YouVersion Logo
Search Icon

Oduu Nagayaa Ka Yohaannisii 12

12
Maariyaam Yesuusiin Urgoo Dibde
(Mat. 26:6-13; Mar. 14:3-9)
1 # 11:1, 43-44 Faasika'aan dura guyyaa jahaffa'atti Yesuus gara Alaazaariin ka inni du'aa kaasee gara Biitaaniya'aa dhufe. 2#Luq. 10:40 Achitti nyaata dhiyeessaniif, Maartaanillee isa tajaajilte. Alaazaarillee worra achi taa'an keessaa tokko. 3#Luq. 7:37-38 Maariyaam urgoo naardoosii ka gatiin isaa guddaa baasu fuutee, luka Yesuusii dibde, luka isaa rifeensa mataa ufiitiin haxxe. Urgoon naardoosiillee mana urgeesse. 4#6:71; 13:26; 18:2 Haata'uu ammoo darasoota isaa keessaa ka dabarsee isa kennu'uuf ta'u, Yihuudaa biyya Asqorotuu ilma Simi'ooniiti. 5«Urgoon kun birrii dhibba Sadihiitti gurguramee, maaf hiyyeeyyi'ii hin kennamee?» jedhe. 6#13:29; Luq. 8:3 Inni kana wonti dubbateef, waan hattuu ta'eef malee hiyyeeyyi'ii yaadeetii miti, ka korojoo birrii keessa kaayan qabatu isa waan ta'eef, birrii korojoo keessa kaayan fudhata'aa ture.
7Yesuusillee, «Guyyaa awwaala kiyyaatiif waan qopheessiteef isii dhiisaa'a. 8#Seera Keessa deebi'ii 15:11 Hiyyeeyyiin hennaa maraa waan isin woliin jiraataniif ani ammoo hennaa mara isin woliin hin jiraadhu» jedhe.
Alaazaariin Ajjeesu'uuf Mari'atan
9 # 11:43-44 Yihuudota keessaallee baniin hedduu akka inni achi ture beekanii, Alaazaarii inni du'aa kaase argu'uuf dhufan malee, Yesuusiin calla'aafii mit. 10Bulchoonni gadootaa Alaazaariin ajjeesu'uuf mari'atan. 11#2:23; 7:31; 11:45 Yihuudota keessaa hedduun isaanii dhaqanii waan Yesuusitti amananiif.
Yesuus Yeruusaaleemiin Seene
(Mat. 21:1-11; Mar. 11:1-11; Luq. 19:28-40)
12Bariisaa baniin hedduu gara ayyaanaa dhufanii turan. Yesuus gara Yeruusaaleemii akka dhufu dhagayan. 13#Seera Leewwotaa 23:40; Kitaaba Faarfanna'aa 118:25-26; Mat. 23:39 Baala meexxi'ii qabatanii simachu'uuf bayan, «Hoosaanaa! #12:13 Hoosaanaa: hulee kanatti yaada galanni Rabbii haa gayu jedhu qabaka maqaa Goofta'aatiin dhufu Mootiin Israa'eelii ka eebbifame!» jedha'aa wocan.
14-15«Ati intala Tsiyoonii, hin sodaatin!
kunoo mootiin kee ilmoo harre'ee irra taa'ee hin dhufa» jedhamee akkuma barreeffame, Yesuus ilmoo harre'ee argatee isii irra taa'e.
16 # 12:23; 2:22 Darasonnillee waan kana dura hin hubanne, haata'uu ammoo haga Yesuus kabajjameen maayii, hennaa san kun waan isaatiif akka barreeffame kana akka isaa godhan qaabatan.
17 # 11:43-44 Alaazaariinillee awwaala keessaa waamee worra du'an keessaa hennaa isa kaase, worra isa woliin turee hin rageef. 18Kanaafuu akkasuma baniin maalalee kana akka godhe waan dhagayaniif isa simmachu'uuf bayan. 19#3:26; 11:48 Kanaaf Fariisonni, «Waan tokkollee godhuu akka hin danda'amne argitanii? Kunoo adunyaan isa faanaa ka'anii deema'aaran!» woliin jedhan.
Giriikonni Gariin Yesuusiin Soqan
20 # 7:35; 11:55 Worra gaafa ayyaanaa sagaduuf bayan keessaa gariin namoota Giriikiiti. 21#1:44; Luq. 19:3; 23:8; Mat. 13:16-17 Isaan gara Beetasayidaa Galiilaa keessa jirtuu gara nama Filiphoos jedhamuu dhaqanii, «Gooftaa'a, Yesuusiin arguu feena» jedhanii kadhataniin.
22Filiphosillee dhufee Indiriyaasitti hime, Indiriyaasii fi Filiphoos dhufanii Yesuusitti himan. 23#13:31-32; 17:1 Yesuusillee akkana jedhee isaanii deebise, «Ilmi Namaa kabajjamu'uuf sa'aatiin gayeera. 24#Qor. 1ffaa 15:36 Dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha, gumaan qamadi'ii lafa buutee lafa keessatti yoo hin duune hojjatti hafti. Yoo duute ammoo, daraaraa hedduu godhatti. 25#Mat. 10:39; 16:25; Mar. 8:35; Luq. 9:24; 14:26; 17:33 Ka lubbuu ufii jaalatu hin balleeffata, ka adunyaa tana irratti lubbuu ufii jibbu jireenna bara baraatiif kaayata. 26#14:3; 17:24; Luq. 9:23 Ka naa hojjatu yoo jiraate, na faanaa haa deemuu; hulee ani jirullee hin jiraata. Ka naa hojjatu yoo jiraate Aabba hin kabajjaan.»
Yesuus Waan Du'a Ufii Dubbate
27 # Kitaaba Faarfanna'aa 42:5-6; Mat. 26:38-39 «Amma lubbuun tiyya raafamte maal jedhalle'e? ‹Abbaa kiyya hennaa tana jalaa na oolchi jedha moo?› kana akka hin jenne ammoo, ani wonti dhufeef rakkoo tanaaf. 28#13:31; Mat. 3:17; 17:5 Abbaa kiyya! Maqaa kee kabajji!» jedhe.
Kanaaf, «Kabajjeera, akkasuma hin kabajjaanillee» laagaan jedhu sami'ii dhufe.
29 # Luq. 22:43; Hu. Er. 23:9 Baniin achi dhaabbatanii turan, hennaa dhagayan gigissa'a jedhan, kuuwwan maleekka'atu dubbate jedhan.
30 # 11:42 Yesuusillee akkana jedhee isaanii deebise, «Laagaan kun isiniif jedhee dhufeera malee, naafii mit. 31#9:39; 14:30; 16:11; Luq. 10:18 Murtiin adunyaa tanaa amma gayeera, amma bulchaan adunyaa tanaa gara alaa gatama. 32#3:14; 8:28; 17:24 Ani lafa irraa yoo ol ka'e nama maraa gara kiyya harkisa» 33Du'a attamii akka du'uuf ta'u isaanitti mudhisu'uuf kana dubbate.
34 # Kitaaba Faarfanna'aa 110:4; Isaayyaasii Raatticha 9:7; Hisqeelii Raatticha 37:25; Daani'eelii Raatticha 7:13-14 Eeganaa baniin, «Nu Kiristoos akka bara baraan jiraatu seera irraa dhageenneerra. Ati ammoo Ilmi namaa ol fuudhamuu qaba attamitti jetta? Ilmi namaa kunillee eennu?» jedhanii deebisaniif.
35 # 7:33; 8:12; 9:4-5; 11:9-10; 12:46; Yoh. 1ffaa 2:11 Yesuusillee, «Ifni amma hennaa diqqo'oof isin woliin uduu jiru, akka dukkanti isin hin liqimsine uduu ifni jiru ifa keessa jiraadhaa'a, ka dukkana keessa jiraatu garam akka deemu hin beeku. 36#8:59; Efe. 5:8 Ijoollee ifaa akka taataniif, uduu ifa qabdan ifatti amanaa'a» isaaniin jedhe.
Yesuus kana dubbatee, lixee isaan jalaa miliqe.
Amantaa Dhabuu Bani'ii
37-38 # 20:30-31; Hu. Er. 2:22 Haata'uu ammoo inni maalalee haganaa kana afoo isaaniititti yoo godhellee, raattichi Isaayyaas, «Gooftaa kiyya! Eentu ragaa keenna amane? Irreen Rabbiillee eennutti mudhate?» jedhee dubbiin dubatame akka raawwatamuuf isatti hin amanen. 39-40#Isaayyaasii Raatticha 6:9-10; Mat. 13:14-15; Hu. Er. 28:26-27 Isaayyaas ammoo, «Ija isaaniitiin akka hin argine qalbii isaaniitiin akka hin hubanne akka hin fayyinneef, ija isaanii jaamse, garaa isaaniillee hin jabeesse, waan jedheeruuf, amanuu dadhaban» 41#Isaayyaasii Raatticha 6:1 Isaayyaas waan ulfinna isaa argeef kana jedhe, waan isaallee dubbate. 42Kana woliin bulchoonni hedduu akkasuma isatti amanan, akka Fariisonni mana sagada Yihuudotaa keessaa isaan hin baafneef, isaa ragaa hin baane. 43#5:44 Ulfinna Rabbii caalaa, ulfinna namaa waan jaalataniif.
44 # 5:24; 7:16; Mat. 10:40 Yesuusillee laagaa ol qabatee akkana jedhe, «Ka anatti amanu kana ergetti amane malee anattii miti. 45#14:9 Namni ka na argu ka na ergellee hin arga. 46#12:35; 1:4-10; 8:12; Phex. 1ffaa 2:9 Kanatti amanu maruu dukkana keessa akka hin jiraanne ani ifa ta'ee gara adunya'aa dhufeera. 47#3:17; 8:15 Adunyaa fayyisu'uuf malee adunya'atti murteessu'uuf waan hin dhufneef, dubbii kiyya dhagayee, ka hin eenne yoo jiraate ka itti murteessu anaa miti. 48#3:18; Ibr. 4:12 Ka na jibbu ka dubbii kiyyallee hin fudhane, inni ka isatti murteessu hin jira. Dubbiin ani dubbadhe gaafa dhumaa itti murteessa. 49#7:17; 8:18, 26 Ani ufii waan hin dubbanneef, haata'uu ammoo Abbaan na erge inni, waan jedhuuf ajaja dubbadhullee naa kenneera. 50#3:34; 6:40, 68; 17:2 Ajanyillee jireenna bara baraa akka taate hin beeka. Kanaaf ani ka dubbadhu akka Abbaan natti himetti dubbadha» jedhe.

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in