Egaa injiraan namaa fi horiitti nam'ee ture; warri ayyaana hedan immoo ogummaa isaanii isa dhokataadhaan injiraan fiduu in yaalan, garuu hin dandeenye*. Warri ayyaana hedan sunis mootichaan,<<Inni kun hojii harka Waaqayyoo ti>> jedhan; mootichi garuu akkuma mata-jabeessa ta'etti in hafe; akkuma Waaqayyo dubbatee ture, Musee fi Aaroniif hin dhageenye*.