Hujii Ergantootaa 3
3
Namichi Naafi Tokko Fayye
1Gaafa tokko Pheexroosii fi Yohaannis yennaa daadimataa saafoya saatii sagalitti, gara Galma Waaqaa deemane. 2Achi “Karra midhaadduu” jedhantu dura, namichi haga dhalatee jalqabee naafa te'e tokko jiraayyu; inni worra Galma keessa seenanu irraa akka beesee kadhatuuf guyyaa mara ba'atanee balbala dura isa keyan. 3Inni Pheexroosii fi Yohaannis gara keessaa seenaaranuun yennaa dhagge, akka wo isaa kennanuuf kadhate. 4Pheexroosii fi Yohaannis isa hubatanee ilaalanee, Pheexroos “Ol jedhii nu ilaal” jedheen. 5Maarre inni isaan irraa waan wo dhaggatu seyee, hubatee isaan ilaale. 6Pheexroos ammoo, “Ani beesee#3:6 beesee: meeti'ii fi worqii hin qabu; waan qabu ammoo si'iif hin kenna; maqaa Yesuus Kiristoosii Naaziretiitiin ka'ii ideemi” jedhe. 7Achiin duuba inni harka middicha isaa qabee ol kaase; yoosuma miilaa fi gulubiin#3:7 gulubiin: komettuun isaa jabaatte. 8Inni ol utaalee miilaa ifiitiin dhaabbatee, ideemiisa jalqabe; Galma Waaqaa keessa isaan woliin seenee, asii fi achi deemaa u'utaalaa Waaqa leellifate. 9Nami duudiin inni ideemaa Waaqa leellifatuun dhaggane. 10Isaan inni kadhaticha karra “Midhaadduu” jedhantu dura tee'ee kadhatu kaan akka te'e yennaa beekane, waan namicha irratti te'e kanatti maalalanee baaseffatane.
Waan Pheexroos Galma Waaqaa Keessatti Dubbate
11Yennaa namichi fayye sun Pheexroosii fi Yohaannis biraa hafuu dide, gumiin duudiin jajjee gara addee “Soroo#3:11 soroo: barandaa manaa, gimoo, sissaabii, gaaddisa jala deddeebi'anu Solomoonii” jedhantuu rukkitte. 12Pheexroos gumii wolitti qabante san dhaggee, “Worra Israa'elii maaf waan kana baaseffattan? Maaf nu hubattanee ilaaltan? Nuuti hunna teennaan yookiin hujii teenna dansa'aan nami kun akka ideemu waan goone seetanii?” isaaniin jedhe. 13Waaqi abbootii teennaa, ka Abrahaamii, ka Yisihaaqiitii fi ka Yaaqoobii, ilma ifii Yesuus ulfeesseera. Isin ammoo harka Philaaxosiititti dabarsitanee kennitane; Philaaxos isa lakkisiisaaf barbaadulle, isin isa diddane. 14Isin ammoo Yesuusii Woyyichaa fi balchichaa diddanee, ka nama ijjeese akka hiikamuuf kadhattane. 15Isin ka jiruu kennu ijjeettane; Waaqi ammoo du'aa isa kaase. Nuuti waan kanaaf dhugaa baatota. 16Namicha naafa te'e kanaaf hunna jabeennaa ka kenne hunna maqaa Yesuusii ti. Wonni isin dhaggitanuu fi beettanu maqaa Yesuusiitti dhugeeffatiisaan teete; akkuma isin duudiin dhaggitanu wonni isa fayyise, dhugeeffannaa inni Yesuusitti qabu.
17“Ammalle obboleeyyan tiyya, waan Yesuus irratti gootane, isinille akkuma bulchitoota teessanii wollaalchaan akka gootane hin beeka. 18Waaqi bara heddu'uun dura Masiihiin akka rakkattu afaan raagota maraatiin ka dubbate, karaa kanaan akka muummottu godheera. 19Maarre akka inni cubbuu teessan isiniif araaramu cubbuu irraa deebi'aatii, gara Waaqaa dacha'a'a. 20Waaqa irralle'ee barri isin itti haareffantanu hin dhufa; Waaqi masiihii dursee isiniif file Yesuus isiniif hin erga. 21Inni haga yennaan waan duuchi'ii hareffamiisaa geettutti, akkuma Waaqi karaa raagota woyyootaatiin woggaa heddu'uun dura lallabe ol-gubba'atti turuu qaba. 22Muuseen, ‘Goottaan Waaqi keessan akkuma amma ana kaase, kolbaa teessan keessaa raagaa tokko isiniif hin kaasa; waan inni isinitti himu mara dhage'a'a. 23Nami ragicha san dhage'uu didu duudiin, kolbaa Waaqaa irraa adda bayee hin bada’ jedheera. 24Raagoti Samu'eliin jalqabanee ka'anee fi dubbatane duudiinuu, waan bara kanaa dubbataneeran. 25Isin sanyii ragotaati; akkasuma gondooroo Waaqi abbaa keessan Abrahaamiin, ‘Ani karaa sanyii teetiitiin kolbaa lafaa duudii hin eebbisa’ jedhee gondoore worra dhaalu. 26Tanaaf Waaqi karaa hamaa keessan irraa deebisee isin eebbisu'uuf, tajaajilaa ifii Yessuus filee dursee isiniif erge” jedhe.
Currently Selected:
Hujii Ergantootaa 3: GAXNT
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
Guji Oromo New Testament © Bible Society of Ethiopia, 2007.