Wongeela Yohaannisii 14
14
Karaan Gara Abba'aa Geessu Yesuus
1Yesuus barattoota ifiitiin, “Gadhaan keessan hin raafamin, Waaqatti dhugeeffadha'a; analle'etti dhugeeffadha'a! 2Mana Abbaa kiyyaa keessa addeen leeto'oo heddu'utti jira; anille addee isiniif qopheessiisaaf deemaara. Adoo isiin hin jirre teetee ani silaa tana isinitti hin himuuyyu. 3Dhaqee addee isiniif qopheesseeruun duuba, addee ani jiru akka leetanuuf, deebi'ee dhufee isin fudhadha. 4Karaa addee ani dhaqaaru geessu san isin hin beettan” jedhe.
5Toomaas isaan, “Gootta'a, addee ati dhaqaartu nuuti hin beennu; maarre nuuti attamiin karaa achi geessu beekuu dandeenna?” jedhe.
6Yesuus deebisee, “Karaan, dhuga'aa fi jiruun ana; anaan malee, eennulle gara Abba'aa hin dhufu. 7Adoo ana beettanee jiraattanee Abbaa kiyyalle hin beettaniiyyu. Ammaan jalqaddanee isa hin beettan, isalle dhaggitaneertan” jedheen.
8Filiphoos isaan, “Gootta'a, Abbaa nu'utti mudhisi; sun nu geetti” jedheen.
9Yesuus deebisee, “Isin mara woliin ani yennaa dheertuu tee'eera; Filiphoos! Ati haga ammaa ana hin beettuu? Ka ana dhagge Abbaa dhaggeera. Ati maaf, ‘Abbaa nu'utti mudhisi’ jetta ree? 10Filiphoos! Akka ani Abba'aan jiru, Abbaalle anaan jiru ati hin dhugeeffattuu? Ani Jecha isinitti dubbadhu, baallii tiyyaan hin dubbadhu. Abbaa, ana keessa jiraatuttuu, hujii ifii huja. 11Ani Abba'aan, Abbaalle anaan akka jiru yennaa ani dubbadhe ana dhugeeffadha'a. Yookiin sababa waan Ani hujeetiif anatti dhugeeffadha'a. 12Ani dhugaa isinitti hima: Nami anatti dhugeeffatu waan ani huju hin huja; ani gara Abba'aa waan deemuuf inni waan kana caaluuyyuu hin huja. 13Abbaan karaa Ilmaatiin akka ulfaatuuf, waan isin maqaa kiyyaan kadhattane mara, ani hin godha. 14Waan mara maqaa kiyyaan yoo ana kadhattane, ani hin godha.
Marroo Ayyaana Woyyichaatiif Addii Kennante
15Yesuus deebisee, “Isin yoo ana jaallattane, ajaja kiyya hin eeggattan. 16Ani Abbaa hin kadhadha, innille Jajjabeessaa dhibii, ka haga bara baraa isin woliin jiraatu isiniif hin kenna. 17Inni Ayyaana dhuga'aa ti. Biyyi lafaa waan isa hin dhaggineef yookiin isa hin beenneef, isa hin fudhattu. Isin ammoo waan inni isin keessaa fi isin woliin jiraatuuf, isa hin beettan.
18“Akka ijoollee haadhaa fi abbaa hin qannee qofi isin hin lakkisu; ani deebi'ee gara keessan hin dhufa. 19Yennaa diqqo'oon duuba biyyi lafaa deebitee ana hin dhaggitu; isin ammoo ana hin dhaggitan; ani jiraataa waan te'eef, isinille hin jiraattan. 20Ani Abbaa kiyyaan, isin anaan, anille isiniin akka jiru, guyyaa san hin beettan.
21“Nami na jaallatu, nama ajaja kiyya fudhatee eegatu. Abbaan kiyya ka ana jaallatu hin jaallata; anille isa hin jaalladha, ifille isatti hin mudhisa” jedhe. 22Yihudaa nama biyya Keriyootii adoo hin te'in, Yihudaan dhibiin, “Gootta'a, biyya lafaatitti adoo hin te'in, attamiin nu'utti ifi mudhitta?” jedhe.
23Yesuus deebisee, “Nami ana jaallatu Jecha kiyya hin eegata. Abbaan kiyya isa hin jaallata; anii fi Abbaa kiyya gara isaa dhunnee woliin hin leena. 24Nami ana hin jaallanne Jecha kiyya hin eegatu. Jechi isin dhageettanu kun, ka Abbaa na ergeeti malee, kiyyaa moti.
25“Ani amma adoo isin woliin jiruu tana isinitti himeera. 26Jajjabeessaan Ayyaanni Woyyichi, ka Abbaan maqaa kiyyaan ergu, waan mara isin hin barsiisa; waan ani isinitti hime maralle isin hin qaassisa.
27“Nageya isin bira keya; nageeya kiyyalle isiniif hin kenna. Nageenni ani isinii kennu, nageya akka biyyi lafaa isinii kennituutii moti. Gadhaan keessan hin raafamin; hin sodaatinille'e. 28‘Ani deemaara, ammoo deebi'ee gara keessan hin dhufa’ akka isiniin jedhe dhageettaneertan; adoo ana jaallattanu teetee, Abbaan ana waan caaluuf, gara Abba'aa deemuu kiyyatti silaa hin gammaddaniiyyu. 29Tun yennaa teete akka dhugeeffattanuuf, duraan dursee adoo tun mara hin te'in, amma isinitti himeera. 30Ka biyya lafaa tana bulchu Seexanni waan dhufiisatti jiruuf, kanatti dabalee yoona guddoo isin woliin hin dubbadhu. Inni ana irratti hunna hin qabu; 31ammoo akka ani Abbaa jaalladhu biyyi lafaa akka beettuuf, waan Abbaan na ajaje mara huja; ka'aa me addee tanaa deennaa” jedhe.
Currently Selected:
Wongeela Yohaannisii 14: GAXNT
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
Guji Oromo New Testament © Bible Society of Ethiopia, 2007.