Roomaa MATAA DUBBII
MATAA DUBBII
Ergaa Phaawulos ta gara warra Roomaa, wanti barreessaniif akka imaltuu Phaawulos gara gumii Waaqaa ta lafa Roomaa jirtuu dhaquu fedhuu kurfeessan. Herregii isaa akka gumii Waaqaa ta achi jirtu waliin hojjatee, duuba eegee qarqaarsa warraatiin lafa Spaaniyaa dhaqu. Innii waan dhugeeffachaa ka hubate barreesse, ammallee akka dhugeeffachaan hujii fi jireenna gumii Waaqaa keessaatti mullatu garsiise. Duuba kitaabii kunin dhaamsa Phaawulos barreesse callaa qaba.
Phaawulos eegii gumii Roomaa jirtu nagayaa fuudhee, akka warrii Waaqaa kadhatuu itti himee waan ergaa sun barreesseef beesisee: “Oduu Dansaa keessa akka Waaqiii dhugeeffachaa isaatiin dhugaa namaa muru garsiisan: Karaan sunin dhugeeffachaa callaa 1:17”
Phaawulos duuba dubbii tana jabeesse. Innii: “Namii lafa keessa jiru cuftii Yihudii fi gochii dhibiin dhugeeffachaa hinqamneelleen tanaan Waaqaa dhugeeffachuu malte; akka akkasiin dhugaa herreganiif” jedhe. Wantii akkanaatiif namii cuftii akkuma takkaa cubbuu qaba. Nama yo innii Yesus dhugeeffate callaa dhugaa Waaqaa herreganiif. Ammallee Phaawulos jirreenna haaraa Kiristoo keessa ka Waaqaa irraa dhufe garsiise. Namii dhugeeffate nyaapha Waaqaatinitii ammallee yaayyuu Lubbuun Waaqaa cubbuu fi du'a jala baafte. Boqota 5–8 keessa Phaawulos waan seera Waaqaatii fi jabeenna hafuura Waaqaa, jireenna warra dhugeeffatee keessaatti garsiise. Duuba Phaawulos haga danda'uu akka Yihudii fi namii gosa dhibii waan Waaqiii nama cufaa herrege argatu itti game. Innii dubbii buufataa akka didiitin Yihudiin Yesus didde herrega Waaqaa ka Waaqiii karaa sunin nama cufaa eebba isaa ta Yesus keessatiin dhufu garsiise. Ammallee innii akka Yihudiin guyyaa cufaa Yesus hindinne abdate. Phaawulos ammallee akka gumiin Waaqaa fidamuu malte barreesse, keesumaa akka warrii waljaalatee waliin taa'u guddoo jabeese.
Innii waan akkanaa kana dubbata: akka Waaqaa hojatan, ammallee akka gumiin Waaqaa warra lafa fiduu waliin hojjattu, akka waan kana cufaa garaa dansaan tolchan. Phaawulos ergaa tana dhaamsa ufitii fi faaruu Waaqaatiin buufate.
Boqota Waan Kitaaba Kana Keessa Jiraati
1:1-17 Mat. aa dubbiitii fi dubbii jabduu
1:18–3:20 Waan namii baafamuu maleef
3:21–4 Karaa Waaqaa ka baafamaa
5–8 Jireenna haara Kiristoo keessa
9–11 Akka Israa'eli herrega Waaqaa keessa jirtu
12:1–15:13 Adaba gumii Waaqaa
15:14–16 Buufataa fi nagayaa namaa dhaaman
Currently Selected:
Roomaa MATAA DUBBII: KakHaa
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in