Wongeela Luqaasii Seensa
Seensa
Wongeelli Luqaasii, bara heddu'uun duratti hin dhufa jedhamee ka raagotaan himameef, worri addiin tun kennanteef kolbaan Israa'elii ka eegataa turte, “Masiihii”, akkasuma, “Fayyisaa” sanyii nama maraa akka te'e mudhisiisaan Yesuus dhikeessa. Luqaas Yesuus, “Hiyyeeyyi'iif Oduu Gammadaa akka lallabuuf” Abbaa biraa akka ergamee fi Oduun Gammadaa tunille namoottaan rakkinna adda addaa qabanuuf ta fala qaddu akka teete odeessa. Wongeela Luqaasii keessatti marroo dhufiisa Yesuusii foorota dubbatanu ka jalqabaatii fi marroo gara ol-gubba'aa bayiisa Yesuusii, foorota dubbatanu ka dhumaa keessatti ifa tolfamee ka himame irra caalaa marroo gammadaa ti. Yesuus gara ol-gubba'aa bayeen duuba dhugeeffannaan kiristiyaanaa attam akka guddattee fi akka badhatte dabarsiin hintu kitaaba Hujii Ergantootaa keessatti barreessaa kanaanuu himanteerti.
Marroo faaruu ergantoota Waaqaa, yennaa Yesuus dhalate tissitooti akka dhaqanee ilaalane, Yesuus yennaa ijoollumma'aa gara Galma Waaqaa akka dhaqe, marroo namicha gosa Samaariya'aa naasallessaatii fi ilma badee dhaggamee dabarsiin dubbattu kitaaba Luqaasii keessa calla'atti dhagganti. Wongeela kana keessatti jalqabaa haga dhumaatitti xiyyeeffannaan guddoon ka kennanteef, marroo daadimataa, marroo Ayyaana Woyyichaa, tajaajila Yesuusii keessatti marroo qooda dubartooti qabanuutii fi cubbuu araaramuu Waaqaa ti.
Haadhoo Dubbi'ii
Itti Seensa 1:1-4
Dhaloota Yohaannisii Cuupha'aatii fi Yesuusii 1:5--2:52
Tajaajila Yohaannisii Cuupha'aa 3:1-20
Cuuphamiisaa fi ataabamiisa Yesuusii 3:21--4:13
Yesuus Galiilaa keessatti tajaajila jalqabuu 4:14--9:50
Galiila'aa gara Yerusaalemii 9:51--19:27
Torbaan dhumaatitti Yerusaalemii fi adaala isi'iititti 19:28--23:56
Du'aa ka'a, mudhatiisaa fi ol bayiisa Gootta'aa 24:1-53
Currently Selected:
Wongeela Luqaasii Seensa: GAXNT
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
Guji Oromo New Testament © Bible Society of Ethiopia, 2007.