YouVersion Logo
Search Icon

Huji Ergamtoota 27

27
Akka Phaawulos Lafa Roomaa Dhaqe
1Nu akka lafa Ixaaliyaa hoboloon yaanu buufannaan, warrii Phaawuloosii fi nama hidhaansa keessa jiru dhibiilee harka namicha guddaa warra waraanaa tokko ka Yulii'os jedhaniitti kenne; Yulii'os gumii warra waraana Roomaa ta “Waraana hayyuu” jedhan keessatti guddinna qaba. 2Nu hoboloo dira Adraamiixosii gara lafa Asiyaa deemuu kurfeeffatte tokko duunnee itti dhaabanne. Namichii Arisxaarkos jedhan ka gosa Maqedooniyaa, ka lafa Tasaloniiqeetti dhufe tokkoleen nu waliin jira. 3Boriyyaa Sidoonitti galle; Yulii'os Phaawulos qarqaaree, akka innii gara jaallaan isaa dhaqee waan fedhu barbaadatu “Ee'e” jedheen. 4Lafa sunii kaanaan waan bubbeen nu dhoorteef lafa Qophroos ta jidduu bisaanii jala yaane. 5Nu Eegii baariin dhaattuu Qiliiqiyaa fi Phamfiliyaa dabarree, dira Liiqiiyaa tokko ka Miiraa jedhan dhumne. 6Achiitti guddaan warra waraanaa hoboloo tokko ta Iskindriiyaa, ta lafa Ixaaliyaa deemtu argee nu yaabachiise. 7Haga guyyaa hedduu laanumaa yaanee gaargalaan Kiniidos diqqumaa hanqanne. Waan bubbeen nu dhoorteef Salmoone dhaattuu dabarree, fulaa bubbeen hinjirre jala banne. 8Duuba adoo qota galaanaa irraa hinfagaatin, gaargala guddaan lafa sun dhaattuu yayaanee, fulaa tokko ta dira Lase'aa dhaattuu, “Boqota dansaa” jedhan dhumne. 9Armaatti guddoo turree, yaasumii jajabaatee, guyyaan afaan hidhatan nu dabre. Jennaan Phaawulos warra gorsee, 10“Dhiiro, anin himaltuu tana keessa akka nu gaargalaa fi dhiphuu guddoo argannu arga; hoboloo fi mi'a callaanitii, ammoo lubbuu teennaalee insodaadha” jedhe. 11Ammoo guddaan warra waraanaa waan Phaawulos jedheen dideetti, waan guddaa hobolootii fi abbaan hoboloo jedheen gula deeme. 12Mar. roo fulaan dansaan boqotan hinjirreef, namii hedduun achii yaa'u fedhe, akka yo dandaan Finiiqee dhaqabanii, haga caamsaa achi taan. Finiiiqeen lafa Qareexis keessa jirti, ta gama ila galchuu moggaa bitaatii fi moggaa mirgaalee laaltu. Waan bubbee hamtuu 13Bubbeen laanumaa gama bitaa bubbiftee jennaan, waan yaa'u dandaan se'ani; duuba hoboloo isaanii hiikanii dhaattuu lafa Qareexisiin galaana irra yaan. 14Ammoo adoo haguu hinturin bubbeen jabduun takka ta, “Bubee mirgaa ila boruuti bubbiftu” jedhan, moggaa lafa godduti bubbifte. 15Bubbeen hoboloo dhooftee, fudhatee jennaan, waan hoboloo qabuu dadhamneef, nulleen itt gad lakkimne. 16Lafa diqqoo Kaawudaa jedhan takka, ta jidduu galaanaa jirtuun rophannee, gaargala guddaan hoboloo teenna ta irra diqoo ta markabaa guddaatti hidhamte hirksaa baanee, achiitti diqqoo goomittaa arganne. 17Hoboloo sun ol harkisanii hoboloo irra kaa'anii, akka bubbeen gargarii hinbaamne haada jala baasanii jabeessanii hoboloon walitti hidhan. Waan gara lafa Libiiyaa keessa lixan se'anii sodaatanii, wayaa hoboloon deemsisan hiikanii akkanumaatti lakkisan. 18Mar. roo dhawaan qillensaa jabduun ittuma idaamaa dhuftee nu dhowiteef, boriyaa ulfinna hoboloo irraa jissanii sablisan. 19Guyyaa sadeessoo harkuma ufitiin mi'a hoboloo cufa galaanaatti gadi gaggatan. 20Adoo aduu fi urjii hinargin guyyaa hedduu turree, bubbeen akka hamaa nutti bubbiftee, abdii baanuun dhamne. 21Eegii warrii adoo sagalee hin nyaatin guddoo turee, Phaawulos jidduu warraa keessa ejjee, “Dhiiroo, isan qaraa na caqasuu maltanii, Qareexiisee ba'uu hinmalle; akka gaargala kana argannee horii kana cufa hinballeessine. 22Amma ammoo, garaa jabaadhaa! Hoboloo malee isan keessaa namii tokkoolleen hinbaduu” jedheen. 23Eda ergamaan Waaqaa kiyyaa, ka anin kadhadhuu, na bira ejjee 24“Phaawulos, hinsodaatin! Atin Qiisaar dura ejjachuu malte; ammallee laali, Waaqii warra si waliin yaa'u kana cufaa ya sii jedhee baassee” naan jedhe. 25Tanaaf dhiiroo garaa jabaadhaa! Akka wantii natti himan kunin taatu, anin ya Waaqaa dhugeeffadhee. 26Taatuulee lafa jidduu galaanaa keessa jirtu tokko keessatti nu harcaasuu malan. 27Bultii kudhanii affireessoo, adoo nu galaana Adriiyaa keessa fuluma cufaa yayaanuu, saatti ja'a ta halkaanii, jarii hoboloo geessu waan lafa tokkotti dhi'aatan sehe. 28Haada bisaan keessa buusanii, akka herregan, gad fageennii bisaan haga dhundhuma saddeetamaa ta'uu argan. Diqqoo deemanii, itti deebinaan ammallee haada keessa gad buusanii, akka gad fageennii dhundhumaan haga jaatamaa ta'uu argan. 29Warrii waan nu dhakaa dhoomnu sehee, sibiila afurii gama dudda duubaatiin hoboloo keessaa galaanaatti gad dadarbatee, akka laftii bariitu kadhate. 30Jarii hoboloo geessu hoboloo keessaa baqachuu fedhee, nama sobee hoboloo irra tataa'ee diqqoo galaana keessa buussee, waan sibiila lafaan qabatee buussuu fedhe ufi tolche. 31Jennaan Phaawulos guddaa warra waraanaatii fi warra waraanaalleen, “Yo warrii kunin hoboloo keessa tataa'ee malee, isan ba'uu hindandeettan” jedhe. 32Jennaan warrii waraanaa haada hoboloo irra diqqoo sun kutee, akka hoboloon galaana keessa buutu gad lakkise.
33Adoo Laftii hinbarin akka warrii sagalee nyaatu Phaawulos warra sun cufaa gorsee, “Isan haga sagalee afaaniin hinqabinii ardha guyyaa kudhanii afureessoo. 34Tanaaf anin isan kadhadhaa, sagalee nyaadhaa; wantii kunin irree isanii taati. Rifeensii mataa keessanii tokkoolleen hinbaduu” jedhe. 35Phaawulos eegii akkaana jedhee, qixxaa fuudhee, warra cufaa duraatti galata Waaqaa galchee, qixxaallee cabsatee nyaate. 36Jennaan warrii cuftii garaa jabaatee sagalee nyaate. 37Nu namii hoboloo sun keessa jiru nama haga dhibba lamaa fi torbaatamii ja'aati. 38Namii cuftii nyaatee quumnaan akka hoboloo sablisan dargaayyee gara galaanaatti gad jissan.
Akka Mar. kabii Cabe
39Laftii bariinaan warrii lafa beekuu dadhabee, ammoo fulaa takka ta silaa fulaa dansaa hoboloo dhaban fakkaattu argee, hoboloo arti dhaabuu fedhe. 40Eegii sibiila hoboloo lafatiin dhaaban kutanii gatanii, baa riitti ufi gad lakkisanii, haada muka hoboloo oofuun qajeelchan hiikan. Jennaan wayaa hoboloon deemsisan ta fuula duraa olbaassan, akka lafa godduu dhaqaban itti gallakisan. 41Mar. kabii ammoo maansa seenee mataan isaa maansa keessa lixee chocho'uu dadhabee, dudda duuba isaa dhawaan jabduun dhooftee gargarii caccabsite. 42Warrii hindhaansa keessa jiru tokkoolleen bisaan daakee akka hinbaqanee, warrii waraanaa nama cufaa fixu fedhe. 43Guddaan warra waraanaa ammoo marroo Phaawulos baassuu fedheefii warra dhowwe. Innii qaraa warra bisaan daakuu beekuun, “Hoboloo keessaa jigaa lafa goddutti ba'a” jedhe, 44Warrii hinbeennee ammoo ha saanqaa fi cacaba hobolootti qancoorfatu, jedhe. Akkanaan namii cuftii nagayumaan lafa ga'e.

Currently Selected:

Huji Ergamtoota 27: KakHaa

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in