YouVersion Logo
Search Icon

Wongeela Maarqoosii 16

16
Yesuus Du'aa Ka'e
(Mat 28:1-8; Luq 24:1-12; Yoh 20:1-10)
1Guyyaan Sanbataa dabareeruun duuba, Maariyaamiin qachaa Magdala'aa, Maariyaamiin haati Yaaqoobitii, Salomeellee dhaqanee nafa Yesuusii issiisaaf fiqiree bitane. 2Isaan guyyaa Dilbataa barii halkaniin, yennaa aduun baatu, gara boolla awaalaa dhaqane. 3Isaan kara'atti, “Eennutti afaan boolla awwaalaa irraa dhakaa nu'uuf gangalchaa?” woliin jedhane. 4Ammoo yennaa itti hiiqanee ilaalanee dhakaan guddaan bineensi sun duruu irraa garagalfameeruun dhaggane. 5Isaan boolla awwaalaa keessa yennaa seenane dargaggeessi tokko, woyaa adii uffatee gara middaatitti tee'eeruun dhagganee rifatane.
6Inni ammoo, “Hin rifatina'a! Isin Yesuusii Naaziretii ka fannifame barbaaddan. Inni ka'eera; as hin jiru. Addee isa keyane kunoo ilaala'a! 7Amma deema'aatii, barattoota isaatii fi Pheexroositti, ‘Inni isiniin dura Galiilaa dhaqa; akkuma isinitti hime achitti isa hin dhaggitan’ jedha'aa hima'a” isaaniin jedhe.
8Maarre dubartooti naasu'uun bararaqanee, boolla awwaalaa keessaa baayanee baqatane. Isaan waan sodataneeranuuf eennuulletti womaa hin dubbanne.
Yesuus Maariyaamii Qachaa Magdala'aatitti Mudhate#16:9 Woraabbi'ii fi hiikkaan durii gariin laakkossa 9-10 irratti, “Dubartooti gara Pheexroosiitii fi jaalota isaa dhaqanee, waan dhage'ane gabaassanee isaanitti himane. Kanaan duuba Yesuus ifumaafuu karaa barattoota ifiitiin ergaa fayyinna bara baraa woyyitti'ii fi ta haga bara baraa jiraattu karaa aduun baatuu haga aduun seentuutitti erge” jedhu qaban.
(Mat 28:9-10; Yoh 20:11-18)
[9Yesuus Dilbata ganama du'aa ka'een duuba, dursee Mariyaamii qachaa Magdala'aa, ta inni ayyaanoota hamoota torba keessaa baaseerutti mudhate. 10Isiin gara worra duri isa woliin jiranuu, ka guddoo booyiisatti jiranuu dhaxxee hinte. 11Isaan Yesuus hin jira jechuu isi'iitii fi akka isa dhaggitelle yennaa dhage'ane hin dhuggeeffane.
Yesuus Barattoota Lamaanitti Mudhate
(Luq 24:13-35)
12Eegii san Yesuus, barattooti lamaan qachaa keessaa bayanee adoo ideemiisatti jiranuu bifa dhibi'iin itti mudhate. 13Isaan deebi'anee worra kaanitti waan kana yennaa himane, isaan ammoo hin dhugeeffanne.
Yesuus Barattoota Kudhanii Tokkotti Mudhate
(Mat 28:16-20; Luq 24:36-49; Yoh 20:19-23; HuE 1:6-8)
14Eegii san Yesuus, barattooti kudhanii tokko adoo areerratiisatti jiranuu itti mudhate. Sababa isaan dhugeeffannaa dhabanee fi worra du'aa ka'iisa isaa dhaggane dhugeeffatiisa dhabiisaan mataa jabaataneef, inni isaan dheekkame. 15Achiin duuba inni, “Gara biyya lafaa duudii dhaqa'aatii, kolbaa maratti Oduu Gammadaa lallaba'a. 16Nami dhugeeffatee cuuphame mara hin fayya; ammoo ka hin dhugeeffanne mara itti murama. 17Worri anatti dhugeeffatu baasota akka tolchuuf hunni hin kennama. Isaan maqaa kiyyaan durriisota hin baasan; afaan haareyaan hin dubbatan; 18Yoo dhudhuufaa harkaan qabanee ol fuudhane, yookiin yoo waan nama ijjeesu unanelle isaan hin miidhu; worra fayyaa hin qanne irra harka ifii yoo keyane, worri sunille hin fayya” isaaniin jedhe.
Yesuus Gara Ol-gubba'aa Deebi'e
(Luq 24:50-53; HuE 1:9-11)
19Goottaan Yesuus isaan woliin dubbateen duuba, gara ol-gubba'aa fudhatamee, mogguu midda Waaqaatitti tee'e. #HuE 1:9-11 20Achiin duuba barattooti bayanee, addee duudii dhaqanee Oduu Gammadaa lallabane; Goottaan isaan woliin hojjatee baasota hojjatanteen lallaba isaanii mirkaneesse.]#16:20 Woraabbiin gariin laakkossa 9-20 Wongeela Maarqoos barreesse keessatti hin qabanu

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in