Oduu Nagayaa Ka Luuqaasii 9
9
Yesuus Ergamoota Kudha Lamaa Erge
(Mar. 10:5-15; Mar. 6:7-13)
1Yesuus ergamtoota ufii kudha lamaanuu wolitti waamee, jinniiwwan maraa akka baasan, dhibeellee akka fayyisan hunnaa fi baallii isaanii kenne. 2Jeennata Rabbii akka lallabaniif dhukkubsattoota akka fayyisan akkana jedhee isaan erge. 3#10:4-11; Hu. Er. 13:51 Ulee, korojoo, buddeenaaf birriillee yoo ta'e hennaa imala deemtan womaa harkatti hin qabatinaa'a. Ka uffattan sanii achi ka biraa harkatti hin qabatinaa'a. 4Mana keessummummaa dhaxxan san haga gaafa achii baataniif achuma taa'aa'a. 5Eennullee yoo isin simachuu dhabaate, qachaa san keessaa hennaa baatan ragaa akka isaanitti ta'u daaraa luka keessanii hargufadhaa'a. 6Isaanillee achii bayanii Oduu Nagayaa lallaba'aa bakka maratti fayyisa'aa, qachaa maraa keessa deema'aa turan. 7#9:19; Mat. 16:14; Mar. 8:28 Bulchaan kutaa arfaffa'aa Heroodis, waan ta'e san maraa dhagayee, Innillee, namoonni gari gariin Yohaannisii cuupha'atu worra du'an keessaa ka'eera. 8Kuuwwan ammoo Eeliyaasitu mudhate, kuuwwanillee Raattota duraa keessaa tokko ka'eera jedha'aa waan turaniif mame. 9Heroodisillee, Yohaannis ka ani morma isaa mursiise. Namni ani amma waan isaa dhagayu kun eennu? jedhee isa kana argu'uuf barbaada'aa ture. 10Ergamtoonnillee deebi'anii waan hojjatan maraa isatti himan. Innillee isaan qabatee qachaa Beetasayidaa jedhamtu bira hojjuma isaa gara lafa udume'ee dhaqe. 11Gumiinillee akka inni Yesuusiin ta'e beekanii isa faanaa deeman. Innillee isaan simatee waan jeennata Rabbii isaanitti hima'aa ture. Worra fayyuun isaan barbaachisullee hin fayyise. 12Hennaa lafti dhiitetti darasoonni kudha lamaa isati dhiyaatanii, «Nu lafa udume'ee keessa waan jirruuf, gara naannoo ganda baadiyaa jiranii deemanii akka bulanii fi waan nyaatanillee akka argatan banii kana geggessi» jedhaniin. 13#Mootota 2ffaa 4:42-44 Inni ammoo, «Isinuu waan nyaatan kenna'aaf» isaaniin jedhe.
Isaan ammoo, «Deemnee gumii kana maraafuu yoo waan nyaatan binne malee, xoroshoo shanii fi qurxummii lamaa callaa qabna» jedhaniin. 14Gumiin haga namoota kuma shanii waan turaniif, darasootaan, «Kuta kuta'aan shantama shantama godha'aa gumii teessisaa'a» isaaniin jedhe. 15Isaanillee akkuma inni godhaa jedhe maraa teessisan. 16Innillee xoroshoo shanii fi qurxumii lamaanuu fuudhee gara sami'ii ol laalee, eebbisee, caccabsee gumi'iif akka kennan darasoota ufiititti kenne. 17Marti isaaniituu nyaatanii quufanii hambaa isaan irraa hafe xoroshoo gindoo kudha lamaa guutuu isaan jalaa fuudhan.
Pheexroos Eennummaa Yesuusii Hime
(Mat. 16:13-19; Mar. 8:27-29)
18Yesuus hojja ufii uduu faateffata'aaru, darasoota isa woliin turaniin, «Namoonni eennu anaan jedhan?» jedhee isaan gaafate. 19#9:7-8; Mat. 14:1-2; Mar. 6:14-15 Isaanillee deebisanii, «Gariin Yohaannisii cuupha'a siin jedhan; gariin Eeliyaas siin jedhan; kuuwwan raattota durii keessaa tokkotu du'aa ka'eera siin jedhan» jedhaniin.
20 #
Yoh. 6:68-69
Yesuus, «Isin hoo eennu naan jettan?» jedhee isaan gaafate.
Pheexroos deebisee, «Ati Kiristoosii Rabbiiti» jedheen.
Yesuus Du'aa Fi Du'aa Ka'uu Ufii Dursee Hime
21-22Yesuus ammoo, «Ilmi Namaa manguddoota biyyaa, bulchoota gadootaatii fi barsiisota seeraatiin tuffatamee guddisee rakkata, hin ajjeefama, guyyaa sadaffa'aatitti hin ka'a» jedhe. Waan kana ammoo eennuttillee akka hin himne jabeessee isaan seere. 23#14:27; Mat. 10:38 Inni isaan maraanuu akkana jedhe, «Namni na faanaa dhufuu barbaadu yoo jiraate, ufirraa haa bayuu. Guyya guyya'aan fannoo ufii baadhatee na faana haa deemuu. 24#17:33; Mat. 10:39; Yoh. 12:25 Namni lubbuu ufii fayyisuu fedhu maruu hin balleeffata. Namni naaf jedhee lubbuu ufii kennu maruu hin hanbifata. 25Namni waan adunyaa tanaa maraa argatee, lubbuu ufii yoo balleeffate yookiin dhabe faayidaa maal argata? 26#12:9; Mat. 10:33; Xim. 2ffaa 2:12 Namni anaaf dubbii kiyyatti saalfatu maruu ilmi namaa ulfinna isaatiin, ulfinna Aabba'aatii fi ulfinna maleekkota woyyootaa woliin hennaa dhufu isatti saalfata. 27Ani dhugamaan isiniin jedha, namoota as dhaabata'aaran kanniin keessaa uduu hin duune worri jeennata Rabbii argatan jiran» isaaniin jedhe.
Jijjiiramuu Bifa Yesuusii
(Mat. 17:1-8; Mar. 9:2-8)
28 #
8:51
Yesuus haga dubbii kana dubbateen maayessa guyyaa saddeetii tureet Pheexroosiin, Yohaannisiif, Yaaqoobiin qabatee faateeffachu'uuf gara gaaraa baye. 29Uduu inni faateffata'aaru bifti fuula isaa jijjiirame uffanni isaallee calalaqee adii ta'e. 30Hennaa san namoonni lamaan, Muuseef Eeliyaas isa woliin dubbata'aa turan. 31#9:22; 13:33; 18:31 Ulfinnaan mudhatanii, waan du'uu Isaatii fi waan Yeruusaalemitti Isa irratti ta'u dubbata'aa turan. 32#Phex. 2ffaa 1:16-18; Yoh. 1:14 Haata'uu ammoo Pheexroosiif worri isa woliin turan hirribni waan isaan qabeef rafa'aa turan. Hennaa dammaqan ammoo ulfinna Yesuusiitiif namoota lamaan isaan woliin dhaabata'aa turan sanniin argan. 33Akkuma namoonni sun isa biraa deemaniin, Pheexroos Yesuusiin, «Barsiisaa'a! Asitti argamuun keenna waan misha'a; daasee sadihii, tokko siif, tokko Muuse'eef, tokko ammoo Eeliyaasiif haa ijaarruu» isaan jedhe; Inni ammoo woma dubbata'aaruu hin beeku ture. 34Uduu inni kana dubbata'aaru duumessi dhufee isaan golge. Haga duumessi isaan golge hin sodaatan. 35#3:22; Kitaaba Faarfanna'aa 2:7; Isaayyaasii Raatticha 42:1; Mat. 3:17; 12:18; Mar. 1:11 Duumessa keessaa, «Kun Ilma kiyya, ka Ani filadhe; isa dhagayaa'a!» laagaan jedhu dhagayame. 36Haga laagaan sun dhagayameen maayessa, Yesuus hojjuma ufii achitti argame. Isaan hin cadhisan. Hennaa san isaan waan argan eennuttillee hin himne.
Yesuus Mucaa Ayyaana Batti'iin Qabame Fayyise
(Mat. 17:14-18; Mar. 9:14-27)
37Haga lafti bariite gaara gubba'aa hennaa bu'an, banii heddutu isaan wol arge. 38Banii san keessaa namichi tokko laagaa ufii ol qabatee, «Barsiisaa'a! Ilmi kiyya tokkichi qabu hafuura hama'aan waan qabameeruuf akka naa laaltu si kadhadha jedheen. 39Jinniin homacheessa'aa, kuffisa'aa, gangalcha'aa, hollachiisa'aa rakkisaan. 40Darasoota teellee akka isa keessaa baasan kadhadhee ture, isaan ammoo keessaa baasuu hin dandeenne» jedhe. 41Yesuusillee deebisee, «Isin worra hin amanne dhaloota dabaa, haga yoomii isin woliin jiraadha? Haga yoomii isinii obsa? Namichaan mee Ilma kee as fidi» jedheen.
42Hennaa itti dhiyaate jinniin kuffisee dhidhiitachiise. Yesuus ammoo ayyaana hamaa teedeffatee, mucaa fayyisee abba'atti deebisee kenne. 43Isaan maruu guddinna hunna Rabbii maalalan. Isaan maruu waan Yesuus godhe uduu baaseffatan, 44#9:22; 18:32; Mat. 16:21 Darasootaan, «Ilmi Namaa harka namaatitti dabarfamee waan kennamuuf isin kana gurra keessanitti qabadhaa'a» isaaniin jedhe. 45#18:34 Isaan ammoo waan kana hin hubanne. Hiikkaan isaan jalaa waan dhokateeruuf hubachuu hin dandeenne; Kanaaf isaan waan kana gaafachuu sodaatan.
Eentu Caala?
(Mat. 18:1-5; Mar. 9:33-37)
46 #
22:24
Isaan keessaa eentu eennuun akka caalu beeku'uuf jedhanii mormiin isaan jiddu'utti ka'e. 47Yesuus yaada garaa isaanii beekee, daa'ima tokko fuudhee qabee uf bira dhaabsisee, 48#Mat. 10:40; Luq. 10:16; Yoh. 13:20 «Eennullee ka daa'ima kana maqaa kiyyaan simatu na simata. Ka na simatu maruu ka na erge simata. Ka isin maraa irraa gadi aanu inni sun maraa caala» isaaniin jedhe.
Ka Isiniin Hin Mormine Gara Keessan
(Mar. 9:38-40)
49Yohaannis deebisee, «Barsiisaa'a, namichi tokko maqaa keetiin uduu jinnii baasu arginee, waan inni keenna hin taaneef, dhooggineen» jedheen. 50#11:23; Filph. 1:18 Yesuus ammoo, «Ka isiniin hin mormine isin woliin waan ta'eef, isa hin dhoogginaa'a» isaaniin jedhe.
Ganda Samaariya'aa Keessatti Yesuusiin Simatuu Didan
51 #
13:22; 17:11; Mat. 19:1; Mar. 10:32 Hennaan inni gara sami'ii ol fudhatamu waan dhiyaateef, gara Yeruusaaleemii deemu'uuf kutatee ka'e. 52Gara qachaa Samaariya'aa dhaqanii, waan maraa akka isaa qopheessaniif worra dhaamsa geessan erge. 53#Yoh. 4:9 Namoonni naannoo sanii ammoo akka inni gara Yeruusaalemii deema'aaru waan beekaniif, isa simachuu didan. 54#Mootota 2ffaa 1:9-16 Darasoonni isaa Yaaqoobii fi Yohaannis waan kana hennaa argan, «Gooftaa'a, akkuma Eeliyaas godhe ibiddi sami'ii bu'ee akka isaan balleessu akka ajanyu maarre nuu jettaa?» jedhaniin. 55Inni ammoo isaanitti garagalee isaan teedeffatee, «Isin Ayyaanni attamii akka isin irra jiru hin beettan; Ilmi Namaa lubbuu namaa fayyisu'uuf malee, balleessu'uuf hin dhufne» jedhe. 56Achiin maayessa isaan achii ka'anii gara qachaa biraa deeman.
Jarri Sadiin Takka Yesuusiin Faana Deemuu Barbaadan
(Mar. 8:19-22)
57Isaanillee karaa irra uduu deeman namichi tokko Yesuusiin, «Gara ati deemtu maraa si faana deema» jedhe. 58Yesuus deebisee, «Jeedalti boolla, Simbirti samii irra barartullee maandhee qabdi; Ilmi Namaa ammoo hulee mataa ufii itti irkifatuu hin qabu» jedheen.
59Nama biraatiinillee, «Na faana koottu» jedhe.
Namni sun ammoo, «Gooftaa'a, duraan dursee abbaa kiyya akka awwaalu na hoffolchi» jedhe. 60#Seera Laakkobsaa 6:6-7 Yesuus deebisee, «Du'aan du'aa ufii haa awwaaluu; ati ammoo deemii waan jeennata Rabbii lallabi» jedheen.
61 #
Mootota 1ffaa 19:20
Akkasuma namni biraallee, «Gooftaa kiyya, ani si faana deema; haata'uu ammoo duraan dursee worra kiyyatti akka nagaya dhaamadhu na hoffolchi» jedhe. 62Yesuus ammoo, «Eennullee dongoraa harkisa'aa harkatti qabatee ka uf duuba laalu jeennata Rabbiitiif hin malu» jedheen.
Currently Selected:
Oduu Nagayaa Ka Luuqaasii 9: WLNT
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
Arsi-Bale Oromo New Testament, Literal Type Translation © Light of Hope Ministry, 2013.