<<Amma mootiin Gibxii,<<Milikkita dhugaa keessan mul'isu argisiisaa!>> yoo isiniin jedhe, yaa Musee, ati Aaroniin,<<Ulee kee fuudhii mooticha dura buusi!>> jedhi, ulichis bofa in ta'a>> jedhe*. Museenii fi Aaron mooticha bira dhaqanii akkuma Waaqayyo isaan abboome godhan; Aaronis mootichaa fi hojjetoota isaa duratti ulee isaa lafa buuse, ulichis bofa ta'e.