Kunoo ani abboommii baaseera,
namni guutummaa mootummaa koo keessa jiru Waaqayyo isa kan Daani'el haa sodaatu;
isa durattis haa hollatu!
Inni Waaqayyo jiraataa dha,
bara baraan dhaabataa dha;
mootummaan isaa matumaa hin balleeffamu,
barri mo'icha isaas dhuma hin qabu*.
Inni in oolcha, in hoofkalchas;
inni bantii waaqaa keessatti, lafa irrattis,
milikkitoota in argisiisa,
dinqiiwwan in hojjeta;
Daani'elin harka leencotaa keessaa
inni oolche isa!>> jedhe.