Wongeela Yohaannisii 16
16
1Yesuus, “Dhugeeffannaa teessan irraa akka isin hin gufanneef, ani tana maraa isinitti hime. 2Mana Waaqeffannaa Yihudootaa keessaa isin baasan; nami isin ijjeesu tokko, waan Waaqaaf tajaajilu yennaan itti fakkaattu hin dhutti. 3Isaan waan Abbaa yookiin ana hin beenneef waan kana mara isin irratti godhan. 4Waan kana godhiisaaf yennaan isaanii yoo geette, waan ani isinitti hime akka qaabbattanuuf tana isinitti hime.
Ani isin woliin waan jiruuf, jalqaba irratti dubbi tana isinitti hin hinne” jedhe.
Hujii Ayyaana Woyyichaa
5Yesuus, “Ani ammoo amma gara ka ana ergee deemaara; isin keessaa nami tokkolle, ‘Eessa dhaqaarta?’ jedhee ana hin gaafatu. 6Ani waan tana isinitti himeef ammoo, gadhaan keessaan gaddaan guutameera. 7Ani ammoo dhugaa isinitti hima: ani yoo deeme isinii woyya; sababille ani yoo hin deemin, Jajjabeessaan gara keessan hin dhufu. Ani yoo deeme ammoo, isa gara keessan hin erga. 8Inni yennaa dhufe, marroo cubbu'uu, marroo balchumma'aatii fi marroo mura'aa kolbaa biyya lafaatitti hin mudhisa#16:8 hin mudhisa: hin kokachiisa. 9Isaan waan anatti hin dhugeeffatiniif, marroo cubbu'uu inni isaanitti hin mudhisa; 10Ani gara Abba'aa waan deemuuf, isinille deebitanee waan ana hin dhaggineef, inni marroo balchuma'aa hin mudhisa. 11Bulchaa lafa tanaatitti#16:11 bulchaa lafa tanaatitti: Seexanaatitti waan duruu muranteertuuf, inni marroo mura'aa mudhisa.
12“Ani waan hedduu isinitti himu qaba, amma ammoo qalbeeffatiisa hin dandeettanu. 13Ayyaanni dhuga'aa yennaa dhufe, inni gara dhuga'aa mara isin hin geessa. Inni ifirraa fuudhee hin dubbatu, ammoo waan dhage'ee fi waan dhufu'uu jiru dubbata. 14Inni waanuma ani jedhu fuudhee waan isinitti himuuf, ulfinna anaaf hin kenna. 15Wonni Abbaan qabu martinuu tiyya; tanaaf ani, ‘Ayyaanni Woyyichi waanuma ani jedhe fuudhee isinitti hima’ jedhee isinitti dubbadhe.
Gaddaa Fi Gammada
16“Yennaa diqqo'oon duuba ana hin dhaggitanu, ammalle yennaa diqqo'oon duuba deebitanee ana hin dhaggitan” jedhe. 17Barattoota isaa keessaa gariin, “ ‘Yennaa diqqo'oon duuba ana hin dhaggitanu, ammalle yennaa diqqo'oon duuba deebitanee ana hin dhaggitan; akkusuma inni ani gara Abba'aalle waan deemuuf’ nu'uun jechuun isaa kun maan?” jedhanee wol gagaafatane. 18Ittuma deebi'anee, “ ‘Yennaa diqqoo’ jechuun kun maan? Marroo maanii akka inni dubbatiisatti jiru nuuti hin beennu” jedhane.
19Yesuus akka isaan isa gaafatiisa barbaadane beekee, “ ‘Yennaa diqqo'oon duuba ana hin dhaggitanu, ammalle yennaa diqqo'oon duuba deebitanee ana hin dhaggitan’ waan ani jedheef, isin wol gagaafattanii? 20Ani dhugaa isinitti hima: isin waacittanee boottan, biyyi lafaa ammoo hin gammaddi; isin hin gadditan, gaddi keessan ammoo gara gammadaa hin jijjiirama. 21Dubartiin takka yennaa deyiisa geettu, yennaan ciniisu'uu waan geetteef hin gadditi; yennaa daa'imi dhalate ammoo, daa'imi gara biyya lafaa waan dhufeef gammaddee, rakkinna ifii deeti. 22Isin amma gaddiisatti jirtan; ani ammoo deebi'ee isin hin dhagga; gadhaan keessan hin gammada; gammada keessan eennulle isin irraa hin fudhatu.
23“Guyyaa san, isin womaa ana hin kadhattanu. Ani dhugaa isinitti hima: Waan isin maqaa kiyyaan Abbaa kadhattanu mara Abbaan isiniif hin kenna. 24Haga ammaa maqaa kiyyaan waan tokkolle hin kadhanne; gammadi keessan guutuu akka te'uuf, kadhadha'a hin fudhattan” isaaniin jedhe.
Injifatamuu Biyya Lafaa
25Yesuus, “Kana mara isinitti himiisaaf fakkeennaan dubbadheera. Yennaan ani fakkeennaan hin dubbanne hin dhutti; marroo Abba'aa ammoo ifa tolchee isinitti hima. 26Guyyaa san, isin maqaa kiyyaan hin kadhattan; ani Abbaa isiniif kadhadha isiniin hin jedhu. 27Isin waan ana jaallattaneef, akka ani Waaqa biraa dhufelle waan dhugeeffattaneef, Abbaanuu isin hin jaallata. 28Ani Abbaa biraa bayee gara biyya lafaa dhufe; amma biyya lafaa lakkisee deebi'ee gara Abba'aa deemaara” jedhe.
29Achiin duuba barattooti isaa, “Ati amma fakkeenna malee, ifa tolchitee dubbatiisatti jirta. 30Amma akka ati waan mara beettu, gaaffii nami qabu adoo inni si hin gaafatinille akka beettu nuuti beenneerra. Tanaaf akka ati Waaqa biraa dhutte nuuti hin dhugeeffanna” jedhaneen. 31Yesuus deebisee, “Isin amma dhugeeffattaneertanii? 32Yennaan isin qofi na lakkittanee namuu gara mana ifii bittinnaawu dhufiisatti jirti; ammaayyuu dhutteerti; ani qofii tiyya hin hafa. Abbaan na woliin waan jiruuf, ani ammoo qofi hin jiru. 33Anaan nageenni akka isinii te'uuf ani tana isinitti himeera. Biyyi lafaa isin hin rakkitti; ammoo jabaadha'a! Ani biyya lafaa injifadheera” jedhe.
Currently Selected:
Wongeela Yohaannisii 16: GAXNT
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
Guji Oromo New Testament © Bible Society of Ethiopia, 2007.