Macaafa Moototaa Isa Duraa 15
15
Abiiyaan Mootii Yihudaa Ta'uu Isaa
(2Sen 13:1–14:1)
1Yerobi'aam ilmi Nebaat Israa'el irratti mo'ee waggaa kudha saddeettaffaa isaatti Abiiyaan biyya Yihudaa irratti mootii in ta'e. 2Abiiyaan mootichi Yerusaalem keessa taa'ee waggaa sadii in mo'e; maqaan haadha isaatii<<Ma'akaa>> jedhama; isheen intala Abiishaalom. 3Mootichi cubbuu abbaan isaa dur hojjechaa ture hundumaa in hojjete; inni akka Daawit akaakilii isaatii garaa isaa guutummaatti Waaqayyo gooftaa isaatiif hin kennine. 4Haa ta'u iyyuu malee, Waaqayyo gooftaan isaa sababii Daawitiif jedhee mandara Yerusaalem jabeessee, ilma isa booddeedhaan teessoo isaa irra taa'u kennuufii isaatiin isa akka ibsaatti abdachiifame sana in raawwateef. 5Kunis sababii Daawit waa'ee dubbii Uriiyaa Heetichaa irraa kan hafe bara jireenya isaa guutuu wanta Waaqayyo isa abboome hundumaa irraa utuu hin jal'atin fuula isaa duratti wanta qajeelaa hojjeteef ta'e*. 6Lolli Rehobiyaamii fi Yerobi'aam gidduu ture sun ammas Abiiyaa ilma Rehobiyaamitti darbee guutummaa bara jireenya isaatiitti ittuma fufe.#4-5 11:36
7Waa'een Abiiyaa mootichaa inni hafe, wanti inni bara mootummaa isaa keessa hojjete hundinuus macaafa seenaa mootota Yihudaa keessatti caafameera mitii ree>> Abiiyaanii fi Yerobi'aam wal lolaa turan. 8Abiiyaan du'ee, mandara Daawit keessatti in awwaalame; Aasaan ilmi isaa immoo qooda isaa mootii in ta'e.
Aasaan Mootii Yihudaa Ta'uu Isaa
(2Sen 15:16–16:6)
9Yerobi'aam Israa'el irratti mo'ee waggaa digdammaffaa isaatti, Aasaan biyya Yihudaa irratti mootii in ta'e. 10Inni Yerusaalem keessa taa'ee waggaa afurtamii tokko mo'e; maqaan akkoo isaatii<<Ma'akaa>> jedhama; isheen intala Abiishaalom. 11Aasaanis akkuma Daawit abaabayyuu isaa wanta fuula Waaqayyoo duratti qajeelaa ta'e in hojjete. 12Dhiirota galma keessatti ejjaaf qophaa'anii taa'an biyyicha keessaa in balleesse; waaqayyolii tolfamoo abboonni isaa hojjetatanis buqqisee in gate*. 13Inni akkoo isaa Ma'akaa ishee haadha mootii turte sana iyyuu sababii isheen fakkeenya Asheeraa waaqayyittii tolfamtuu isa jibbisiisaa dhaabbatteef, iddoo ulfinaa ishee irraa ishee buusee, waaqayyittii tolfamtuu ishees murmuree dachaa Qedroonitti in gube*. 14Iddoowwan waaqayyolii tolfamoof itti sagadan hundinuu diigamanii hin dhumne yoo ta'e iyyuu, Aasaan bara jireenya isaa hundumaa garaa isaa guutuu Waaqayyoof of kennee ture*. 15Inni mi'a garaa garaa, meetii fi warqee isa abbaan isaatii fi inni ofii isaatii Waaqayyoof addaan baasanii turan hundumaa fidee mana qulqullummaa keessa in kaa'e.#12 14:24; 2Mot 23:7; 2Sen 14:1-4 13 2Mot 23:4,6,12 14 8:61
16Aasaan mootiin Yihudaa fi Baa'ishaan mootiin Israa'el bara mootummaa isaanii hundumaa wal waraanaa turan. 17Baa'ishaan mootiin Israa'el biyya Yihudaatti duulee, karaa sana namni gara biyya Yihudaatti akka hin linnetti, achi keessaas akka hin baanetti mandara Raamaatti masaraa jabeessee in ijaare. 18Kana irratti Aasaan meetii fi warqee iddoo qabeenyi mana qulqullummaa fi qabeenyi mana mootummaa taa'u keessatti hafan hundumaa fuudhee hojjetoota isaa warra gurguddootatti kennee Ben-Hadaad mootii Sooriyaa isa Damaasqoo keessa jiraatuuf in erge; Ben-Hadaad kun ilma Xaabriimon Heziyon. 19Aasaan mootichi Baa'ishaadhaan,<<Akkuma abbaan koo fi abbaan kee kakuudhaan waliif galanii turan akkasuma anis sii wajjin kakuudhaan waliif galuu nan barbaada. Kunoo, ani kennaa meetii fi warqee siif ergeera, akka inni ana irraa deebi'utti isa Baa'ishaa mootii Israa'elii wajjin kakuudhaan waliif galtan sana cabsi!>> jedhe. 20Ben-Hadaad yommus Aasaa mootichaaf tole jedhee, ajajjuu humna waraanaa gara mandaroota Israa'elitti in erge; isaanis Iiyon, Daan, Abeel Bet-Ma'akaa, guutummaa Kenerootii fi guutummaa biyya Niftaalem in qabatan. 21Baa'ishaan mootiin Israa'el kana yommuu dhaga'e, mandara Raamaatti masaraa ijaarsisuu dhiisee deebi'ee Tiirzaa keessa in jiraate. 22Ergasii Aasaan mootichi namoota biyya Yihudaa hundumaatti labsii in labsisiise; isaan keessaa namni tokko illee utuu hin hafin dhufanii, dhagaa fi muka isa Baa'ishaan ittiin masaraa Raamaa ijaarsisaa ture sana fuudhanii in adeeman; Aasaan mootiin Yihudaa dhagaa kanaa fi muka kanaan Gebaa mandara Benyaamiinii fi Miisphaatti masaraa in ijaarsise.
23Dulluma isaa keessa garuu miilla isaatu dhukkubsate; waa'een Aasaa mootichaa inni hafe hundinuu, jabinni isaa, wanti inni bara mootummaa isaa keessa hojjete hundinuu, mandaroonni inni ijaares macaafa seenaa mootota Yihudaa keessatti caafameera mitii ree>> 24Aasaan du'ee, mandara Daawit keessatti abboota isaa biratti in awwaalame; Yoshaafaax ilmi isaa immoo qooda isaa mootii in ta'e.
Naadaab Mootii Israa'el Ta'uu Isaa
25Aasaa mootichi biyya Yihudaa irratti mo'ee waggaa lammaffaa isaatti Naadaab ilmi Yerobi'aam mootii ta'ee biyya Israa'el irratti waggaa lama in mo'e. 26Inni karaa abbaa isaatii irra in deddeebi'e; cubbuu isuma abbaan isaa hojjete ofii isaatii hojjetee, saba Israa'elis hojjechiisuu isaatiin Waaqayyo duratti wanta hamaa in hojjete.
27Naadaab kunii fi Israa'eloonni loltoonni isaa Giibetoon mandara Filisxeemotaatti marsanii utuu jiranii, gosa Yisaakor keessaa Baa'ishaa ilmi Ahiiyaa Naadaabitti malee, isa in ajjeese*. 28Aasaa mootiin Yihudaa mo'ee waggaa sadaffaa isaatti, Baa'ishaan immoo Naadaabin ajjeesee qooda isaa mootii in ta'e. 29Inni akkuma mootummaa isaa jalqabeen maatii Yerobi'aam guutummaatti ajjeesee in fixe; akkuma Waaqayyo karaa hojjetaa isaa Ahiiyaan Shiilonichaa dubbate, inni maatii Yerobi'aam tokko illee utuu hin hambisin guutummaatti in fixe*; 30kun sababii cubbuu isa Yerobi'aam ofii isaatii hojjetee, Israa'eloonni cubbuu akka hojjetan godhee, Waaqayyoon goofticha Israa'el immoo tuttuqee aarseef ta'e.#27 16:15 29 14:10
31Waa'een Naadaab mootichaa inni hafe, wanti inni bara mootummaa isaa keessa hojjete hundinuus macaafa seenaa mootota Israa'el keessatti caafameera mitii ree>> 32Aasaan mootiin Yihudaa fi Baa'ishaan mootiin Israa'el bara mootummaa isaanii hundumaa wal waraanaa turan.
Baa'ishaan Mootii Israa'el Ta'uu Isaa
33Aasaan mootiin Yihudaa mo'ee waggaa sadaffaa isaatti, Baa'ishaan ilmi Ahiiyaa Tiirzaa keessa taa'ee guutummaa biyya Israa'el irratti waggaa digdamii afur in mo'e. 34Inni karaa Yerobi'aam irra in deddeebi'e; cubbuu isuma Yerobi'aam hojjete ofii isaatii hojjetee, saba Israa'elis hojjechiisuu isaatiin Waaqayyo duratti wanta hamaa in hojjete.
Currently Selected:
Macaafa Moototaa Isa Duraa 15: MacQul
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.