Hujii Ergantootaa Seensa
Seensa
Kitaabi Hujii Ergantootaa Wongeela Luqaasiititti ka aaneeru; yaad guddaan kitaaba kanaa, hordofattooti Yesuusii ta qaraa Ayyaana Woyyichaan sooreffamanee Oduu Gammadaa ta waan isaa dubbatu “Yerusaalemitti, lafa Yihuda'aa duudi'iitti, Samaariya'atti, haga muummee lafaalle” (1:8) attam akka badhisane ka himu. Kitaabi kun dhugeeffannaan Kiristaanaa odduu worra Yihudootaatitti jalqabantee, kolbaan biyya lafaa ta dhugeeffatte haga teetuutti attam akka badhatte dabarsii hintu. Barreessaan kitaaba kanaa, Kiristaanoti mootummaa mootii mootota Rooma'aatiin bultu qoxxisiisaaf keessa keessa roorrisaa akka hin jirree fi dhugeeffannaan kiristaanaa, dhugeeffannaa worra Yihudootaa ta mijeessitu akka teete hubachiisiisaaf wodhansa jabaa tolcheera.
Kitaabi hujii Ergantootaa, ka marroo Oduu Gammadaa dubbatu, addee isiin dhaqqaddu yennuma yenna'aan badhataa akka deentee fi hundeeffamiisa wolde'a kiristaanaa ta mudhittu kutaa gugurdoo saditti qoodamuu dande'a:
1. Yesuus gara ol gubba'aa bayeen duuba, Yerusaalem keessatti marroo jalqabama dhugeeffannaa kiristaanaa.
2. Marroo dhugeeffannaan lafa Isiraa'elii duudii dhaqqabiisaa.
3. Biyyoota adaala abbaayaa Mediteraaniya'aa jirtu keessatti, biyya Rooma'aalle dabalatee, marroo babadhatiisa dhugeeffannaa kiristaanaa.
Hujii Ergantootaa keessatti wonni ifa te'ee mudhatu, hujii Ayyaana Woyyichaa yoo teetu, guyyaa Pheenxeqosxe'ee, kiristaana Yerusaalem keessa jiru irratti Ayyaanni Woyyichi hunnaan akka bu'e, akkasuma kitaabuma kana keessatti hujii tokko lama'aan barreeffanteen akkuma mudhate, Ayyaanni Woyyichi wolde'a kiristaanaatii fi sooreyyii wolde'a kiristaanaalle akka sooressee jajjabeese hin dabalata. Ergaan kiristaanaa ta durii, lallaba adda addaa keessatti gabaabumatti dhikaateerti. Hujiin kitaaba hujii ergantootaa keessatti galmeeffantelle, ergaan tun jiruu dhugeeffattootaatii fi tokkummaa wolde'a kiristaanaa keessatti hunna qaddu mudhitti.
Haadhoo Dubbi'ii
Dhugaa bayiisaaf qophaayiisa 1:1-26
a. Waada'aa fi ajaja Yesuusii ka muummee irraa 1:1-14
b. Ka addee Yihuda'aa bu'e 1:15-26
Dhugaa baya Yerusaalem keessaa 2:1--8:3
Dhugaa baya Yihuda'aa fi Samaariyaa keessaa 8:4--12:25
Tajaajila ergamummaa Phawuloosii 13:1--28:31
a. Deemiisa ergamumma'aa ka qaraa 13:1--14:28
b. Yaa'ii Yerusaalem keessaa 15:1-35
c. Deemiisa ergamumma'aa ka lammeesso'oo 15:36--18:22
d. Deemiisa ergamumma'aa ka sadeesso'oo 18:23--21:26
e. Hidhama Phawuloos Yerusaalem, Qiisaariya'aa fi Roomaa keessatti hidhame 21:17--28:31
Currently Selected:
Hujii Ergantootaa Seensa: GAXNT
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
Guji Oromo New Testament © Bible Society of Ethiopia, 2007.