YouVersion Logo
Search Icon

Oduu Nagayaa Ka Luuqaasii 12

12
Yesuus Dhara Fariisotaa Irraa Uf Eeggachiise
(Mat. 10:26-27)
1 # Mat. 16:6; Mar. 8:15 Hennaa san namoonni waan heddu ta'aniif, gumiin heddu haga wol irra ijjatutti wol gayanii uduu jiran, darasoota ufiitiin akkana jechuu jalqabe, Duraan dursa'atii raacitii Fariisotaa, jechuun uftuulummaa isaanii irraa uf eegaa'a. 2#8:17; Mat. 10:26; Mar. 4:22 Haata'uu ammoo wonti golgame uduu hin mudhanne, ka dhokate uduu hin beekkamne hafu hin jiru. 3Kanaaf ka dukkana keessatti dubbattan maruu, ifatti dhagayama, ka gola keessatti gurratti hasaaftan raasaa irratti lallabama.
Eennuun Sodaachuu Akka Nu Barbaachisu
(Mat. 10:28-31)
4«Isin jaalalloota tiyya akkana isiniin jedha, worra isin ajjeesan san caalaa ammoo worra womaa godhuu hin dandeenne hin sodaatinaa'a. 5Ani ammoo waan sodaattan isinitti hima. Ka haga ajjeeseen maayessa gara asaabaa gatu'uuf baallii qabu sodaadhaa'a!
6Handariin shanii saantibii kudhanitti gurguramtii mii? Isaan keessaa tokkottiinnillee Rabbiin afo'otti hin irraanfatamtu. 7#21:18; Hu. Er. 27:34 Rifeensi mataa keessaniituu uduu hin hafin laakkayameera. Maarre handarii hedduu san waan caaltaniif hin sodaatinaa'a!»
Waan Kiristoosii ragaa Bayuu
(Mat. 10:32-33; 10:19-20)
8«Ani akkana isiniin jedha, ka nama afo'otti ragaa naa bayu maraafuu, Ilmi namaallee maleekkota Rabbii afo'otti ragaa bayaaf. 9#9:26 Ka nama afo'otti na ganu, maleekkota Rabbii afo'otti hin ganama. 10#Mat. 12:32 Nama Ilma namaa arrabse maraafuu hin dhiifama. Ka Ayyaana Woyyuu arrabsee ammoo hin dhiifamu.
11 # 21:12-15; Mar. 13:11 Hennaa gara mana sagada Yihuudotaa, gara ajajootaa fi bulchootaa isin harkisan, attamitti yookiin maal akka deebiftaniif hin yaadinaa'a. 12Ayyaanni Woyyuun hennama san waan dubbatuu qabdan isin barsiisa» jedhe.
Gowwummaa Namicha Dureessa Tokkoo
13Gumii keessaa namni tokko, Yesuusiin, «Barsiisaa'a, dhaala abbaa keennaa, akka naaf qoodu obboleessa kiyyatti himi» jedheen.
14 # Seera Bawu'uu 2:14; Hu. Er. 7:27 Yesuus deebisee, «Namicha nana, isin irratti murteessa'aa fi ka dhaalchisu akka ta'u eentu na muude?» jedheen.
15 # Xim. 1ffaa 6:9-10 «Jireenni namaa guddinna qabeennaatiin waan hin taaneef, uf eegadhaa'a, dhara maraa irraa uf eegaa'a» isaaniin jedhe. 16Achiin maayessa Yesuus isaanitti mammaakee, «Qonni namicha dureessa tokkoo sanyiin isaa guddisee toleef. 17Inni ‹Midhaan kiyya bakka itti galfadhu dhabeeraa maal godhuu?› jedhee garaa ufii keessatti yaade. 18‹Akkana godha› ‹Gootaraa kiyya diigee ka biraa ka caalu ijaara. Achitti eebba kiyyaa fi midhaan kiyyallee galfadha. 19Achiin maayii ufiin, lubbuu tiyyaanillee, ati lubbuu tiyya eebba guddaa bara hedduuf sii gayu waan qabduuf, harabaafadhu, nyaadhu, dhugi, gammadi› jedha. 20Rabbi ammoo, ‹Ati cem'aaleessa nana halkan kana lubbuu kee si keessaa fuudhu'uuf soqaaranii, ka wolitti kuufatte kun ka eennuu ta'a?› jedheen. 21#Mat. 6:20; Xim. 1ffaa 6:17-19 Namni qabeenna ufiif tuulatu ka Rabbiin biratti dureessa hin taane akka kana ta'a.»
Rabbiin Abdii Godhachuu
(Mat. 6:25-34)
22Darasoota ufiitiin akkana jedhe, «Jireenna keessaniif maal nyaanna yookiin nafa keessanitti maal uffanna jettanii hin yaadinaa'a. 23Jireenni nyaata irra, naftillee uffata waan caaluuf. 24#Kitaaba Faarfanna'aa 147:9 Harraageyyii laalaa, hin facaafatan, hin haamatan, mi'a manaa yookiin gootaraa hin qaban. Rabbi ammoo isaan hin nyaachisa. Isin hoo simbirran hin caaltanii? 25Isin keessaa yaaddayee hojjaa ufii irratti ka ciqilee takkattii eda'uu danda'u eennu? 26Eegasuu waan diqqoo tana ka hin dandeenne yoo taatan maaliif waan biraatiif yaaddoftan? 27#Mootota 1ffaa 10:4-7; Seenaa 2ffaa 9:3-6 Abaaboon akkamitti akka guddatan laalaa. Hin dadhaban jirbii hin fooyan. Haata'uu ammoo Salamoonuu, ulfinna kana maraa uduu qabu, kanniin keessaa akka tokkootitti hin uffanne. 28Rabbi ammoo Abaaboo raasa'aa mudhatu ka adha jiru ka boru gara ibidadatitti gatamu marga raasa'aa akkana yoo ka uwwisu ta'e, isin worra amantaa dhidhu'uu! Isin silaa attamitti kanniin caalaa isinitti hin uwwifne ree?
29«Isin ‹Maal nyaanna? Maal dhunna?› jedha'aa hin yaaddayinaa'a. 30Kanniin maraa worri adunyaa irra jiran worri Yihuudota hin taane waan soqaniif, Abbaan keessan ka samii jiru, kun maruu akka isin barbaachisu hin beeka. 31Haata'uu ammoo, jeennata Rabbii soqaa'a, kun maruu isinii eda'ama.»
Durummaa Sami'ii
(Mat. 6:19-21)
32 # 22:29; Isaayyaasii Raatticha 41:14; Daani'eelii Raatticha 7:27 Isin gumii diqqoo'o, abbaan keessan jeennata isinii kennu'uuf fedhii mishaa isaa waan ta'eef hin sodaatinaa'a. 33#18:22; Mat. 19:21; Mar. 10:21 Qabeenna keessan gurgura'aatii worra hiyyeeyyi'ii kennaa'a. Hulee hattuun itti hin dhiyaanneef bakka xiinxanaan hin balleessinetti qabeenna hin dhumanne ka sami'iititti korojoo hin moofnetti ufiif kaayadhaa'a. 34Hulee qabeenni keessan jiru yaanni keessanillee achi waan jiraatuuf.
Dammaquu Hojjattootaa
(Mat. 24:45-51)
35-36 # Mat. 25:1-13 Isin worra mudhii keessan huji'iif hidhate, ibsaan keessanillee ka ife haata'uu. Hojjattoota gooftaan isaanii cidha fuudhaa fi heerumaatii galee hennaa balbala dhadhayu, akkuma inni balbala dhadhayeen isa jalaa banu'uuf qophaayanii isa eegan sanniin fakkaadhaa'a. 37#17:7-8; Yoh. 13:4 Garboonni gooftaan isaanii hennaa dhufu uduu hojjatan ka arguun, isaan worra eebbifame. Dhugamaan isiniin jedha, marxifatee isaan teessisee ufii dhaabatee isaan nyaachise. 38Hojjattoonni hennaa gooftaan isaanii halkan qixxee dhufee, isaanii dammaqaniranii isaan argu sunniin worra eebbifame. 39#Tas. 1ffaa 5:2 Kana ammoo beekaa'a, abbaan manaa sa'aatii hattuun itti dhuftu uduu beekee, silaa hattuun mana isaa akka qottu itti hin dhiisu. #Mat. 24:43-44 40Isin ammo qophaaya'aa jiraadhaa'a. Ilmi namaa sa'aatii isin hin qaabannetti waan dhufuuf.
Hojjattaa Amanama'aa Fi Ka Hin Amanamne
(Mat. 24:45-51)
41Pheexroos, Gooftaa kiyya, mammaaka kana nuuf moo yookiin maraafuu dubbata'aarta? jedhee gaafateen. 42Gooftaan akkana jedhee deebiseef, Eegasuu, «Hojjataan amanamaa fi ogeessi, ka gooftaan isaa nyaata isaanii henna'aan akka kennuufiif jedhee gooftaan hojjattoota ufii irratti isa muudu eennu? 43Hojjataan gooftaan isaa deebi'ee hennaa dhufu uduu inni hojjatu arguun sun eebbifama'a. 44#Mat. 25:21, 23 Ani dhugamaan isiniin jedha waan qabu maraa irratti isa muuda. 45Garuu yoo hojjataan sun yaada ufii keessatti, ‹Gooftaan kiyya dafee hin dhufu› jedhee yaadee nyaata'aa, dhuga'aa maachaya'aa, hojjattoota dhiiraatii fi dubartoota isa woliin hojjatan tumuu yoo jalqabe, 46Gooftaan hojjataa sanii guyyaa inni hin eeggannee fi hennaa inni hin beenneetti dhufa. Bakka lamatti isa baqqassa hiree isaallee worra hin amanamne woliin taasisa. 47#Yaq. 4:17 Hojjataan fedhii Gooftaa ufii beekee, hin qophoofneef akka fedhii isaa ka hin goone sun guddisee tumama. 48Ka waan isa tumsiisu hin beenne ammoo, uduu hin beenne yoo hojjate diqqoo tumama. Nama wonti guddaan itti kenname irraa waan guddatu barbaadama; Yaboon guddaan ka itti kenname irraallee waan guddatu barbaadama» jedhe.
Namoonni Sababa Yesuusiitiif Gargar Bayan
(Mat. 10:34-36)
49«Ani lafa irratti ibidda buusu'uuf dhufeera Amumaa uduu daddafee naa qabatee attam na tolaa! 50#Mar. 10:38 Haata'uu ammoo cuuphaa cuuphamuu na baarbachisu tokkotu jira; haga inni raawwatamuuf akka malee dhiphadha? 51Isin waan ani lafa irratti nagaya fidu'uuf dhufe isinitti fakkaataa? Akkasii miti; gargar bayi'insa fidu'uuf dhufe malee. 52Ammarraa jalqabee mana tokko keessatti maatii shantu jiraata. Sadiin lama irratti lamaan sadiin irratti ka'anii addaan fooyaman. 53#Mikkiyaasii Raatticha 7:6 Abbaan ilma ufii irratti, ilmi abbaa ufii irratti, haati intala ufii irratti, intalti haadha ufii irratti, soddaatiin intala ilmaa irratti, intalti ilmaallee soddaatii irratti ka'anii gargar bayan» jedhe.
Hennaa Beekuu
(Mat. 16:2-3; 5:25-26)
54Yesuus banii saniin deebi'ee akkana jedhe, «Hennaa duumessi dhiyaa bayu yoo argitan yomasan, ‹Roobni hin rooba› jettan akkasuma hin rooba. 55Bubbeen gara bita'aatii yoo bubbise, ‹Bona ta'a› jettan akkasuma hin bona. 56Isin fakkeessitoota akkaataa qilleensa lafaatii fi sami'ii laaltanii beettan. Haata'uu ammoo maali'iif hiikkaa bara kanaa himuu dadhabdani ree?»
Nama Woliin Araaramuu
(Mat. 5:25-26)
57«Isin wonti qajeellumma'aan hin murteessineef maali'ii? 58Ka si himate woliin gara mana murti'ii hennaa deemtu, gara abbaa seeraa uduu si hin finne abbaan seeraallee worra hidhutti dabarsee uduu si hin kennine worri hidhullee akka si hin hiine karaa irra uduu jirtu ka si himateen wolitti araaramuu yaali siin jedha. 59Ani sitti himaa saantibiin tokkittiin uduu sirratti hin hafne haga kafaltutti achii horomaa hin baatu.»

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in