«Isin keessaa tokko gamoo ijaaru'uuf yoo barbaade, hujii raawwachiisu'uuf qarshii hagamii akka isa barbaachisu, durssee ka hin yaadinne eennuu? Bu'ura isaa buusanii hujii gamo'oo raawwachuun ka hin dandeenne yoo ta'e garuu, mana hafe ka argan marrinuu, itti ni baldan ‹kunoo, naminni kun mana ijaaruu jala qabee raawwachu'uuf hin dandeenne› jedha'aa, itti ni balddan.»