Macaafa Daani'el Raajichaa 6
6
Hinaaffaa Daani'el Irratti Ka'e
1Daariyos mootichi kutaa mootummaa isaa hundumaa akka bulchaniif, namoota dhibbaa fi digdama hojii mootummaa irra dhaabuu in jaallate*; 2isaan irratti immoo namoota sadii mataa godhee irra kaa'e; warra sadanii keessaas tokko Daani'el ture; warri kutaa mootummaa isaa bulchan immoo hojiin mootichaa akka hin hir'anneef wanta itti gaafatamaniif, warra sadan kanaaf deebii in kennu. 3Daani'el kun hafuura hundumaa irra caalu waan qabuuf, addumaan ba'ee warra mataa ta'an, warra kutaa mootummaa bulchan hundumaas caalee argame; kanaafis mootichi guutummaa mootummaa isaa irra isa dhaabuu yaade*. 4Yommus warri mataa ta'an sunii fi warri kutaa mootummaa bulchan, dubbii mootummicha ilaalu keessatti karaa ittiin Daani'el irratti ka'an barbaaddatan; garuu inni amanamaa waan tureef, wanti inni irraa kaate yookiis balleesse tokko illee irratti hin argamne; kanaaf jarri balleessaa ittiin isa irratti ka'an, karaas hin arganne. 5Kana irratti jarri kun,<<Karaa wanta seera Waaqayyo isaa ilaalu yoo barbaanne malee, nuyi karaa ittiin Daani'el kana irratti kaanu hin argannu!>> waliin jedhan.#1 As 1:1 3 5:12
6Egaa warri mataa ta'aniif warri kutaa mootummaa bulchan kun wal ga'anii gara mootichaa dhaqanii,<<Yaa Daariyos mootii, bara baraan jiraadhu! 7Ati mootichi,<<Namni hamma guyyaa soddomaatti gara kee duwwaatti malee, gara Waaqayyo tokkootti yookiis gara namaatti kadhata tokko illee dhi'eesse, boolla leencotaa keessa akka buufamuuf>> abboommii dhaabataa baaftee isa ittifame kanas cimsitee hojii irra akka oolchituuf, warri mata-dureen mootummichaa, warri mataa kutaa hojii irra jiran, warri kutaa biyyaa bulchan, gurguddoonni mana mootichaa, abboonni biyyaas hundinuu waliif galaniiru. 8Ammas yaa mootii, ittisa kana cimsi, akka seera Medoonii fi Faares isa kaafamuu hin dandeenyetti, akka inni hin geddaramneef caafata isaatti milikkita godhi!>> jedhan*. 9Kanaafis Daariyos mootichi caaffatichaaf ittisa sanatti milikkita in godhe.#8 6:15; As 1:19; 8:8
Daani'el Itti Fufee Waaqayyoon Kadhachuu Isaa
10Yommus Daani'el caaffatichatti milikkinni akka godhame beekee, gara mana isaatti, mana isaa keessaas gara kutaa isa mana irraatti, isa qaawwi isaa gara Yerusaalemitti gara galee banamee jirutti ol ba'e; akkuma dur guyyaatti si'a sadii gochaa tures Waaqayyo isaa dura jilbeenfatee in kadhate, galatas isaaf in galche*. 11Yeroo sanatti namoonni sun wal ga'anii dhufanii, Daani'el utuu kadhatuu Waaqayyo isaa biraas araara utuu gaafatuu argatan. 12Achumaanis mooticha duratti dhi'aatanii waa'ee ittisa isa biraa ba'e sanaaf,<<Yaa mootii, namni guyyaa soddoma kana keessatti gara kee duwwaatti malee, gara Waaqayyo tokkootti yookiis gara namaatti kadhata tokko illee dhi'eesse, boolla leencotaa keessa akka buufamuuf ittisa ba'etti milikkita gooteetta mitii?>> jedhan; mootichi immoo deebisee,<<Dubbichi akkuma seera Medoonii fi Faares isa hin kaafamne sanaa, jabaatee in dhaabata>> jedhe. 13Yommus isaan mootichaan,<<Daani'el inni warra biyya Yihudaatii booji'aman keessaa sun, abboommii kee, ittisa ati milikkita itti gootes hin ulfeessu, yaa mootii! Kadhata isaas guyyaatti si'a sadii in dhi'eeffata>> jedhan*.#10 1Mot 8:48-49 12-13 3:10-12
14Mootichi kana yommuu dhaga'e baay'ee in jibbe; yaada isaa Daani'elin oolchuu irra kaa'atee, hamma biiftuun lixuttis karaa ittiin isa baasuu barbaaduutti in dhama'e. 15Kana irratti namoonni sun wal ga'anii gara mootichaa dhufanii mootichaan,<<Akka seera Medoonii fi Faaresitti, ittisi yookiis abboommiin dhaabataan mootichi baasu tokko geddaramuu akka hin dandeenye beeki, yaa mootii!>> jedhan*.#15 6:8
Daani'el Boolla Leencotaa Keessa Buufamuu Isaa
16Kana irratti mootichi abboomnaan Daani'elin fidanii boolla leencotaa keessa in buusan; mootichis Daani'eliin,<<Waaqayyo kee inni ati ittuma fuftee waaqessitu si haa oolchu!>> jedhe*. 17Dhagaan tokkos fidamee afaan boollichaa irra kaa'amee, waa'ee Daani'eliif wanti tokko illee akka hin geddaramnettis, mootichi mallattoo ofii isaatiin mallattoo gurguddoota isaatiinis dhagicha irratti in mallateesse. 18Kana booddee mootichi gara mana mootummaa isaatti in deebi'e, halkan sanas nyaanni, wanti biraa kan isa dagachiisus itti hin dhi'aanne, hirribnis ija isaa irraa in baqate.#16 3:15
19Ganama akkuma lafti bari'een mootichi ka'ee ariitiidhaan gara boolla leencotaa dhaqe; 20gara boollicha isa Daani'el keessa turetti yommuu dhi'aate immoo, sagalee yaaddootiin,<<Yaa Daani'el, hojjetaa Waaqayyo jiraataa, Waaqayyo kee inni ati ittuma fuftee waaqessitu, afaan leencotaa keessaa si oolchuu danda'eeraa?>> jedhee guddisee gaafate*. 21Daani'el immoo deebisee mootichaan,<<Yaa mootii, bara baraan jiraadhu! 22Waaqayyo koo ergamaa isaa ergee afaan leencotaa cufsiise, kanaaf isaan ana hin miine; anoo isa duratti mudaa malee nan argame, si durattis yaa mootii, dabaa hin hojjenne>> jedhe*. 23Ooluu isaatiif mootichi baay'ee gammadee, Daani'el boollicha keessaa akka ol baafamu abboome; kana irratti Daani'el boollicha keessaa ol baafame; Waaqayyo isaa amanatee waan tureefis, miidhamni tokko illee isa irratti hin argamne*. 24Mootichi abboomnaan warra Daani'elin hamatan sana fidanii, dubartoota isaanii fi ijoollee isaanii wajjin boolla leencotaa keessa bubbuusan; garuu utuma isaan boollicha keessaa lafa hin ga'in leenconni qolatanii lafee isaanii caccabsan.#20 3:17 22 3:28; Far 22:21; Ibr 11:33 23 3:27
25Kana booddee Daariyos mootichi warra guutummaa lafaa irra jiraatan, warra saba garaa garaa, warra gosa garaa garaa, warra afaan garaa garaa dubbatan hundumaaf caafee,
<<Nagaan isiniif haa baay'atu*!
26Kunoo ani abboommii baaseera,
namni guutummaa mootummaa koo keessa jiru Waaqayyo isa kan Daani'el haa sodaatu;
isa durattis haa hollatu!
Inni Waaqayyo jiraataa dha,
bara baraan dhaabataa dha;
mootummaan isaa matumaa hin balleeffamu,
barri mo'icha isaas dhuma hin qabu*.
27Inni in oolcha, in hoofkalchas;
inni bantii waaqaa keessatti, lafa irrattis,
milikkitoota in argisiisa,
dinqiiwwan in hojjeta;
Daani'elin harka leencotaa keessaa
inni oolche isa!>> jedhe.
28Bara Daariyos mootichaa fi bara Qiiros mooticha Faares keessa Daani'el kanaaf jireenyi wal in qixxaateef*.#25 4:1 26 4:3 28 1:21
Currently Selected:
Macaafa Daani'el Raajichaa 6: MacQul
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.