YouVersion Logo
Search Icon

Wongeela Luqaasii 1

1
Itti Seensa
1Ulfaataa Tewofiloos!
Marroo waan odduu teennatti te'ee namooti hedduun barreessiisaaf wodhaananeeran. 2Ergaa tana worri nu'uuf dabarsane worra jalqabaa jalqabanee ila ifiitiin dhagganee fi worra dubbii tana lallabane. 3Maarre anille, waan mara jalqabaa jalqabee, akka dansaa waan qoradheeruuf, tarre'etti galchee si'iif barreessuun dansaa teetee anatti mudhatte. 4Wonni ati baratteertu dhugaa akka teete guutattee akka beettuuf, ani tana godhe.
Dhalooti Yohaannisii Cuupha'aa Duraanuu Himame
5Bara Heroodis mooticha biyya Yihuda'aa te'eerutti, balbala hayyootaa, gooree Abiya'aa keessaa hayyichi Zakkaariyaas jedhamu tokko jira. Niitiin isaalle sanyii Aaronii ti; maqaan isi'ii Elsaabeex jedhama. 6Isaan lamaanuu ajajaa fi seera Gootta'aa maraaf ajajamaa fuula Waaqaa duratti le'ii dansaa le'ane. 7Elsaabeex maseena waan teeteef, isaan ijoollee hin qabanu. Isaan lamaanuu guddoo dulloomaneeran. 8Gaafa tokko, badoon hujii hayyumma'aa ta hayyoota gooree Zakkaariyaasii waan teeteef, Zakkaariyaas fuula Waaqaa duratti hujii hayyummaa ifii hujiisaaf dhikaate. 9Akka aadaa hayyootaatitti, gara Galma Waaqaa seenee hixaana akka aarsuuf carra'aan filame. 10Yennaa hixaanni aarfamu san, gumiin alatti daadimatiisatti jirti. 11Ergamaan Waaqaa addee hixaanni itti aarfamu gara middaatiin dhaabbatee Zakkaariyaasitti mudhate. 12Zakkaariyaas yennaa isa dhagge rifatee sodaate. 13Ergantichi Waaqaa ammoo, “Zakkaariyaas hin sodaatin! Waaqi daadimata keeti dhage'eera; niitiin teeti Elsaabeex ilma si'iif hin deetti; maqaa isaalle Yohaannis jettee baatta. 14Yennaa inni dhalate ati guddoo hin gammadda; kolbaan hedduulle guddoo gammaddi. 15Inni fuula Gootta'aa duratti guddaa hin te'a; daadhii woyni'ii yookiin untoo macheessitu ijjumaa hin unu; gadaamessa haadha ifiitii jalqabee Ayyaana Woyyichaan hin guutama. 16Kolbaa Israa'elii hedduu gara Waaqa Goottaa isaanii hin deebisa. 17Akkuma Eliyaasii raagichaa Ayyaanaa fi hunna qabaatee, yaada abbooti'iitii fi ijoolle'ee tokko tolchiisaaf, kolbaa hin ajajanne gara yaada balchoole'eetitti deebisiisaaf, kolbaalle Gootta'aaf qopheessiisaaf Gootta'aan dura hin ideema” isaan jedhe.
18Zakkaariyaas Erganticha Waaqaatiin, “Wonni kun akka teetu attamiin beeka? Anii fi haati manaa tiyyalle dulloonneerra” jedhe.
19Ergantichi Waaqaalle, “Ani Gabri'eel, ka fuula Waaqaa dura dhaabbadhu, oduu gammadaa tana sitti himiisaaf ergamee dhufe. 20Ati ammoo ergaa tiyya ta yennaa te'uu maltetti, te'uu jirtu hin dhugeeffanne. Waan dhugeeffatiisa dhaddeef haga wonni kun teetutti, afaan hin duudda; dubbatiisalle hin dandeettu” jedhee deebise. 21Kolbaan yennaa san Zakaariyaas eegatiisatti jirtu, inni Galma Waaqaa keessatti turee jennaan maadeffatte. 22Inni yennaa gad baye, isaan woliin dubbatiisa dadhabee jennaan, akka inni Galma Waaqaa keessatti mudhii dhaggeeru beekane. Inni dubbatiisa dadhabee harka ifiitiin isaaniif beessisa kenne. 23Yennaan Zakkaariyaas Galma Waaqaa keessatti tajaajilu hobbaatee jennaan gara mana ifii deebi'ee gale. 24Eega san adoo hin turin niitiin isaa Elsaabeex ulfoottee, haga ji'a shanii mana ifii keessatti dhokatte. 25Isiin, “Goottaan tana anaaf godhee, amma gara duubaatitti ana qaabbatee salphinnaa kiyya ka kolbaa oddu'uu na irraa dhoogge” jette.
Dhalooti Yesuusii Duraanuu Himame
26Elsaabeex ulfoottee ji'a ja'eesso'ootitti Waaqi erganticha Gabri'eel gara qachaa Naaziretii ka Galiilaa keessatti dhaggamuu, 27gara durra duuddu'uu ta Maariyaam jedhantuu takka erge. Isiin nama Yoseef jedhamu ka sanyii Mooticha Daawwitii keessaa dhalate tokkoof kadhatanteerti. 28Ergantichi Waaqaa gara isi'ii dhufee, “Ati ta guddoo badhaateertu; nageenni si'iif te'u; Goottaan si woliin jira!” isi'iin jedhe.
29Maariyaamiin dubbii erganticha Waaqaa mantee “Kun nageya attamiiti?” jettee yaadatte. 30Ergantichi Waaqaa isi'iin, “Maariyaam, hin sodaatin! Waaqi si badhaaseera. 31Ati ulfoottee ilma hin deetta; maqaa isaalle Yesuus jettaan. 32Inni guddaa hin te'a, Ilma Waaqa Ol Aana'aalle hin jedhama. Goottaan Waaqi akkuma abbaa isaa Daawwitii isa hin mootonsa. 33Inni kolbaa Israa'eliitiif haga barabaraa mootii hin te'a, mootummaan isaalle dhuma hin qaddu” jedhe.
34Maariyaam eraganticha Waaqaatiin, “Ani durra duuddu'u; tun attam te'iisaa dandeetti?” jette.
35Ergantichi Waaqaalle deebisee, “Ayyaanni Woyyichi si'itti hin dhufa, hunni Waaqa Ol Aana'aalle si irratti hin buuti. Tanaaf daa'inni woyyichi dhalatu Ilma Waaqaa hin jedhama. 36Firri teeti Elsaabeex ta maseente jedhante, guddoo dulloontulle, amma ammoo isiinuu ulfoottee kun ji'a ja'eesso'oo ti. 37Waaqaaf wonni hin dande'anne hin jirtu” jedhe. 38Maarre Maariyaam, “Ani tajaajiltuu Gootta'aa ti. Akkuma ati jette anaaf teetuutii!” jette. Achiin duuba ergantichi Waaqaa isii biraa deeme. 39Eega san adoo hin turin Maariyaam kaatee, gara qachaa biyya Yihudaa koobitti'ii keessaa tokko ariifattee dhaxxe. 40Isiin mana Zakkaariyaasii seentee, Elsaabeex nageya fuute. 41Elsaabeex nageya Maariyaami'ii yennaa dhageette, annuun gadaamessa isi'ii keessa utaale. Elsaabeex Ayyaana Woyyichaan guutantee, 42qoonqoo ol qabattee, “Ati dubartii mara caalaa ta eebbifante, mucaan ati deettulle ka eebbifame! 43Haati Goottaa kiyyaa gara kiyya dhuttee, akka ana dubbittuuf ulfinni akkanaa maaf anaa te'e? 44Akkuma qoonqoo nageya fuudhiisa keetii gurri kiyya dhage'een, finni gadaamessa kiyya keessaa gammadee utaale. 45Dubbiin Goottaan isi'itti dubbate akka muummottu ta dhugeeffatte ta badhaate” jette.
Faaruu Maariyaami'ii Ta Galataa
46Maariyaam, “Lubbuun tiyya Goottaa galateessiti; 47ayyaanni kiyyalle Waaqa fayyisaa kiyyatti hin gammada. 48Inni garbittii ifii gad aantuu qaabbateera;
ammaa jalqabee dhalooti duudiin ta badhaate anaan jedha. 49Waaqi dande'aan waan guddoo anaaf godhe.
Maqaan isaalle woyyicha.
50Marartiin#1:50 marartiin: naasuun isaa worra isa sodaatuuf
dhalootaa haga dhalootaa ti.
51Inni dandeettuu irree#1:51 irree: hirree ifii mudhisee,
worra kooru yaada gadhaa isaanii woliin firfisse.
52Mootota jajjaba barcumaa mootummaa isaanii irraa buusee, worra gad aanaa ol kaase.
53Worra beelowe waan dansa'aan quussee,
dureeyyii harka duwwaa gad lakkise.
54-55Abbootii teenna Abrahaamii fi sanyii isaa maraaf addii haga bara baraa kenne qaabbatee,
marartii ifiitiin garbicha ifii Israa'el gargaareera” jette.
56Maariyaam gara ji'a sadii Elsaabeex woliin turtee, achiin duuba gara mana ifii deebite.
Dhaloota Yohaannisii Cuupha'aa
57Elsaabeex yennaan deettu geennaan, ilma deette. 58Ollootaa fi firoottan isi'ii akka Goottaan isi'iif guddoo marare dhagganee, isii woliin gammadane. 59Guyyaa saddeetesso'oo annuu haqanqabaa qabiisaaf worri dhufane, annuu maqaa abba'aatiin, Zakkaariyaas jedhanee baasiisaaf barbaadane. 60Haati isaa ammoo, “Waawwoo! Maqaan isaa Yohaannis jedhamuu qaba” jette. 61Isaan isi'iin, “Worra keeti keessaa maqaa kanaan ka waamameeru tokkolle hin jiru” jedhane. 62Achiin duuba abbaan isaa eennu jedhee maqaa isaa baasiisaaf akka barbaadu beessisaan gaafatane. 63Zakkaariyaas waan irratti barreessu gaafatee, “Maqaan isaa Yohaannis” jedhe barreesse. Isaan martinuu waan kana baaseffatane. 64Yennuma san arrabi isaa hiikamee, dubbatiisa dande'ee, Waaqa galateeffate. 65Ollaan marti waan te'e kana sodaate. Oduun waan kanaalle biyya Yihuda'aa goorittii keessatti addee maratti odeeffante. 66Dhugumaan hunni Gootta'aa waan isa woliin jirtuuf, worri waan kana dhage'ane martinuu, “Mucaan kun maan te'inna laati?” jedhanee yaadatane.
Raaga Zakkaariyaas Dubbate
67Achiin duuba abbaan isaa Ayyaana Woyyichaan guutamee,
68“Kolbaa ifii gargaaree, bilisa baasiisaaf waan dhufeef,
Goottaan Waaqi Israa'elii galatoomuu!
69Sanyii Daawwitii tajaajilaa ifii irraa,
fayyisaa jabaa nu'uuf kaaseera.
70Bara durii, afaan raagota woyyootaatiin dubbatee,
71diinotaa fi harka worra nu jibbuu mara jalaa akka nu fayyisu addii nuuf kenneera.
72Abbootii teennaaf akka mararu addii kennee fi
gondooroo woyyittii ifii qaabbate.
73-75Bara le'ii teennaa mara fuula isaa duratti woyyumma'aa fi
balchumma'aan, sodaa malee akka isaaf tajaajillu, diinota keenna jalaa akka nu baasu, abbaa keenna Abrahaamiif kakuu gale.
76Mucaa kiyya, atille, raagicha Waaqa Ol Aana'aa hin jedhanta,
karaa Gootta'aa qopheessiisaaf isa dura hin ideenta.
77Kolbaan Waaqaa araara cubbu'uu kennamuun,
beekkuma fayyinnaa akka dhaggattu hinta.
78Waaqi keenna marara'aa fi gadhaa laafa'a.
Inni aduu fayyinnaa nu'uuf hin baasa.
79Inni worra dukkanaa fi gaaddisa du'aa keessa jiru maraaf hin issa;
miila keennalle karaa nageyaatitti hin qajeelcha” jedhee raage.
80Mucaan guddatee, Ayyanalle'een jabaate; haga guyyaan inni kolbaa Israa'eliititti mudhate gewutti goomolee keessa le'e.

Currently Selected:

Wongeela Luqaasii 1: GAXNT

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in