YouVersion Logo
Search Icon

Wongeela Yohaannisii 15

15
Yesuus Muka Woyni'ii Dhugicha
1Yesuus, “Muki woyni'ii dhugichi Ana; ka dhaabee guddisu Abbaa kiyya. 2Damee anatti jirtu ta midhaan hin buunne mara inni muree hin gata; dameen midhaan buuttu ammoo caalchitte akka midhaan buuttuuf, qaccee kutee qulqulleessa. 3Jecha ani isinitti dubbadheen isin ammumaayyuu qulqullootaneertan. 4Anaan jiraadha'a, anille isiniin hin jiraadha. Dameeleen ifumaan midhaan buuttee hin dandeettu; muka woyni'iititti yoo jiraatte qofa midhaan buutti. Akkasuma isinille yoo anaan hin jiraatin midhaan buusuu hin dandeettanu.
5“Ani muka woyni'ii ti, isin dameele'e. Ka anaan jiraatu, ka anille isaan jiraadhu, inni midhaan hedduu hin buusa; anaan malee womaa godhuu hin dandeettanu. 6Ka anaan hin jiraanne mara akka dameele'ee gatamee goga; dameeleen akkasii wolitti qabantee ibiddatti gatantee gubanti. 7Isin yoo anaan jiraattane, jechi kiyyalle isin keessa yoo jiraate, waan feetane mara yoo kadhatane hin dhaggattan. 8Midhaan hedduu isin buuttanuun Abbaan kiyya ulfaata; barattoota tiyya te'uu keessanille mudhittan. 9Akkuma Abbaan kiyya ana jaallate anille isin jaalladhe; jaalala kiyyaan jiraadha'a. 10Akkuma ani ajaja Abbaa kiyyaa eegadhe jaalala isaatiin jiraadhu, isinille ajaja kiyya yoo eegattane, jaalala kiyyaan hin jiraattan.
11“Gammadi kiyya isin keessa akka jiraatuuf, gammadi keessanille guutuu akka te'uuf tana dubbadhe. 12Ajaji kiyya kana: akkuma ani isin jaalladhe, isinille wol jaalladha'a. 13Nami tokko jiruu ifii jaalota ifiitiif dabarsee kenniisa irra caalaa, jaalala caalu hin qabu. 14Waan ani isin ajaje yoo gootane isin jaalota tiyya. 15Haganaa achi garboota tiyya isiniin hin jedhu, sababille garbichi waan goottaan isaa godhu hin beeku. Ani waan Abbaa kiyya irraa dhage'e mara waan isinitti himeeruuf, jaalota tiyya isiniin jedheera. 16Anatti isin filate malee, isin ana hin filanne. Isin dhaxxanee midhaan jiraatu hedduu akka buuttanu, ani isin muudeera. Maarre waan maqaa kiyyaan kadhattane mara Abbaan kiyya isiniif hin kenna. 17Eegasuu ani akka isin wol jaallattanuuf isin ajaja” jedhe.
Jibbansa Biyya Lafaa
18“Biyyi lafaa yoo isin jibbite, isiniin duraa akka ana jibbiteertu beeka'a. 19Isin ka biyya lafaa adoo teetanee, biyyi lafaa ka isi'ii ka te'e silaa hin jaallattiiyyu. Isin ka biyya lafaa waan hin te'inii fi waan ani biyya lafaa tana keessaa isin filadheef biyyi lafaa isin jibbiti. 20Jecha ani, ‘Garbichi goottaa ifii hin caalu’ jedhee isinitti hime qaabbadha'a. Ana miidhanee yoo jiraatane, isinille hin miidhan; Jecha kiyyaaf ajajamanee yoo jiraatane, jecha keessanille'eef hin ajajaman. 21Isaan ka ana erge waan hin beenneef, isinille kiyya waan teetaneef, kana mara isin irratti godhan. 22Adoo ani dhufee isaanitti hin dubbatin te'ee, silaa cubbuu isaanitti hin teetuuyyu. Amma ammoo cubbuu ifiitiif sababa dhi'eeffatanu hin qabanu. 23Nami ana jibbu Abbaa kiyyalle hin jibba. 24Adoo hujii nami dhibiin ijjumaa hujee hin beenne odduu isaaniititti hin hujatin te'ee, silaa cubbuu isaanitti hin teetuuyyu; amma ammoo isaan waan ani huje adoo dhagganeeranuu, anaa fi Abbaa kiyyalle jibbane. 25Kunille, ‘Sababuma malee na jibbane’ jedhamee jechi Seera isaanii keessatti barreeffame akka muummowuuf te'e.
26“Ani Ayyaana dhuga'aa Jajjabeessaa, ka Abbaa biraa dhufu, isiniif hin erga. Inni anaaf dhugaa hin baya. 27Isinille jalqabaa jalqaddanee ana woliin waan jirtanuuf, dhugaa hin baatan” jedhe.

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in