Wongeela Yohaannisii 13
13
Yesuus Miila Barattoota Ifii Dhiqe
1Guyyaa Jila Irra Dabaramaatiin dura, Yesuus biyya lafaa tana lakkisee yennaan gara Abba'aa deemu akka geetteertu beeke. Inni biyya lafaa tana keessatti worra ka isaa te'ane yennaa mara jaalateeraayyu; haga muumme'eetittille isaan jaalate. 2Yesuusii fi barattooti isaa irbaata irra jiraniiyyu. Seexanni duraanuu Yihudaan ilma Simoonii ka nama biyya Keriyootii, akka Yesuus dabarsee kennuuf, yaada isa keessa keyeera. 3Yesuus akka Abbaan baallii guutuu isaa kenneeru beeke; akka Waaqa biraa dhufee fi gara Waaqaalle akka deemu beeke. 4Maarre inni irbaata irraa ka'ee, woyaa lafa keyatee, fooxaa ittiin haxowanu hidha ifiititti marate. 5Achiin duuba inni bisaan qorii itti dhiqatanutti cossee, miila barattoota ifii dhiqee fooxaa hidha ifiititti marateeruun haxowe. 6Simoon Pheexroos bira geyee jennaan, Simoon Pheexroos, “Gootta'a, sitti miila kiyya dhiqaa?” jedheen.
7Yesuus isaan, “Waan ani hujiisatti jiru ati amma hin beettu, duubarra ammoo hin hubatta” jedhe. 8Pheexroos deebisee, “Ati ijjumaa miila kiyya hin dhixxu!” jedheen.
Yesuus deebisee, “Yoo ani miila keeti hin dhiqin, na biraa qooda hin qaddu” jedheen.
9Simoon Pheexroos deebisee, “Gootta'a, eegasuu, miila kiyya qofaa motii, harkaa fi mataa kiyyalle dhiqi!” jedheen.
10Yesuus deebisee, “Nami nafa dhiqate, nafi isaa duudiin qulqulluu waan te'eef, miila ifii malee, nafa dhiqachuu hin barbaachisu. Isin qulqullu'u; te'uu malee, isin marti qulqullu'uu moti” jedheen. 11Yesuus duraanuu ka isa dabarsee kennu waan beekeeruuf, “Isin marti qulqullu'uu moti” jedhe.
12Yesuus miila isaanii dhiqeen duuba, woyaa fudhatee uffatee, addee ifiititti deebi'ee tee'ee, “Waan ani isinii godhe hubattanee?” jedhee gaafate. 13‘Barsiisa'a, Goottaalle’ jettanee ana waantan; akkas jechuun keessan dhuguma; sababilleen aninuu akkuma san. 14Ani, Goottaan keessanii fi barsiisaan keessan, miila kessan eega dhiqee, isinille miila wolii dhiquu qaddan. 15Akkuma ani isiniif godhe isinille akka gootanu, fakkeenna isinii te'eera. 16Ani dhugaa isinitti hima: Garbichi goottaa ifii hin caalu, ergantichille ka isa erge hin caalu. 17Isin dhugaa tana beettanee, hujii irra yoo oolchitane ka badhaatane.
18“Ani marroo isin maraatiif dubbatiisatti hin jiru; ani worra filadheeru hin beeka; ammoo Barreeffam Woyyichi, ‘Namichi sagalee tiyya nyaate garagalee anatti ka'e!’ jedhu muummawuu qaba. 19Yennaa inni muummoye, isin akka Ani Isa te'e akka dhugeeffattanuuf, adoo inni hin te'in dura amma ani tana isinitti hima. 20Ani dhugaa isinitti hima: Nami ka ani erge fudhatu ana fudhata; nami ana fudhatulle ka ana erge fudhata” isaaniin jedhe.
Yesuus Marroo Dabarfamee Kennamiisa Ifii Dubbate
(Mat 26:20-25; Mar 14:17-21; Luq 22:21-23)
21Yesuus tana dubbateeruun duuba, yaada#13:21 yaada: ayyaana ifiitiin rakkatee, “Ani dhugaa isinitti hima: Isin keessaa tokkochi dabarsee ana hin kenna” jedhee ifa tolchee dubbate.
22Barattooti marroo eennuutiif akka inni dubbate wollaalanee, wol ilaalane. 23Barattoota keessaa tokko, ka Yesuus isa jaalatu, Yesuusitti aanee tee'eeraayyu. 24Simoon Pheexroos, barataa sanitti qiphifatee, “Maroo eennuutiif akka Yesuus dubbatiisatti jiru gaafadhu” jedheen.
25Maarre tanaaf barataan sun ittuma Yesuusitti hiiqee, “Gootta'a, eennu inni?” jedhee gaafate.
26Yesuus deebisee, “Ka ani cassaa dabbo'oo tana unata#13:26 unata: ittoo keessa cuuphee tuuqachiisu isa” jedheen; maarre inni cassaa daabbo'oo fuudhee, ilma Simoonii, Yihudaa nama biyya keriyootii tuuqachiise. 27Yihudaan akkuma cassaa daabbo'oo fudhateen, Seexanni isatti gale; Yesuus isaan, “Waan hujaartu dafii huji!” jedheen. 28Worra irbaata irra jiru san keessaa Yesuus maaf tana akka isaan jedhe nami tokkolle ka beeke hin jiru. 29Yihudaan beesee waan qabatuuf, barattooti gariin jilaaf waan isaanii barbaachisu dhaqee akka bitu, yookiin hiyyeeyyi'iif waan tokko akka kennuuf, Yesuus itti hime seyane. 30Yihudaan cassaa daabbo'oo fudhatee yoosuma gad baye. Yennaan sun halkan.
Ajaja Haareya
31Yihudaan gad bayeen duuba, Yesuus, “Ilmi Namaa amma ulfaateera; Waaqille isaan ulfaateera. 32Waaqi isaan yoo ulfaate, Waaqille isa hin ulfeessa; ariifateelle isa hin ulfeessa. 33Ijoollee tiyya, ani yennaa guddoo isin woliin hin jiraadhu. Isin ana barbaadu'uuf jirtan; ani ammoo, ‘Addee ani dhaqiisatti jiru isin dhaqiisa hin dandeettanu’ jedhee waanuma Yihudoota baallii qabanutti hime amma isinitti hima. 34Ani ajaja haareya isinii kenna: Wol jaaladha'a. Akka ani isin jaaladhe, isinille wol jaaladha'a. 35Isin wol yoo jaalattane, namooti marti akka isin barattoota tiyya teetane hin beekan” jedhe.
Yesuus Akka Pheexroos Isa Mormatu Dubbate
(Mat 26:31-35; Mar 14:27-31; Luq 22:31-34)
36Simoon Pheexroos, “Gootta'a, eessa dhaqaarta?” jedhee isa gaafate.
Yesuus deebisee, “Addee ani dhaqaaru amma ana hordottee hin dandeettu; duuba ammoo ana hin hordotta” jedheen.
37Pheexroos, “Gootta'a, amma si hordofiisa maaf hin dandeenne? Ani lubbuu tiyyalle si'iif dabarsee hin kenna” jedheen. 38Yesuus deebisee, “Ati dhugumaan lubbuu teeti anaaf dabarsitee hin kennitaa? Ani dhugaa sitti hima: Adoo lukkuun hin iyyin ati yennaa sadiin na mormatta” jedheen.
Currently Selected:
Wongeela Yohaannisii 13: GAXNT
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
Guji Oromo New Testament © Bible Society of Ethiopia, 2007.