1
Wongeela Luqaas 13:24
Waadaa Haarawa
«Balbala dhipo'oon aseenu'uuf tataafadhaa, balbala kanaan aseenu'uuf worri barbaadan baayi'eewwan, garuu aseenu'uuf hin danda'an, isiniin jedha.
አወዳድር
{{ጥቅስ}} ያስሱ
2
Wongeela Luqaas 13:11-12
achiin duubatti'llee woggaa kudha saddeetii jala qabee hafuurri battiin dudda isi'ii ka gopheesseen dubarttii takkatu jira ture, isiin'llee hiin isi'ii gophuu isaatiin, ol jedhu'uuf gonkumaa hin dandeettu turtte.» Yesus yeroo isii arge waameeniiti, «Dubarttii nana, dhukkuba kee irraa fayyitee jirta!» isi'iin jedhe.
3
Wongeela Luqaas 13:13
Harka isaa isii irra ni kaaye, bakkumatti qajeelttee ni dhaabatte, Waaqa'llee ni galateeffatte.
4
Wongeela Luqaas 13:30
Kanaaf worri duuba irraa dursitoota ni ta'an, dursitoonni worra duuba irraa ni ta'an.
5
Wongeela Luqaas 13:25
Abbaan manaa ka'ee balbala ni cufa, isin'llee balbala dhaabattanii balbala dhadhayu'uun, ‹yaa Gooftaa! Yabo'oo nuuf bani!› jechuu jala ni qabddan, inni'llee, ‹eessaa akka dhufittan hin beeku!› jechu'uun, isinii ni deebisa.
6
Wongeela Luqaas 13:5
Miti! Gara Waaqaa titti deebi'uu yoo dhabaattan, isin'llee akkuma isaanii titti ni baddan, isiniin jedha.»
7
Wongeela Luqaas 13:27
Inni'llee irra deebi'ee, ‹eessaa akka dhufittan hin beeku, isin hamaa raawwattoonni marrinuu, ana irraa fagaadhaa!› isiniin ni jedha.»
8
Wongeela Luqaas 13:18-19
Yesus akkana ni jedhe, «Mootummaan Waaqaa maali'itti fakkeefamitti? Yookiin maali'iin wolitti isii bikkaan? Naminni tokko bakka biqilttuu isaa keessatti ka facaase, firii suuniffa'aa ni fakkaatti, isiin'llee guddattee muka ni taate, sinbirroonni'llee dameewwan isi'ii irratti mandhee isaanii ni ijaaratan.»
Home
Bible
Plans
Videos