keessaa mucicha fuudhee gad bu'ee,<<Kunoo, ilmi kee fayyeera>> jedhee haadha isaatti isa in kenne*. 24Yommus dubartiin sun Eliyaasiin,<<Ati nama Waaqayyoo akka taate, wanti Waaqayyo karaa kee dubbatus dhugaa akka ta'e ani amma hubadheera>> jette.#21 2Mot 4:34; HoE 20:10 23 Luq 7:15
Currently Selected:
Macaafa Moototaa Isa Duraa 17: MacQul
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.