የYouVersion አርማ
የፍለጋ አዶ

Wongeela Luqaas 14

14
Yesus Deebi'ee Dhukkubisataa Tokko Guyyaa Sanbbataatiin Fayyisuu Isaa
1Guyyaa Sanbbataatiin Yesus, itti gaafatamoota Fariisotaa keessaa gara mana tokkoo laaqana nyaachu'uuf ni aseene, Fariisonni garuu waan inni raawwatu laalu'uuf, ni eeggataniin ture. 2Yeroo sanitti'llee waayee dhukkubisataatiin qaaminni isaa guutuun ka iitaye, naminni tokko Yesusiin durana ni ture. 3Yesus'llee barsiisota seeraatii fi Fariisotaan, «Guyyaa Sanbbataatiin fayyisuun seeraan eeyyamamee jira moo? yookiin hin eeyyamamnne?» jechu'uun, isaan ni gaafate.
4Isaan garuu womaayuu uduu hin deebisin ni caldhisan, Yesus'llee namicha dhukkubisate qabee isa fayyiseeti, ni geegesseen. 5#Mat 12:11.Itti aansee'llee Yesus, «Isin keessaa guyyaa Sanbbataatiin ilmi isaa yookiin qotiyyoon isaa boolla keessatti yoo jalaa kufee, bakkumatti ka hin baafinneen eennu?» jechu'uun, isaan ni gaafate. 6Isaan garuu deebii woyiituu kennuu, hin dandeenne.
Waayee Mataa Gad qabatiinsaa fi Keessummeessu'uu
7Yesus namoonni afeeri'iif waamaman bakkee ulfinnaa qabachu'uuf yoo wol durssan ni arge, kanaaf fakkeenna kana akkana jechu'uun isaanitti ni hime, 8«Naminni tokko afeerrii cidhaatiif yoo si waame, bakka ulfinnaa hin taa'in, yookiin nama si caalaa ulfinna qabutu waamamee jira ta'a, 9eegaa isin lamaanuu naminni afeere gara kee dhufee, ‹bakkee kana nama kanaa gadi dhiisiif!› siin ni jedha, yeroo sanitti saalfata ol aana'aan, gara bakka gad aana'aa buutee, ni teetta. 10Garuu afeerri'iif yeroo waamamitte deemittee bakka gad aanttuu taa'i, yeroo sanitti naminni si waame gara kee dhufee, ‹yaa waahela kiyya! Gara bakka ol aanaa kanaa koottuu taa'i!› siin ni jedha, yeroo sanitti afeeramittoota kaanniin mara duranatti, ulfinna ni argatta. 11#Mat 23:12; Luq 18:14.Mataa isaa ka ol qabu ni salphata, mataa isaa ka salphisu garuu, ol ni jedha.»
12Yesus namicha afeerittichaan ammoo akkana isaan ni jedhe, «Afeerrii laaqanaa yookiin irbaata yeroo taasfttanitti harka isaanii deebisu'uuf koree isaaniitiin worra si afeeran waahellan kee, obboleeyyan kee, firoota kee, olloota kee dureeyyii'llee hin waamin,
13«Garuu yeroo afeerrii taasfttutti hiyyeeyyii, qaama miidhamttoota, naafota, namoota jaamota'llee waami. 14Kana yoo raawwatte isaan harka si deebisu'uuf waan hin dandeenneef, ka eebbifamitte ni taata. Yeroo du'aa ka'iinssa worra qulqullaayotaa titti'llee, Waaqinni siif ni kafala.»
Fakkeenna Afeerrii Gudda'aa
(Mat 22:1-10)
15Nyaataaf ta'anii worra turan keessaa tokko waan Yesus dubbate dhagayee, «Mootummaa Waaqaa titti nyaataaf taa'uu ka danda'u, inni attami ka eebbifame!» ni jedhe.
16Yesus garuu akkana ni jedheen, «Naminni tokko afeerrii irbaataa guddaa qopheessee, namoota baayi'ee ni waame, 17saa'aatiin afeerri'ii yeroo gayetti'llee, ‹kunoo wonitti marrinuu qophaayee jiraatii gara afeeri'ii koottaa!› jedhee, akka isaanitti himuuf, affeeraan tajaajilaa isaa gara namoota waamamanii titti, ni ergeen.»
18«Garuu tokko tokkoon afeerama'aa afeerrii irraa hafu'uuf sababa kennuu jala ni qabe, tokko ‹lafa waan biteef deemee laaluu qaba, kanaaf dhufu'uuf hin danda'uutii, dhiifama naa taasis› jedheen.
19«Ka bira'aa, ‹qotiyyoo ximmaada shanii waan biteef isaan leenjisuu qaba, kanaaf dhufu'uuf hin danda'uutii, dhiifama naa taasis› ni jedheen.
20«Ka bira'aa ammoo, ‹haadha worraa fuudhee idaayyaa waan ta'eef, dhufu'uuf hin danda'u› jedhe.»
21«Tajajilaan'llee gara manaa deebi'ee kana maraa Gooftaa isaa titti ni hime, abbaan manaa'llee dallanee tajaajila'aan, ‹dadafiitii gara karaawwan magaala'aatii fi dalggaa maraa deemi, hiyyeesota, qaama miidhamttoota, jaamota, hokkolttoota'llee, waamiitii naa fidi› jedheen.
22«Tajaajilaan'llee deebi'ee dhufeeti Gooftaa isaatiin, ‹yaa Gooftaa! Kunoo waan ana ajaje maraa raawwadhee jira, haa ta'u malee amma'llee bakki duwwaan ni jira› jedhe.
23«Kanaaf gooftaan abbaa manaa tajaajila'aan akkana ni jedheen, ‹manni kiyya akka guutuuf gara karaawwan baadiyyaa fidaniitii fi karaa gara baadiyya'aa fidu mara deemiitii, akka dhufan taasis! 24Sanniin namoota waamamanii turan keessaa tokko'llee afeerrii kiyya afaaniin hin qabu!› jedhe, isiniin jedha.»
Yesusiin Horddofuun Woreegama Akka Gaafatu
(Mat 10:37-38)
25Ummanni baayi'een Yesusiin woliin ni deeman turan, inni'llee gara isaanii deebi'eeti akkana isaaniin ni jedhe, 26#Mat 10:37.«Gara kiyya ka dhufu marrinuu abbaa isaatii fi haadha isaa, haadha worraa isaatii fi ijoollee isaa, obboleeyyan isaatii fi obboleettiiwwan isaa, lubbuma mataa isaatuu ana caalsisee ka jaalatu yoo ta'e, barataa kiyya ta'uuf hin danda'u. 27#Mat 10:38; 16:24; Mar 8:34; Luq 9:23.Fannoo mataa isaa baatee ka ana hin horddofinne, barataa kiyya ta'u'uuf hin danda'u.»
28«Isin keessaa tokko gamoo ijaaru'uuf yoo barbaade, hujii raawwachiisu'uuf qarshii hagamii akka isa barbaachisu, durssee ka hin yaadinne eennuu? 29Bu'ura isaa buusanii hujii gamo'oo raawwachuun ka hin dandeenne yoo ta'e garuu, mana hafe ka argan marrinuu, itti ni baldan 30‹kunoo, naminni kun mana ijaaruu jala qabee raawwachu'uuf hin dandeenne› jedha'aa, itti ni balddan.»
31«Lolttoota kuma kudhanii nugufnni qabu tokko, loltoota kuma diddamaa ufi duukaa qabatee nugusa dhufu ka bira'aa woliin, wol woraanu'uuf yoo barbaade, jalqaba diina isaa toowachu'uuf ka danda'u ta'uu isaa beeku'uuf, taa'ee ni mari'ata. 32Ka hin dandeenne yoo ta'e garuu nugusa isa woraanu'uuf dhufuun uduma fagoo jiru, nugufnni kun ergamoota nagayaa gara isaa ergee, araara ni gaafata. 33Akkuma kana isin jiddu'uu waan qabu maraa anaaf jecha ka hin dhiisin naminni kumi'llee, barataa kiyya ta'uuf hin danda'u.»
Sooqidda Hin Fayyadinne
(Mat 5:13; Mar 9:50)
34Itti aansee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Sooqiddi misha'aa sooqiddi mi'aa sooqiddumma'aa yoo dhabe garuu, maali'iin mi'aayu'uuf danda'aa? 35Sooqiddi bifa kun lafa qonnaatii fi ta'ee xaa'oof'llee ka hin fayyadinne waan ta'eef, garas baasanii ni gataniin, ka gurra dhagayu qabu, haa dhagayu!»

Currently Selected:

Wongeela Luqaas 14: ArsiDNT

ማድመቅ

Share

Copy

None

ያደመቋቸው ምንባቦች በሁሉም መሣሪያዎችዎ ላይ እንዲቀመጡ ይፈልጋሉ? ይመዝገቡ ወይም ይግቡ