Oduu Nagayaa Ka Yohaannisii 11
11
Du'uu Alaazaarii
1 #
Luq. 10:38-39
Ganda Maariyaamiitii fi obboleettii isi'ii Maartaa Biitaaniyaa keessatti namni Alaazaar jedhamu tokko dhibamee ture. 2#Yoh. 12:3 Maariyaam ta Gooftaa Urgoo dibdee riffeensa mataa ufiitiin luka isaa haxe. Obboleessi isi'ii Alaazaar dhibamee ture. 3#11:36 Kanaaf intallan haadhaa Alaazaarii: «Gooftaa'a! Namni ati jaalattu dhibameera» jedhanii gara isaa ergan.
4Yesuusillee dhagayee, «Dhibeen kun akka Ilmi Rabbii ittiin ulfaatuuf, ulfinna Rabbiitiif malee ka ajjeesuu miti» jedhe.
5Yesuus Maartaa, obboleettii isi'iitii fi Alaazariinillee hin jaalata. 6Haga akka inni dhibame dhagaye, hulee jiru san guyyaa lama oole. 7Achiin maayessa darasootaan, «Gara Yihuuda'aa haa deemnuu» isaaniin jedhe.
8 #
8:59; 10:31 Darasoonni isaa, «Barsiisaa'a, Yihuudonni armaan dura si dhayuu barbaadanii turan. Amma ammoo achi deemtaa?» jedhaniin.
9 #
9:4-5; Yoh. 1ffaa 2:10 Yesuusillee deebisee, «Guyyaan tokko sa'aatii kudha lamaa mitii? Ka guyya'aan deemu yoo jiraate, ifa adunyaa tanaa waan arguuf hin gufatu. 10#12:35; Yoh. 1ffaa 2:11 Ka halkaniin deemu ammoo, ifti isa bira waan hin jirreef hin gufata» isaaniin jedhe. 11#11:13; Mat. 9:24; 27:52; Mar. 5:39; Hu. Er. 7:60; Qor. 1ffaa 11:30; 15:20 Kana haga dubbateen maayessa, «Jaalalloon keenna Alaazaari rafeera, haata'uu ammoo hirribaa kaasu'uuf deema» jedheen.
12Darasoonni isaa, «Gooftaa'a, yoo rafee jiraate hin fayya» jedhaniin.
13Yesuus waan du'a Alaazaarii dubbate, isaan ammoo waan hirriba rafu'uu dubbate isaanitti fakkaate. 14Achiin maayessa Yesuus ifa godhee, «Alaazaari dhugamaan du'eera; 15#11:42 Akka amantaniif achi jiraachuu dhabuu kiyyaaf waan keessaniif na gammachiisa. Haata'uu ammoo gara isaa haa deemnuu!» isaaniin jedhe.
16 #
20:24-29; 21:2; Mar. 14:31; Rom. 6:8 Kanaaf Toomaas ka Didimoos jedhamu goshoota isaa darasootaan «Koottaa nullee dhandhee isa woliin duunaa» jedhe.
Yesuus Du'aa Ka'iinsaa Fi Jireenna
17 #
11:39
Yesuusillee hennaa dhufe boolla keessatti guyyaa afurii akka ture arge. 18#Mat. 21:17 Biitaaniyaan Kiloomeetira kudha sadihii Yeruusaalemiin irraa fagaatti; 19#11:31; Kitaaba Iyyoobii 2:11; Seenaa 1ffaa 10:12 Yihuudota keessallee hedduun isaanii du'a obboleessa isaaniitiif Maarta'aa fi Maariyaamiin jajjabeessu'uuf isaan bira dhufan.
20 #
Luq. 10:38-42
Maartaan akka Yesuus dhufe haga dhageette, isa reebbachu'uuf baate, Maariyaam ammoo mana keessa teetteerti. 21#11:32, 37 Maartaan Yesuusiin, «Gooftaa'a, uduu ati asi jiraattee obboleessi kiyya silaa hin du'u. 22#9:31, 33; 11:41-42 Ammallee waan Rabbiin irraa kadhattu maraa Rabbi akka sii kennu hin beeka» jette. 23Yesuusillee isi'iin, «Obboleessi kee hin ka'a» isi'iin jedhe.
24 #
5:25, 28-29; Hu. Er. 24:15; Daani'eelii Raatticha 12:2 Maartaanillee, «Gaafa dhumaa hennaa worri du'an du'aa ka'an, akka inni du'aa ka'u hin beeka» jetteen.
25 #
14:6; 3:36; 6:40, 54 Yesuus ammoo, «Du'aa ka'uunii fi jireenni Ana, ka natti amanu yoo du'ellee hin jiraata. 26#5:24; 8:51 Jiraata'aa fi kanatti amanu maruu baraa haga bara baraa hin du'u; kana amantaa?» isi'iin jedhe.
27 #
6:14, 69; Mat. 16:16 Isiinillee, «Ee Gooftaa'a, ati ka gara adunyaa tanaa dhufu Kiristoosii Ilma Rabbii akka taate, ani hin amana» jetteen.
Yesuus Booye
28Kanuma jettee deemtee obboleettii ufii Maariyaamiin hojjatti waamtee, «barsiisaan dhufeera, si waama'aara» jetteen. 29Isiinillee hennaa dhageette daddaftee gara isaa dhufte. 30#11:20 Yesuusillee hulema Maartaan itti isa reebbatte jira malee gara gandaatuu hin seenne. 31Worri isii jajjabeessu'uuf isii woliin mana keessa turan, Yihuudonni akka Maariyaam jarjartee kaatee baate argan, waan gara awwaalaa dhaxxee achitti booyu'uuf taatu seeyanii faanaa yaa'an.
32 #
11:21
Maariyaamillee hulee Yesuus jiru dhuftee argitee luka isaa jalatti kuftee, «Gooftaa kiyya, uduu ati as jiraattee obboleessi kiyya silaa hin du'u» jetteen.
33 #
13:21; Mat. 26:37-38 Yesuus isiinii fi Yihuudonni isii woliin dhufan hennaa booyan argeeti, uf keessatti gadde biibbayee, «Eessa keettan?» Isaaniin jedhe. 34Isaannillee, «Gooftaa kiyya! Koottuu laali» jedhaniin.
35 #
Luq. 19:41
Yesuusillee imimmaan lolaase. 36#11:3 Kanaaf Yihuudonni, «Attam akka isa jaalatu laalaa'a!» jedhan. 37#9:6-7, 32 Isaan keessaa gariin ammoo, «Kun ka ija balla'aa bane, kanallee ammoo akka hin duune godhuu hin danda'uu?» jedhan.
Yesuus Alaazaariin Du'aa Kaase
38 #
Mat. 27:60
Yesuusillee uf keessatti gaddee gara awwaalaa dhufe. Huleen sun goda keessa dhaga'aan cufameera. 39#20:1 Yesuus, «Dhagaa irraa kaasaa'a!» jedhe. Maartaan obboleessi isi'ii jalaa du'e, «Gooftaa kiyya, haga du'e guyyaa afur ta'eera, amma ajaayeera!» jetteen.
40 #
11:4, 23, 25-26 Yesuusillee, «Uduu amantee ulfinna Rabbii akka argitu sitti hin himnee?» isi'iin jedhe. 41#17:1; Mootota 1ffaa 18:36-37 Namoonillee dhagaa awwaalaa irraa kaasan, Yesuusillee ija ufii ol kaasee, «Abbaa kiyya waan na dhageetteef si galateeffadha. 42#12:30; 17:21 Hennaa maraa akka na dhageettu hin beeka. Haata'uu ammoo akka ati na ergite akka amananiif banii as dhaabatu kanaaf dubbadhe» jedhe. 43Kana jedheeti laagaa gudda'aan Alaazaari gara diidaa as bayi jedhe. 44#20:6-7; Mar. 5:42 Alaazaari akkuma harki isaatiif lutti isaa sattarametti baye. Fuullillee woya'aan akkuma marametti jira. Yesuusillee, «Hiika'aatii gadi dhiisaa'a haa deemuu» isaaniin jedhe.
Yesuusiin Ajjeesu'uuf Mari'atan
45 #
7:31; 12:11, 42 Kanaaf worra gara Maariyaamii dhufan keessaa waan Yesuus godhe haga argan Yihuudonni hedduu isatti amanan. 46Isaan keessaa gari gariin ammoo gara Fariisotaa dhaqanii waan Yesuus godhe isaanitti himan. 47#Mat. 26:3-5 Eeganaa bulchoonni gadootaa gumii Fariisotaa wolitti qabanii, «Namni kun Maalalee hedduu waan godha'aaruuf, maal haa goonuu? 48#12:19 Akkanatti yoo dhiifne martinuu isatti amanan. Worri Rooma'aa dhufanii biyya teennaaf banii keenna fudhatan» jedhan. 49Woggama san bulchaan gadootaa Qayyaaffaan, «Isin womaa hin beettan; 50#18:14 Ka baniin marti bade irra yoo namni tokko banii'iif du'e woyaa akka ta'e hin yaadanii?» jedheen. 51#Seera Bawu'uu 28:30; Seera Laakkobsaa 27:21 Kana inni ufiin hin dubbanne, haata'uu ammoo baruma san bulchaa gadootaa waan tureef, Yesuus bani'iif du'u raaga dubbate. 52#7:35; 10:16; Yoh. 1ffaa 2:2 Banii calla'aafii miti, haata'uu ammoo ijoollee Rabbii ta tamsaatellee akka wolitti qabuuf malee.
53 #
5:18; Mat. 26:4 Eeganaa guyyaa sanii jalqabee isa ajjeesu'uuf mari'atan. 54#7:1; 3:22 Achiin maayessa Yesuus addaataa Yihuudii wodhakkaa hin deddeebine. Haata'uu ammoo achuma gara lafa udume'ee bira gara qachaa Efireem jedhamtuu deemee darasootuma ufii woliin achuma taa'e. Faasikaan Yihuudotaa dhiyaatee ture.
55 #
2:13; 6:4; Seenaa 2ffaa 30:17 Namoonni hedduunillee uf qulqulleessu'uuf ayyaana faasika'aatiin duratti gara Yeruusaalemii bayan. 56#7:11; 12:9 Isaan Yesuusiin barbaadaa turan. Mana woyyuu keessa woliin dhaabatee, «Maal isinitti fakkaataa? Inni gara ayyaanaa hin dhufuu laata?» Woliin jedhan. 57Bulchoonni gadootaatii fi Fariisonillee qabu'uuf hulee inni jiru namni beeku yoo jiraate akka isaanitti mudhisuuf ajajanii turan.
Currently Selected:
Oduu Nagayaa Ka Yohaannisii 11: WLNT
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
Arsi-Bale Oromo New Testament, Literal Type Translation © Light of Hope Ministry, 2013.