YouVersion Logo
Search Icon

Oduu Nagayaa Ka Luuqaasii 10

10
Yesuus Namoota Torbaatamii Lama Erge
1Achiin maayessa Gooftaan namoota biraa torbaatamii lama muudee gara qacha'aa fi hulee ufii dhaqu'uuf ta'u maraa lama lama godhee isaan erge. 2#Mat. 9:37-38; Yoh. 4:35 Akkana isaaniin jedhe, midhaan haamamu gudda'a worri haamu ammoo diqqa'a. Kanaafuu abbaan midhaanii worra midhaan haamu gara maasa'aa akka ergu isa kadhadhaa'a. 3#Mat. 10:16 Deemaa, ani akka Hoolotaa Yayyii edduu isin erga. 4#9:3; 22:35; Mootota 2ffaa 4:29 Korojoo, qaraciitii, kopheellee hin qabatinaa'a; eennuunillee kara'atti nagaya hin gaafatinaa'a. 5Hennaa mana tokko seentan duraan dursa'aatii, ‹Nageenni mana kanaaf haata'u› jedhaa'a. 6Namni nagaya keessan fudhatu yoo achi jiraate, nageenni keessan nama saaniif ta'a. Yoo fudhachuu baatan ammoo nageenni keessan isinii deebi'a. 7#9:4; Qor. 1ffaa 9:14; Xim. 1ffaa 5:18 Hojjataa tokkoo mindaan waan barbaachisuuf waan isaan isinii kennan maraa nyaata'aa dhuga'aa manuma san keessa taa'aa'a malee, mana tokkoo gara mana biraa hin deeminaa'a. 8#Qor. 1ffaa 10:27 Qachaa dhaxxan marattuu yoo isin simatan, waan isaan isinii dhiyeessan nyaadhaa'a. 9Dhukkubsattoota achi jiran fayyisaa'a, ‹Jeennanni Rabbii gara keessan dhiyaatteerti› jedha'aanii. 10Haata'uu ammoo qachaa dhaxxan maratti yoo isin simachuu dhabaatan gara baada'aa baya'aatii, 11#Hu. Er. 13:51; 18:6 ‹Daaraa qachaa keessanii, luka keenna irraa hin dhadhayanna; haata'uu ammoo jeennanni Rabbii gara keessan akka dhiyaatte beekaa'a!› jedhaa'a. 12#Seera Uumamaa 19:24-28; Mat. 10:15; 11:24 Ani akkana isiniin jedha, guyyaa murti'ii qachaa san irra worra Soodoomiitii hin salphata.
Qachoota Hin Amanne
(Mat. 11:20-24)
13 # Isaayyaasii Raatticha 23:1-18; Hisqeelii Raatticha 26:1—28:26; Iyyu'eelii Raatticha 3:4-8; Amoosii Raatticha 1:9-10; Zakkaariyaasii Raatticha 9:2-4 Kurraazi, sii aanne'e, Beetasayidaa, sii aanne'e maalaleen isin keessatti ta'e, Xiroosii fi Siidoona'atti uduu ta'ee jiraatee uffata gufufaa uffatanii daaraa irra taa'anii silaa duruu agii galan. 14Haata'uu ammoo hennaan murti'ii, isin irra Xiroosii fi Sidoona'aa salphata. 15#Isaayyaasii Raatticha 14:13-15 Atillee Qifirnaahoom haga sami'ii ol uf fuudhuu feetaa? gara asaabaa buuta. 16#9:48; Mat. 10:40; Mar. 9:37; Yoh. 5:23; 13:20; 15:23 «Ka isin dhagayu ana dhagaya; ka isin dide na dida; ka ana didellee ka na erge dida.»
Namoonni Torbaatamii Lamaan Hulee Ergamanii Deebi'an
17 # Mar. 16:17 Namoonni torbaatamii lamaa gammachu'uun gara isaa deebi'anii, «Gooftaa keenna!, maqaa keetiin jinniinillee nuuf ajajame» jedhaniin.
18 # Yoh. 12:31; Mudh. Yoh. 12:8-9; Isaayyaasii Raatticha 14:12 Yesuus deebisee akkana isaaniin jedhe, «Seexanni akka bakakka'aatitti hennaa sami'ii gadi bu'u arge. 19#Mar. 16:18; Hu. Er. 28:6; Kitaaba Faarfanna'aa 91:13 Bofaa fi buutii akka irra ijjattan hunna diina maraa irratti baallii isinii kenneera. Wonti isin miidhu womtuu hin jiru. 20#Mat. 7:22; Filph. 4:3; Mudh. Yoh. 3:5; 20:12 Haata'uu ammoo ayyaanni battiin waan isinii ajajameef hin gammadinaa'a; maqaan keessan ammoo waan sami'itti barreeffameef gammadaa'a.»
Yesuus Gammade
(Mat. 11:25-27; 13:16, 17)
21 # Qor. 1ffaa 1:26-28 Hennaa san Yesuus gammachuu Ayyaana Woyyu'uutiin guuttamee, Abbaa Gooftaa ardi'ii fi sami'ii kana ogeeyyi'ii fi beettota jalaa dhossitee daa'immaniif waan ibsiteef si galateeffadha. Ee Abbaa fedhiin kee afoo keetitti akkana waan ta'eef.
22 # Yoh. 3:35; 10:15 «Maruu abbaa kiyya irraa naa kennameera. Ilmillee eennuun akka ta'e abbaa malee ka beeku hin jiru. Abbaan eennu akka ta'e ilmaa fi ka ilmi isaa ibsu'uuf fedhu malee ka beeku hin jiru» jedhe. 23#Mat. 13:16 Achiin maayessa gara darasoota ufii garagalee hojja isaaniititti, «Ijji waan isin argitan argitu ta eebbifamte. 24#Phex. 1ffaa 1:10 Akkana isiniin jedha, raattonninii fi mootoleen hedduu waan isin argitan argu'uuf, waan isin dhageettan dhagayu'uuf halchanii garuu argu'uu fi dhagayuu hin dandeenne» jedhee isaanitti hime.
Mammaaka Waan Namicha Samaariya'aa
25 # 18:18-20; Mat. 22:35; 19:16; Mar. 10:17 Beekaan seera Muuse'ee tokko waan Yesuus jedhu laalu'uuf ol ka'ee, «Barsiisaa'a, jiruu bara baraa argachu'uuf maal godhuu na barbaachisaa?» jedheen. #Mat. 22:35-40; Mar. 12:28-40 26Yesuus deebisee, «Wonti Seera Muuse'ee keessatti barreeffame maali'i? attamitti dubbiftee hiitta?» jedheen. 27#Seera Leewwotaa 19:18; Seera Keessa deebi'ii 6:5 Innillee deebisee, «Waaqa Gooftaa kee qalbii kee guutu'uun, lubbuu kee guutu'uun, hunna kee guutu'uun, yaada kee guutu'uun jaaladhu, ‹Akkuma uf jaalattutti goshoo keellee jaaladhu› jedheen.
28 # Seera Leewwotaa 18:5; Rom. 10:5 Yesuusillee dhugaa deebifte, kana godhi lubbu'uun jiraattaa» jedheen.
29Inni ammoo qajeelaa uf godhuu fedhee, Yesuusiin, «Goshoon kiyya eennu inni» jedhee gaafateen.
30Yesuus deebisee akkana jedhe, «Namichi tokko Yeruusaaleemiin irraa gara Yaarikoo bu'ee shiftootaan qabame. Isaan ammoo uffata irraa mulqanii, tumanii, du'aa fi jireenna jiddu'utti isa dhiisanii deeman. 31Gadichi tokko dimmaa karaa saniin uduu deemu isa argee, irraa goree lufe. 32Akkasuma namni gosa Leewwi'ii tokko gara hulee sanii dhufee, hennaa namicha arge, irraa goree lufe. 33#17:16; Yoh. 4:9; 8:48 Namichi Samaariya'aa tokko ammoo, deemaa gara isaa dhufee, hennaa isa arge hin gaddeef. 34Itti dhiyaatee, madaa isaatitti zayiti'ii fi daadhii woyini'ii dibee hidheefi; achiin maayessa harree ufii irra kaayee, gara mana keessummaan bultuu isa geessee, achitti gargaare. 35Bariisaa san saantibii lamaa#10:35 saantibii lamaa: diinaarii lamaa baasee namicha mana keessumma'aa eegutti kennee, ‹Ittiin gargaar; hennaa karaa kana deebi'u, kanaa olillee yoo baafte, sii kenna› jedheen. 36Achiin maayessa Yesuus, «Jara sadiin kana keessaa, namicha shiftootaan miidhame saniif akka obboleessaatitti ka isa gargaare kamiin sitti fakkaata?» jedheen. 37Innillee, «Namicha waan mishaa godheef san» jedhee deebise.
Yesuusillee, «Atillee deemii, akkasuma godhi» jedheen.
Yesuus Mana Maarta'aatii Fi Maariyaamiititti Waamame
38 # Yoh. 11:1; 12:2-3 Uduu deema'aaran, Yesuus gara gandattii takkaa seenee, dubarttiin Maartaa jedhamtu takka mana ufiititti isa simatte. 39Isiinillee obboleettii Maariyaam jedhamtu qabdi. Maariyaam ammoo dubbii isaa dhagayu'uuf luka Yesuusii jala teette. 40Maartaan ammoo waan hujiin itti guddateef jaatanooftee, gara isaa dhiyaattee, «Gooftaa kiyya! obboleettiin tiyya na gargaaruu diddee yoo ani hojja kiyyatti hojjadhu garaa si nyaadhuu? kanaafuu akka na gargaartu itti himi» jetteen. 41Yesuusillee deebisee, «Maartaa, Maartaa! Ati waan hedduu yaada'aa dhiphatta, 42#Mat. 6:33 Ka barbaachisu ammoo waan diqqoo yookiin waan tokko. Maariyaam hiree mishaa filatteerti isii irraa hin fudhatamu» isi'iin jedhe.

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in