YouVersion Logo
Search Icon

Hujii Ergantootaa 1

1
1Ulfaataa Tewoofiloos!
Kitaaba kiyya ka kanaan duraa keessatti marroo waan Yesuus hujeetii fi barsiise duudii barreeseera. Wonni ani barreesselle gaafa Yesuus hujii ifii jalqabeen kaasee, #Luq 1:1-4 2haga guyyaa gara ol gubba'aa bayeetitti waan huje; inni ergantoota filateef, ajaja ifii karaa Ayyaana Woyyichaatiin kenneen duuba gara ol gubba'aa baye. 3Yesuus du'a ifiitiin duuba akka jiraataa te'e, deddebi'ee karaa hin mansiinneen mirkaneessaa haga guyyaa afurtamaa isaanitti mudhatee, marroo Mootummaa Waaqaalle isaanitti dubbate. 4Inni isaan woliin adoo jiruu, “Addii Abbaan kiyya isiniif kenne, ta ani isinitti hime san eegadha'a malee, Yerusaalemii hin bayina'a” jedhee isaan ajajaje. #Luq 24:29 5Ede'eelle Yesuus, “Yohaannis bisaaniin isin cuuphe; guyyaa diqqa'aan duuba ammoo Ayyaana Woyyichaan cuuphantan” jedhe. #Mat 3:11; Mar 1:8; Luq 3:16; Yoh 1:33
Yesuus Gara Ol-gubba'aa Fudhatame
6Yennaa wolitti qabamane ergantooti Yesuusiin, “Gootta'a, ati ammaa tana Israa'eliif Mootummaa deebittee kennaartaa?” jettee gaafatte.
7Yesuus isaaniin, “Yenna'aa fi bara Abbaan kiyya baallii ifiitiin murteesse beekuu hin dandeettanu; 8ammoo yennaa Ayyaanni Woyyichi isin irratti bu'u, hunna hin dhaggattan; yennaa san Yerusaalemitti, lafa Yihuda'aa duudi'itti, Samaariya'aa fi biyya lafaa duudi'itti dhugaa bayoota tiyya hin teetan” jedhe. #Mat 28:19; Mar 16:15; Luq 24:47-48 9Yesuus kana jedheen duuba, adoo isaan isa ilaalanuu gara ol-gubba'aa fudhatame; duumensille isaan duraa isa golle. #Mar 16:19; Luq 24:50-51
10Isaa ol bayiisatti jiru, ila hin caffatin adoo ilaaliisatti jiranuu, namooti lamaan ka woyaa adii uffataneeranu cinaa isaanii dhaabbatanee, 11“Isin namoota Galiila'aa, maaf asi dhaabbatanee gara gubba'aa ilaaltan? Yesuusiin isin duraa gara ol-gubba'aa fudhatame kun, gara ol-gubba'aa bayaaruun akkuma dhaggitane akkanuma deebi'ee hin dhufa” jedhane.
Nama Addee Yihuda'aa Filame
12Achiin duuba ergantooti gaara Ejersaa jedhamu irraa gara Yerusaalemii deebi'ane; gaarri Ejersaa Yerusaalem irraa gara kiiloo meetira tokko#1:12 kiiloo meetira tokko: deensa guyyaa Sanbataa fagaata. 13Isaan qachaa guddicha seenanee, gara kolloo mana mana gubba'aa ol bayane. Isaanille Pheexroos, Yohaannis, Yaaqoob, Indiryaas, Filiphoos, Toomaas, Bartolomewoos, Maatewoos, Yaaqoobii ilma Alfewoosii, Simoonii hinaatichaa fi Yihudaa ilma Yaaqoobii fa'a. #Mat 10:2-4; Mar 3:16-19; Luq 6:14-16 14Isaan duudiinuu dubartoota, Maariyaamii hadha Yesuusiitii fi obboleeyyan isaa woliin wolitti qabamanee, yaada tokkoon daadimataaraniiyyu.
15Guyyaa diqqa'aan duuba, Pheexroos woli geyii dhugeeffattoota gara dhibbaaf diddama geettu tokko keessa dhaabbatee, 16“Obboleeyyan tiyya, Barreeffama woyyicha keessatti, marroo Yihudaa worra Yesuus qabeef sooressaa te'ee, dubbiin Ayyaanni Woyyichi afaan Daawwititiin dubbateeru muummowuu qaddiiyyu. 17Yihudaan qooda hujii teennaa nu woliin akka qabaatu waan filameeruuf, golii teenna te'eeraayyu. 18Namichi kun beesee hujii hammeenna ifiitiin dhaggate saniin, fichaa bitate; inni mata'aan lafa dhayee nafi isaa dho'ee, meeni gadha'aa jige. #Mat 27:3-8 19Worri Yerusaalem keessa le'anu duudiin waan kana dhage'ane; maarre isaan lafa san afaan ifiitiin ‘Akeldaamaa’ jedhane; akkas jechuulle “Lafa dhiigaa” jechu'u.
20“Kitaaba Faaru'uu keessatti,
‘Manni isaa ona te'uu ti;
eennulle keessa hin le'in’;
akkasuma, ‘Nami dhibiille sooressummaa isaa fudhatuu ti’
jedhantee barreefanteerti. 21Tanaaf yennaa Goottaan Yesuus odduu teennatti deddeebi'e duudi'itti nama nu woliin jiru keessaa, 22akkasuma cuuphaa Yohaannisiitiin jalqabee, haga guyyaa Yesuus nu biraa ol fudhatameetitti, worra nu woliin jiru kana keessaa tokkochi, du'aa ka'a Yesuusiitiif, nu woliin nama dhugaa bawu te'uu barabaachisa” jedhe
23Maarre isaan nama lamaan Yoseef ka barsaabaas yookiin Yosxos jedhamee waammamu fi Maatiyaas dhikeessane. 24-25Achiin duuba isaan, “Gootta'a, ati yaada nama duudi'ii beetta; nama lamaan kana keessaa, addee Yihudaan lakkisee gara addee ifii deemetti, ergamaa te'ee akka tajaajiluuf ka filatte nu'utti mudhisi” jedhaa daadimatane. 26Achiin duuba isaan namoota lamaan keessaa tokko filiisaaf hixaa yennaa buusane, hixaan Maatiyaas dhaqqabe. Maarre inni ergantoota kudhanii tokkotti dabalame.

Currently Selected:

Hujii Ergantootaa 1: GAXNT

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in