YouVersion Logo
Search Icon

Hujii Ergantootaa 2

2
Bu'iisa Ayyaana Woyyicha
1Jilti guyyaa shantameesso'oo ta “Phenxeqostee” jedhantu yennaa geette, dhugeeffattooti duudiin addee tokkotti wolitti qabamaneeraniiyyu. 2Dedhuma huuruun akka bubbee guddo'oo fakkaattu ol-gubbaa irraa dhuttee, mana isaan keessa jiranulle guutte. 3Achiin duuba wonni bobe'a ibiddaa fakkaatu isaanitti mudhate; gargar cicciteelle tokko tokkoo isaanii gubba'atti bu'e. 4Isaan duudiinuu Ayyaana Woyyichaan guutamanee, haga inni isaan dandeesisetti afaan adda addaatiin dubbatuu jalqabane.
5Yihudooti Waaqa sodaatanu ka biyya biyya lafaa keessa jirtu mara irraa dhufane Yerusaalem keessa jiraniiyyu. 6Yennaa huuruu tana dhage'ane, gumiin guddoon woliti qabante. Dhugeeffattooti afaan adda addaatiin dubbatanuun yennaa dhage'ane, isaan maadeffatane. 7Isaan baaseffataa maadeffataa, “Kunoo worri akkana dubbataaranu duudiin worra Galiilla'aatii motii? 8Attamiin ree isaan afaan keenna ka dhalootaatiin dubbatanuun, tokko tokkoon keenna dhageenna? 9Nuuti worra biyya Phaarte'ee, Meediya'aa, Elaamii, Mesophotaamiya'aa, Yihuda'aa, Qaphadooqiya'aa, Phanxoosii, Asiya'aa, 10Firiigiya'aa, Phinfiliya'aa, Gibxiitii fi lafa Liibiya'aa ta adaala qachaa Qereena'aa jirtu keessa leenu; gariin keenna worra biyya Rooma'aatii dhunne, 11worra Yihudi'iitii fi worra Yihuudii hin te'in ka dhugeeffannaa Yihudi'iititti galle; akkasuma worri Qarxeesiitii fi Arabaa jiran; kunoo isaan martinuu hujii baasaa ta Waaqi huje afaan keennaan dubbataaranuun dhageenna” jedhane. 12Isaan baaseffatanee, waan jedhanu dhabanee, “Wonni kun maan jechu'u?” jedhaa wol gagaafatane.
13Worri dhibiin ammoo, “Kolbaan tun daadhii woyini'ii untee machooteerti!” jedhaa itti murge.
Dubbii Pheexroos Dubbate
14Yennaa san Pheexroos worra kudha tokko woliin dhaabbatee qoonqoo ol qabatee, gumi'iin, “Worri Yihuda'aatii fi isin worri Yerusaalem keessa leetanu duudiin, waan te'e kana beekiisaaf waan ani isiniin jedhu dhage'a'a. 15Amma ganama keessa saatii sad waan teeteef, Kolbaan tun akka isin heddane san machoottee hin jirtu. 16Tun ammoo afaan raagicha Iyyu'eliitiin,
17‘Guyyaa muume'ee ani akkana tolcha jedha Waaqi:
nama duudii irratti Ayyaana kiyya hin buusa.
Ijoolleen tessan ta dhiiraatii fi ta durraa hin raagan;
dargaggeeyyiin teessan mudhii hin dhaggiti,
Maanguddooti teessanille oojjuu hin oojjatan.
18Guyyoota san keessatti, garboota dhugeeffatane#2:18 garboota dhugeeffatane: tajaajiltoota tiyya ta dhiiraatii fi ta dubarti'ii irrattuu,
Ayyaana kiyya hin buusa;
isaanille raaga hin dubbatan.
19Ani ol-gubba'aatti baasa,
gad lafa irralle'etti bilbaasa hin mudhisa.
Dhiigaa fi ibiddi, hurrantaan aaraalle hin mudhata.
20Guyyaan Gootta'aa guddichii fi ulfaataan adoo hin dhufin dura,
aduun hin dukkanti;
jiinille diimaa akka dhiigaa te'a.
21Nami maqaa Gootta'aa waamu duudiin hin fayya’ jedhe.
22“Worra Israa'elii dubbii tana dhage'a'a! Akkuma isin beettanu, eennummaan Yesuusii Naaziretii, hujii guguurdoo baasaa fi bilibaasota Waaqi karaa isaatiin odduu teessanitti muummesseen mirkanooteerti. 23Nami kun akka Waaqi dur murteessee fi beekeen, harka keessanitti dabarfamee kenname; akka inni harka worra cubbaleyyi'iitiin fannifamee du'u gootane. #Mat 27:35; Mar 15:24; Luq 23:33; Yoh 19:18 24Waaqi ammoo hunna du'aa jalaa bilisa baasee, du'aa isa kaase; sababille duuti isa qaddee hamburuu hin dandeenne. #Mat 28:5-6; Mar 16:6; Luq 24:5 25Daawwiti marroo isaatiif,
‘Ani yennaa mara Waaqa ifiin duratti dhagga;
Inni midda kiyya waan jiruuf ani hin daaqu.
26Tanaaf gadhaan kiyyalle gammadeera; arrabi kiyyalle gammadaan guutameera.
Akkasuma nafi kiyya du'aan
addi'iin jiraata.
27Lubbuu tiyya addee worra du'aneetitti hin lakkittu;
ati garbicha addatamaa keeti, addee awwaalaa keessatti akka tortoree hafu hin lakkittu.
28Ati karaa jiru'uu anatti mudhiteerta;
Ana woliin jiraatuun keeti gammadaan na guutta’ hin jedha.
29“Obboleeyyan tiyya, abbootii teenna ta qaraa keessaa marroo mooticha Daawwitii ifa godhee isinitti hima. Inni du'ee awwaalameera; awwaalli isaalle haga ammaa asi nu'u bira jira. 30Daawwiti raagicha waan te'eef, Waaqi sanyii isaa keessaa tokko hin moosisa jedhee kaku'uun waadaa akka galeeruuf beekera. 31Tanaaf Daawwiti waan Waaqi gara duraa godhu dhaggee, marroo du'aa ka'iisa Masiihiitiif,
‘Inni addee awwaalaa keessatti isa hin lakkinne;
foon isaalle awwaala keessatti hin tortorre’ jedhee raageera.
32Waaqi Yesuusii kana du'aa kaseera; nuuti duudille waan te'eeru kanaaf dhugaa baatota. 33Inni gara midda Waaqaa Abba'aatitti ol fudhatamee, Ayyaana Woyyicha isaaf waadaa galame, Abbaa biraa fuudhee erge; ka isin amma dhaggitanuu fi dhageettanu kun isa. 34-35Daawwiti gara ol-gubba'aa hin baane; teetuu malee inninuu,
‘Goottaan Goottaa kiyyaan,
haga ani diinoota keeti ijjata miila keeti jala godhutti,
asi maddii midda kiyyaatitti tee'i’ jedhee dubbateera.
36“Tanaaf Yesuusii isin fannittane, Waaqi Gootta'aa fi Masiihii akka godhe kolbaan Israa'elii duudiin dhugumaan beettuu ti!” jedhe.
37Kolbaan yennaa waan kana dhageette, wonni kun gadhaa isaan nyaatee, Pheexroosii fi ergantoota dhibi'iin, “Jarana maan goona?” jette. 38Pheexroos isaaniin, “Cubbuu teessaniif akka araarri kennamu, tokkoon tokkoon keessan cubbuu teessan irraa deebitanee, maqaa Yesuus Kiristoosiitiin cuuphama'a; kennansa Waaqaa, Ayyaana Woyyicha hin fudhatan. 39Waadaan Waaqi gale isiniif, ijoollee teessaniif, worra fagoo jiranuu fi worra Goottaan Waaqi keenna waameefille'eef” jedhee deebise.
40Pheexroos jecha hedduu dhibi'iin dhugaa isaanitti bayee, “Dhaloota badaa kanatti waan dhufu'uu jiru jalaa ifi baasa'a” jedhe gorse. 41Worri hedduun waan inni jedhu dhugeefatee cuuphame; gaafas dhugeeffattooti gara kuma sadii dabalamane. 42Isaan guyyaa mara barattoota irraa barataa, tokkumma'aan le'aa, sagalee woliin areerratiisaa fi daadimatiisaan jabaataa turane.
Jireenna Dhugeeffattootaa
43Baasaa fi bilbaasi hedduun karaa barattootaatiin yennaa san waan hujatamiisatti jiruuf, martinuu soda'aan guutamane. 44Dhugeeffattooti duudiin addee tokko woliin jiraniiyyu; waan qabanu maralle woliin geyane. #HuE 4:32-35 45Isaan karraa fi meya ifii gurguranee, tokko tokkoofuu akka barbaachittetti beesee qoqoodane. 46Guyyaa guyya'aan Galma Waaqaa keessatti addee tokkotti wolitti qabamaa mana ifii keessalle'etti daabboo caccaffataa, gammadaa fi gadhaa qullu'uun areerrataa, 47Waaqalle leellifataa, nami duudiille isaan ulfeessaaraayyu. Goottaalle guyyuma guyya'aan worra fayyanu isaanitti dabale.

Currently Selected:

Hujii Ergantootaa 2: GAXNT

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in