Oduu Nagayaa Ka Luuqaasii 11
11
Yesuus Waan Faateffanna'aa Barsiise
(Mat. 6:9-13; 7:7-11)
1 #
5:33
Yesuus hulee takkatti faateffata'aa tureeti, Hennaa faatee fixe, darasoota keessaa tokko, «Gooftaa keenna! Yohaannis darasoota ufii akka barsiise akka faateffannu nu barsiisi» jedheen.
2Innillee hennaa faateffattan akkana jedhaa'a, Abbaa keenna ka samii jirtu maqaan kee haa woyyoomu, jeennanni tee haa dhuftu, fedhiin kee akkuma samii irratti taate akkasuma lafa irrattillee haa taatu. 3Nyaata nu barbaachisu
guyyama guyya'aan nuu kenni.
4Akkuma nu worra nu yakkaniif dhiifne, yakka keennallee nuu dhiisi. Hamaa jalaa nu baasi; ataabe'etti nu hin galchin.
5Inni akkana isaaniin jedhe, «Isin keessaa namni hiriyyaa qabu tokko, halkan wodhakkaa gara hiriyyaa ufii san dhaqee, ‹Jaalalloo kiyya mee buddeena sadihii naa liqeessi, 6Hiriyyaan kiyya tokko imala deema'aa natti gore, ani waan isaa kennu dhabe› yoo jedhe, 7Hiriyyaan isaa sun deebisee, ‹Amma balbala cufadheera na hin rakkisin ijjoolleen tiyyallee na woliin rafteerti ka'ee sii kennuu hin danda'u› jedhaanii? 8#18:5 Ani akkana isiniin jedha, jaalalloo waan ta'eef hennaa san ka'ee kennuufii yoo baatellee waan kadhatee dhiisuu dideef ka'ee waan inni barbaadu maraa kennaaf» jedhe. 9Anillee akkana isiniin jedha, Kadhadhaa'a isinii kennamaa, barbaada'a hin argattanii; balbala dhadhaya'a isin jalaa banamaa. 10#13:25 Namni kadhatu maruu hin argata. Ka barbaadullee hin argata, ka balbala dhadhayuufillee jalaa banama. 11Isin keessaa ka abbaa ta'e, ilmi isaa yoo xoroshoo isa kadhate ka dhakaa kennu eennu? yoo inni Qurxummii kadhate ka bofa kennuuf eennu? 12Yookiin yoo inni kallee kadhate buutii kennaafii? 13Eegasuu isin hammeeyyii taatanii ijoollee teessaniif kennaa mishaa kennuu yoo ka beettan ta'e, abbaan keessan ka sami'ii worra faateffataniif attamitti Ayyaana Woyyuu caalchisee isaanii hin kennineef ree?
Yesuusii Fi Bi'el Zebul
(Mat. 12:22-30; Mar. 3:20-27)
14Gaaf tokko Yesuus nama jinniin dhayee dubbachuu dhoogge keessaa jinnii baasa'aa ture. Jinniinillee haga keessaa bayeen maayessa namichi duudaan sun dubbannaan baniin hin maalalfate. 15#Mat. 9:34; 10:25 Haata'uu ammoo isaan keessaa namoonni gari gariin, «Inni hunna Bi'elzeebulii bulchaa jinni'iitiin jinnii baasa» jedhan.
16 #
Mat. 12:38; 16:1; Mar. 8:11 Kuuwwanillee isa ataabu'uuf samii irraa malkata akka isaanitti mudhisuu soqa'a turan. 17Innillee yaada isaanii beekee «Mootummaan wol qoqqooddu maruu hin baddi; maatiin tokko yoo wol qoqqoode akkasuma hin diiggama. 18Maarre Seexanni wol mormee yoo gargar ufi foyye, mootummaan isaa attamiin dhaabatuu dandeetti? waan isin anaan, «Inni hunna Bi'el Zebuliitiin jinnii baasa jettaniif» jedhe. 19Ani Bi'eelzeebuuliin jinnii ka baasu yoo ta'e ijoolleen teessan maqaa eennuutiin jinnii baasan? Kanaafuu isaan isin irratti hin murteessan. 20Ani ammoo hunna Rabbiitiin yoo ka jinnii baasu ta'e, eegasuu jeennanni Rabbii gara keessan dhufteerti.
21Namni jabaan sibiilaa fi wontee qabatee, dallawwa ufii yoo eege qabeenni isaa hin tuqamu. 22#Qol. 2:15; Yoh. 1ffaa 4:4 Ka isa caalu dhufee yoo isa injifate ammoo waan inni itti amanatee ture wonte'ee fi woraana irraa fudhata, qabeenna isaallee irraa fudhata. 23#9:50; Mar. 9:40 Namni gara kiyya hin taane na morma. Namni na biratti wolitti hin qabanne hin bintinneessa.
Ayyaanni Hamaan Nama Keessaa Bayetti Deebi'e
(Mat. 12:43-45)
24Ayyaanni hamaan nama keessaa hennaa baye, hulee hara itti baafatu soqa'aa gara lafa bisaan hin jirree dhaqa; yoo dhabe ammoo, ‹Gara mana kiyya ka keessaa bayetti deebi'a› jedha. 25Hennaa deebi'u mana duwwaa ta'ee haxaawamee bareedee qophaaye argata. 26Achiin maayessa ayyaanni hamaan sun deemeeti worra isa irra hamaa ta'an ayyaanota hamoota biraa torba ka isa caalaa hamaa ta'an qabatee deebi'ee itti gala. Haalli nama saniillee ka duraa caalaa badooma.
Eebba Dhuga'aa
27 #
1:28, 42, 48 Yesuus kana uduu dubbata'aaru, banii keessaa intalti takka laagaa isi'ii ol kaaftee, «Gadaamessi si baateef harmi ati hoote ka eebbifame» jetteen. 28#8:15; Yaq. 1:22-25 Inni deebisee, «Worra dubbii Rabbii dhagayee ajajamu caalaa ka eebbifame!» jedhe.
Namoonni Malkata Gaafatan
(Mat. 12:38-42; Mar. 8:12)
29 #
Mat. 16:4; Mar. 8:12; Qor. 1ffaa 1:22 Hennaa gumiin hedduu wolitti qabame Yesuus akkana isaaniin jechuu jalqabe, Dhaloonni kun dhaloota hama'a, isaan malkata gaafatan, malkata raatticha Yoonaasii malee, malkanni biraa hin kennamuuf. 30#Yoonaasii Raatticha 3:4 Akkuma Yoonaas banii Nanawe'eetii malkata ta'e; akkasuma ammoo Ilmi namaa dhaloota kanaaf malkata ta'a. 31#Mootota 1ffaa 10:1-10; Seenaa 2ffaa 9:1-12 Mootittiin Azeeb dhaloota kana woliin kaatee isaanitti murteessiti. Isiin ogummaa Salamoonii dhagayu'uuf daangaa biyya lafaatii waan dhufteertuuf. Ka Salamooniin caalu kunoo as jira. 32#Yoonaasii Raatticha 3:5 Namoonni Nanawe'ee dhaloota kana woliin ka'anii isatti murteessan. Lallaba Yoonaasiitiin aagii waan galaniiraniif kunoo ka Yoonaasiin caalu as jira.
Ifa Nafaa
(Mat. 5:15; 6:22-23)
33 #
8:16; Mat. 5:15; Mar. 4:21 Ifaa ibsanii gombisaa jala hin kaayan. Hulee nama mana keessa jiru maraaf ifu baattuu ibsa'aa irra kaayan malee. 34Ifti nafa keetii ija; yoo ijji tee fayyaa taate, nafti kee maruu ifaa ta'a; ijji tee dhibamtuu yoo taate ammoo, nafti kee maruu dukkana ta'a. 35Kanaaf ifni si keessa jiru dukkana akka hin taane uf eeggadhu. 36Eegasuu nafti kee maruu ifaan guuttamee huleen takkallee yoo hin dukkanoofne akka waan ifaan tokko ifa ufii sii ibsa'aaruutitti nafti kee maruu ifaa ta'a.
Yesuus, Fariisotaa Fi Barsiisota Seera Muuse'ee Komate
37 #
7:36; 14:1 Yesuus waan kana uduu dubbataa jiru, Fariisichi tokko akka inni isa woliin hurbaata nyaatu'uuf gara mana ufii isa waame; innillee mana isaa dhaqee taa'e. 38#Mat. 15:2 Fariisichi sun akka inni nyaataan dura harka ufii hin dhiqanne argee maalaleen. 39Gooftaanillee deebisee akkana isaaniin jedhe, «Isin Fariisonni sabaree itti dhuddanii fi qorii itti nyaattan duuba isaa hin qulqulleessitan; keessi keessan ammoo saamaa fi hammeennaan guuttameera. 40Isin worra gurraan hin dhagenne! Rabbiin gubbaa uume keessa hin uumnee? 41Isin garuu waan sabaree fi qorii keessa jiru hiyyeeyyi'iif kennaa'a. Yoo san wonti maruu isinii qulqullaayaa.
42 #
Seera Leewwotaa 27:30
Haata'uu ammoo isin Fariisonni urgoo caarotaa fi ashaakiltii maraa irraa kurnaffaa waan kafaltaniif murtii qajeela'aa fi jaalala Rabbii waan tuffattaniif isin anne'e! Haata'uu ammoo, waan kaawwanillee uduu hin dhiifne kana godhu'utu isin barbaachisa. 43Isin Fariisota mana sagadaatitti barcumma kabajja'aa, gabaya'attillee akka nagaya isin gaafatan waan jaalattaniif isin hobbaasi. 44Isin fakkeessitoota barsiisota Seera Muuse'eetii fi Fariisonni, awwaala soodduu hin qabne ka namoonni uduu hin beekin irra deeman waan fakkaattaniif isinii aanne'e!»
45Beekaa seeraa keessaa tokko, «Barsiisaa'a, ati hennaa kana dubbattu bee nullee arrabsa'aarta» jedheen. 46Yesuus deebisee, «Barsiisota Seera Muuse'ee isin aanne'e! Isin ba'aa ulfaataa rakkisaa dudda namootaatitti baachiftan, ufii ammoo qubaanillee hin tuxxan. 47#Hu. Er. 7:52 Awwaala raattotaa ka abboonni keessan ajjeesan waan hojjattaniif isinii aanne'e. 48Kanaafuu isin waanuma abbootiin keessan hojjatan san gargaara'aa dhugaa taasiftan. Isaan raattota ajjeesan, isin ammoo awwaala isaanii midhaassitan. 49Sababaa kanaaf Rabbi ogummaa isaatiin, «Ani raattootaa fi ergamoota isaanitti erga. Namoonni sunillee isaan keessaa gari garii hin ajjeesan, kaawwan ammoo hin ari'an» jedhe. 50Maarre dhaloonni kun dhiiga raattota maraa urga adunyaan uumamte irraa jalqabee dhangala'e maraafuu hin gaafatama. 51#Seera Uumamaa 4:8; Seenaa 2ffaa 24:20-21 Kana jechuun, dhiiga Abeelii irraa jalqabee haga dhiiga Zakkaariyaasii ka hulee ciinca'aatii fi mana woyyuu wodhakka'atti ajjeefame saniifillee hin gaafataman. Ee Ani isiniin jedha, dhaloonni kun maruu hin gaafatama. 52Isin beettonni seeraa, furtuu balbala beekkumsaa waan fudhattaniif isin aanne'e! Ufii hin seenne, worra seenu'uuf ta'ullee hin dhooggitan.
53-54 #
20:20; Yoh. 8:6 Hennaa inni waan kana isaanitti dubbate, barsiisonni seera Muuse'eetiif Fariisonni waan inni dubbateen isa qabu'uuf yaadanii guddisanii morma'aa waan hedduu akka inni dubbatu tuttuqu'uunii jalqaban.
Currently Selected:
Oduu Nagayaa Ka Luuqaasii 11: WLNT
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
Arsi-Bale Oromo New Testament, Literal Type Translation © Light of Hope Ministry, 2013.