YouVersion Logo
Search Icon

Wongeela Luqaasii 2

2
Dhaloota Yesuusii
(Mat 1:18-25)
1Yennaa san worri mootummaa worra Rooma'aa jala jiranu mara akka laakkowamanu, mootiin moototaa Awugisxoos ajaja baase. 2Laakkossi kolba'aa ka matoomaa kun, bara Qereenewos bulchaa biyya Sooriya'aa te'eerutti te'e. 3Maarre nami maraa laakkowamiisaaf gara qachaa ifii dhaqe. 4Yoseefille dhalootaan sanyii Daawwitii waan te'eef, qachaa Naaziretii ka Galiilaa keessatti dhaggamuu bayee, gara qachaa Daawwitii, ka biyya Yihuda'aa keessatti dhaggamuu Beeteleem dhaqe. 5Inni intala kadhateeru, ta ulfa qaddu, Maariyaam woliin laakkowamiisaaf achi dhaqe. 6Adoo isaan Beeteleem keessa jiranuu, yennaan Maariyaamiin deettu geette. 7Isiin ilma angaficha deettee, mana keessumma'aa keessaa addee buli'ii waan dhabaneef, annuu hoccu'uun martee goongaa#2:7 goongaa: gonboo keessa irkitte.
Tissitootaa Fi Ergantoota Waaqaa
8Dirree adaala biyya saniitti tissitooti halkaniin horii tissaa bulanu jiran#2:8 tissitooti horii halkaniin tissaa bulanu: tissitooti horii miree yookiin foora bulchanu. 9Ergamaan waaqaa dedhuma isaanitti mudhatee, ulfinni Gootta'aalle isaanitti ifee jennaan bararaqane. 10Ergantichi Waaqaa ammoo, “Hin sodaatina'a! Ani oduu gammadaa ta kolbaa maraaf gammada guddaa teetu isinitti odeessisaaf dhufe. 11Adha qachaa Daawwitiititti fayyisaan isiniif dhalateera; inni Goottaa Kiristoos. 12Beessisi isaalle kana: annuu hoccu'uun maramee, goongaa keessa irkateeruun dhaggitan” isaaniin jedhe. 13Ergantooti Waaqaa ta ol-gubba'aa hedduun erganticha Waaqaa san woliin dedhuma mudhatanee, 14“Ulfinni ol-gubba'atti Waaqaaf te'u, lafalle'etti woraa inni jaallatuuf nageenni te'u” jedhanee Waaqaa galateeffatane. 15Ergantooti Waaqaa tissitoota lakkisanee gara ol-gubba'aa deebi'aneen duuba, tissitooti, “Ka'aa mee, gara Beeteleemii dhandhee, waan te'e kana, ka Goottaan nu'utti hime ilaallaa!” woliin jedhane. 16Maarre isaan ariifatanee dhaqanee, Maariyaamii fi Yoseef, daa'imalle goongaa keesssa irkateeruun dhaggane. 17Tissitooti yennaa isa dhaggane, waan ergamaan Waaqaa marroo daa'ima kanaatiif dubbate isaanitti odeessane. 18Worri waan kana dhage'ane maraa, waan tissitooti isaanitti odeessane baaseffatane. 19Maariyaam ammoo, waan kana mara gadhaa ifii keessatti qabattee itti yaadatte. 20Tissitooti akkuma ergamaan Waaqaa isaanitti hime teeteertuun waan dhage'anee fi dhagganne maraaf, Waaqa galateessaa leellisaa deebi'ane.
Yesuus Maqaa Baasane
21Guyyaan saddeetesso'oo dabareeruun, mucaa haqanqabaa qabiis yennaa geye, akkuma haati isaa adoo hin ulfooyin duratti ergamaan Waaqaa maqaa isaa baase “Yesuus” jedhane. 22Akka Seerri Muuse'ee ajajutti, yennaan qulqulloomiisaa geennaan, Maariyaami'ii fi Yoseef daa'ima Goottaa duratti dhiyeessiisaaf gara Yerusaalemii geessane. 23Seera Gootta'aa keessatti, “Ilmi angafichi maraa Gootta'aaf kennamee ka woyyoome te'a” jedhantee barreeffanteerti. 24Isaan akka seerri Gootta'aa jedhutti, saphaliisa lamaan yookiin ilmoolee cuquliisaa lamaan woreega dhiyeessiisaaf dhaqane. 25Yennaa san namichi maqaan isaa Simoon jedhamu ka Yerusaalem keessa le'u tokko jira. Inni nama balchaa, ka jiruu ifii Waaqaaf kenneeru. Inni nama fayyinna Israa'ellii eeggatiisatti jiru; Ayyaanni Woyyichille isa irra jira. 26Masiihii Gootta'aa adoo hin dhaggin akka inni hin duune Ayyaanni Woyyichi itti mudhise. 27Maariyaamii fi Yoseef akka Seera Muuse'eetittii waan barbaachisu godhiisaaf daa'ima Yesuus gara Galma Waaqaa yennaa fidane, Ayyaanni akka Simoon gara Galma Waaqaa deemu itti hime. 28Simoon daa'ima fuudhee habbaarratee,
29“Amma, Goottaa, addii kennite guutteerta,
ana tajaajilaa keetille nageyaan addee dhuga'aa geessi#2:29 addee dhuga'aa geessi: na fudhadhu.
30-31Fayyisiisa keeti ka ati fuula kolbaa maraa duratti qopheessite,
ilti tiyya dhaggiteerti.
32Ifi worra Yihudoota hin te'initti mudhisu kun,
kolbaa teeti Israa'eliifille ulfinna hin fida” jedhee Waaqa galateeffate.
33Abbaa fi haati Yesuusii waan Simoon marroo daa'imaatii dubbaate baaseffatane. 34Achiin duuba Simoon isaan eebbisee, Maariyaami'iin, “Daa'inni kun Israa'el keessatti nama heddu'uuf sababa badi'ii, nama heddu'uufille sababa fayyinnaa akka te'uuf Waaqaan filatameera. Inni beessisa Waaqa biraa kenname, ka kolbaan hedduun mormitu te'ee, 35yaada isaanii ka dhossa'aa ifatti hin baasa. Gaddi akka goraadee qaramee gadhaa keeti hin woraana” jedhe. 36Raagittiin Haannaa jedhantu, ta guddoo dulloonteertu takka, intalti Faanu'elii, ta gosa Aseerii achi jirti. Isiin heeruntee woggaa torba teetteen duuba, dhirsi isi'ii du'e. 37Kanaan duuba woggaan isi'ii saddeettamii afuri haga geettu, isiin Galma Waaqaa keessa laamaa fi daadimataan halkanii fi guyyaa Waaqa tajaajilte. 38Haannaan yennuma san dhuttee Waaqa galateeffattee, marroo daa'imaa worra bilisa bayiisa Yerusaalemii eegatu maratti dubbatte.
Gara Naaziretii Deebi'ane
39Yoseefii fi Maariyaam waan Seerri Gootta'aa ajaju mara hujanee fixaneen duuba, gara qachaa ifii Naaziret, ka Galiilaa keessatti dhaggamuu deebi'ane. #Mat 2:23 40Daa'inni guddatee jabaate; qarummaalle'een ka guutame te'e; badhaadhi Waaqaalle isa irra jira.
Yesuus Yennaa Ijoollichaa Galma Waaqaa Keessatti Hafe
41Abba'aa fi haati Yesuusii wogguma wogga'aan guyyaa Jila Irra Dabaramaa gara Yerusaalemii dhaqan. 42Yennaa Yesuus woggaa kudhanii lama guute, akkuma baratametti isaan gara jilaa dhaqane. 43Yennaa jilti hobbaate, gara manaa deebi'iisaaf ka'ane; Yesuus ammoo Yerusaalemitti hafe. Abba'aa fi haati isaa waan kana hin beenne. 44Waan inni worra woliin jiranu woliin jiru seyanee, guyyaa guutuu ideemaneen duuba firootaa fi jaalota ifii bira iyyaafatiisaaf ka'ane. 45Isaan yennaa isa dhabane, barbaadiisaaf gara Yerusaalemii deebi'ane. 46Guyyaa sadiin duuba Galma Waaqaa keessatti barsiisota woliin tee'ee, isaan caqasaa gaaffiille isaan gaafatiisatti jiruun dhaggane. 47Worri isa dhage'ane maraa beekkuma isaatii fi deebii inni deebise baaseffatane. 48Abba'aa fi haati isaa yennaa achitti isa dhaggane maalalane. Haati isaa, “Ilma kiyya maaf akkana nu tolchite? Anii fi abbaan keeti akka malee yaannee si barbaadiisatti jirra” isaan jette.
49Yesuus deebisee, “Isin maaf ana barbaaddan? Akka ani mana Abbaa kiyyaa keessa tee'uu male hin beennee?” isaaniin jedhe. 50Isaan ammoo waan inni dubbate hin hubanne.
51Achiin duuba Yesuus worra ifii woliin gara qachaa Naaziretii deebi'ee, worraafille ajajame. Haati isaa waan te'e san mara gadhaa ifiititti qabatte. 52Yesuus Waaqaa fi nama duratti, nafaan, qarumma'aa fi gaaro'oon guddate.

Currently Selected:

Wongeela Luqaasii 2: GAXNT

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in