YouVersion Logo
Search Icon

Huji Ergamtoota 28

28
Akka Phaawulos Lafa Melita Keessa Taa'e
1Nu eegii nagaan bisaan keessaa baanee, akka maqaan lafa bisaan keessaa sun Malaaxiyaa dhageenne. 2Warrii lafa sunii guddoo nuu na'ee, waan bokka'ii roobee laftii dhaamottuuf, nu qarqaaree ibidda nuu bobeesse. 3Phaawulos qoraan guuree ibidaatti naqee jennaan, boofi tokko adoo qoraan keessaa oowa ibidaa baqatuu, harka Phaawulosiitti mamarate. 4Warrii lafaa ammoo bofa kaan, ka harka Phaawulosiitti rarra'u arginaan, “Namichii kunin nama ijjeessuu hindhabu; adoo nagaan bisaan keessaa ba'eellee, dhugaan akka innii jiraatu hinfeetu” waliin jedhe. 5Phaawulos ammoo boofa kaan ibidaatti fixate; homaallee hintaane. 6Warrii waan harkii isaa iita'ee yokaan innii yoma tokkoon lafa dha'ee du'u sehee, guddoo eegee, ammoo akka innii homaa hinta'in arginaan herregii jijjiiratanii, “Innii Waaqa” jedhan. 7Namichii guddaa lafaa ka Phophlii'os jedhan tokko dhaattuu sunii, oobruu qabaa; innii mana ufiitti nu yaamee, haga guyyaa sadii nu keessummoomise. 8Abbaan Phophlii'os fayyaa dhabee qandhatee dhiiga alba'e. Phaawulos mana innii ciisu olseenee Waaqaa kadhateefii, harka isa irra kaa'ee isa fayyise. 9Wantii kunin taanaan, namii fayyadhaba qabu, ka lafa sun keessa jiru cuftii dhufee, Phaawulos isaan fayyise. 10Warrii guddoo nu ulfeesse, guyyaa nu kaaneellee waan nu feenu cufaa nuu kenne.
Akka Phaawulos Himaltuu Lafa Roomaa Dhaqe
11Ji'a sadiin duuba nu hoboloo Iskindriiyaa takka ta haga bara dhaamochaa lafa sun keessa teeteen kaanee yaane; maqaan isii Waaqoota lakkollee jedhan. 12Nu dira Seraakusiitti gallee, guyyaa sadii achi teenne. 13Achii kaanee dira Reegiyos dhumne. Boriyaa qilleensii gama bitaatii qilleensa'uu jalqamnaan, guyyaa lammeessootti dira Photiyoli jedhan dhumne. 14Achiitti obboleeyyan dhugeeffatte tokko arginee, akka nu torbaan tokko isaan bira teennu nu yaaman. Duuba achii kaanee dira Roomaa dhumne. 15Obbooleeyyan dhugeeffatte ta dira Roomaa waan kana dhageennaan achii haga gabayaa Aphiyosittti, mana sadii ka ka keessummaa jedhan, yooyyoo teennaa dhufte. Phaawulos warra arginaan Waaqaa galateeffatee garaa jabaate.
Akka Phaawulos Lafa Roomaatti Oduu Dansaa Haasa'e
16Eegii nu dira Roomaa duune, Phaawulos akka ufumaan mana ufii keessa taa'ee, ammoo namii waraanaa isa eeguu, gadhiisan. 17Guyyaa sadiin duuba Phaawulos jara gugurdaa Yihudii koraa walti yaame. Warrii walwaldeennaan Phaawulos, “Obbooleeyyan tiyya, adoo anin waan biyyaa yokaan aadaa abaaboota teennaa tokkoollee hin yakkin, hidhanii, Yerusaalem keessattii na hidhanii harka gosa Roomaatti na kennan. 18Warrii Roomaa dubbii tiyya qoree, balleessaa du'a nattiin muru tokkoollee narraa dhamnaan na gadi dhiissuu fedhe. 19#Huji. 25:11 Warrii Yihudii ammoo waan kana diddee jennaan ani waan ta'u dhabee, ‘Qiisaariyaa dura na geessaa’ jedhe. Taatuullee anin waan gosa tiyya himadhuuf hinqabu. 20Waan kanaaf anin isan yaamee, isaniin walhaassa; anin marroo nama gochitii Israa'el cuftii abdattuutiif jedheetti sibiila kanaan hidhame” jedhee warraatti dubbate. 21Warrii innii itti dubbate sun ammoo, “Waan dubbii teetii nu ergaa lafa Yihudaa keessa hinarganne, ammallee obboleeyyan achii arma dhufteelleen waan hamtuu teetii homaa hindubbanne. 22Ammoo waan atin herredduu dhaga'uu infeena; waan fulaa cufaatti aadaa atin gula deemttu tana namii cuftii hameenna isii dubbattuf” jedheen. 23Guyyaa tolfatanii sun, namii hedduun fulaa Phaawulos taa'u dhufe. Innii diiramaa haga galgalaa achitti warra barsiisee waan Mootummaa Waaqaa warraa diigee, waan Yesus ka kitaaba Seera Muuseetii fi ka raagootaa keessatti barreessaniillee warra agarsiise. 24Namii garii waan innii dubbate dhugeeffatee, ka garii ammoo dhugeeffachuu dide. 25Adoo warrii waldhabee achii hinka'in, Phaawulos dubbii takkaa tana dubbatee, “Hafuurii Qulqulloon afaan raaga Isaayastiin abaaboota teennaatti, 26‘Gara gumii tanaa dhaqii, gurraan indhageettan, ammoo hinhubattan; ilaan hinuma gartan, ammoo hin midhaaffattan. 27Garaan gumii tanaa ya daalla'e. Gurrii warraa ya duude, iltii warraa homaa hingartu. Yo silaa akkas hinta'in, ilti warraa wa agartee, gurrii warraa wa dhagayee, qalbiin warraa wa hubatee warriilleen natti deebi'ee, anileen warra fayyisa’ jedhee duubbii dhugaa dubbate. 28Tanaaf isan beekadhaa, baafamii Waaqaa gara gosa dhibii layyuu dhufee, ammallee warrii incaqasa!” jedhe. 29Phaawulos waan kana jennaan, Yihudiin kaatee yaatee guddoo walmormite. 30Phaawulos haga ganna lamaa mana ufumaa kiraa itti baasee keessa taa'ee, nama gara isaa dhufe cufaa keessummoomise. 31Garaa jabeennaan, adoo namii tokkoolleen isa hindhowin, waan Mootummaa Waaqaa haasa'ee, waan Aabboo Yesus Kiristoollee barsiise.

Currently Selected:

Huji Ergamtoota 28: KakHaa

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in