Wongeela Maatewos 22
22
Fakkeenna Afeerrii Cidhaa
(Luq 14:15-24)
1Deebi'ee'llee Yesus fakkeennan akkana jedha'aa isaanitti ni hima ture, 2«Mootummaan Sami'ii nugusa ilma isaatiif cidha fuudhaa qopheesse fakkaatti. 3Nugufnni'llee namoonni waamaman gara areerrii cidhaa akka dhufan yaadachiisu'uuf, tajaajilttoota isaa gara isaanii ni erge, namoonni garuu gara cidhaa dhufu'uuf hin barbaanne.»
4«Nugusichi'llee tajaajilttoota bira'aa deebi'ee akkana jechu'uun isaan ni erge, ‹gara namoota waamamanii deema'aatii, kunoo qophii cidha kiyyaa qopheessee jira, sangoonni tiyyaa fi dardarran kiyya ka cooman'llee qalamanii jiran, wonitti marrinuu qophaayee jira, gara afeerrii cidhichaa koottaa!› jedha'aatii isaanitti himaa.» 5Isaan garuu dhimmicha tuffatanii gara hujii isaanii tokko gara qonna isaa, kun'llee gara daldala isaa ni deeme, 6worri hafan ammoo tajaajilttoota qabanii salphisu'uun dhaananii isaan ni ajjeesan, 7yeroo kanatti nugusichi dallaneet lolttoota isaa ergee worra ajjeesan sanniin ni ajjeesise, magaalaa isaanii'llee ibiddaan akka guban ni taasise. 8«Kanaan duubatti tajajilttootaan akkana ni jedhe, ‹kunoo, ciini nugusichaa qophaayee jira, worri waamaman garuu afeerri'iif worra malan hin taane. 9Kanaaf gara karaa maraa deema'aatii nama argattan mara, gara afeerrii cidhichaa Waamaa.› » 10Tajajilttoonni'llee gara kara'aa deemanii nama argatan mara hamaaleyyi'ii fi mishaawwaniif'llee wolitti ni qaban, kanaaf galmma cidhaa afeeramittootaan ni guuttame.
11«Nugusichi garuu afeeramittoota laalu'uuf gara galmma yeroo aseenetti, uffata cidhaa ka hin uffatin nama tokko achitti ni arge. 12Akkana'llee ni jedheen, ‹yaa waahela kiyya uffata cidhaa uduu hin uffatin attamiin garana aseentte?› namichi garuu ni calidhise. 13#Mat 8:12; 25:30; Luq 13:28.Nugusichi'llee tajaajilttoota isaatiin, ‹harkaa fi miila isaa hidha'aatii baasa'aa gara dukkana alaa titti gata'aanii, achitti'llee booyaa fi ilkaan qaruun ni ta'a› jedhe.»
14Itti aanssee'llee Yesus, «Kanaaf ka waamaman baayi'eewwan, worri filataman garuu muraasota» jedhe.
Waayee Gibira Kafalu'uuf Gaafii Dhiyaate
(Mar 12:13-17; Luq 20:20-26)
15Kanaan duubatti Fariisoonni deemaniiti attam taasisanii Yesusiin haasaya isaatiin akka qabaniin, ni mari'atan, 16Farisoonni'llee barattoota isaanii namoota Heerodisii woliin'llee gara Yesusii erganii, «Yaa barsiisaa! Ati dhugaalessa ta'uu keetii fi karaa Waaqaa'llee dhuga'aan akka barsiifttu ni beekinna, nama'llee sodaachu'uun wonitti raawwatu hin jiru, namaaf'llee hin dalittu» eega isaan jedhaniin duubatti, akkana jedhanii ni gaafataniin. 17«Jedhi mee nutti himi, maal sitti fakkaata? Nugusa Rooma'aatiif gibira kafaluun, seera qabeessaa moo yookiin miti?»
18Yesus garuu hameenna isaanii beekee, «Isin fakkeesitoota nana! Waayee maali'iitiif ana qormaattan? 19Qarshii gibiraaf kafalamu mee natti muldhisaa!» isaaniin jedhe.
Kanaaf isaan qarshii tokko fidanii itti ni muldhisan. 20Inni'llee, «Qarshii kana irratti biftti bocamee fi maqaan barreeffame ka eennuuti!» jechu'uun, isaan ni gaafate. 21Isaan'llee, «Ka nugusa worra Rooma'aati!» ni jedhaniin, Inni'llee, «Eegasuu ka nugusaa nugusichaaf, ka Waaqaa'llee Waaqaaf kennaa» isaaniin jedhe. 22Isaan'llee eega isa dhageeffataniin duubatti, waan ta'een maalalanii, isa dhiisaniin ni lixan.
Waayee Du'aa Ka'aniissa Worra Du'aaniitiif Gaafii Dhiyaate
(Mar 12:13-17; Luq 20:20-26)
23 #
HuE 23:8. Guyyama sanitti, «Du'aa ka'iinssi worra du'anii hin jiru» Saduqoonni jedhan gara Yesusii dhufanii, akkana jechu'uun ni gaafataniin, 24«Yaa barsiisaa! Museen, ‹naminni tokko finna uduu hin uumatin haadha worraa isaa irraa du'aan yoo fooyame, obboleessi isaa haadha worraa ka du'ee fuudhee, ka du'eef fiixaa bakka haa buusuuf,› jedhee jira. 25Obboleeyyan torbbatu nu bira ni jiran turan, hangafnni isaan maraa haadha worraa isaa fuudhee finna uduu hin uumatin ni du'e, kanaaf obboleessi isaa maandhaan haadha worraa ka du'ee ni fuudhe. 26Akkuma kana lammaffaan'llee, sadaffaan'llee, haga ka torbaffa'aa titti tartiibumaan isii fuudhaniinii ni du'an. 27Maraan duubatti dubarttiinuu ni duute. 28Eegaa, torbanuu waan isii fuudhaniif yeroo worri du'an du'aa ka'antti, isiin kamiif haadha worraa taati?»
29Yesus garuu akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Isin Kitaabban Qulqullu'uu fi huminna Waaqaa beekuu dhabuu keessaniin, ni dogoggorttan. 30Yeroo worri du'an ka'antti'llee namoonni akka maleyikkoota samii jiranii ta'an malee hin fuudhan, wolitti'llee hin fuusisan. 31Akkuma kanaan'llee waayee du'aa ka'iinssa worra du'anii waan Waaqinni isinitti dubbate isin, hin dubbifnne moo? 32Inni'llee ka jedhe akkana, ‹ani Waaqa Abrahaamii, Waaqaa Yisihaaqiitii fi Waaqaa Yaaqoobiiti› kanaaf Waaqinni, Waaqa jiraattootaati malee Waaqa du'ootaatii miti.»
33Ummanni'llee kana yeroo dhagayanitti, barsiisa isaatiin ni maalaliffatan.
Ajaja Maraa Caalu
(Mar 12:28-34; Luq 10:25-28)
34Yesus Saduuqoota deebii dhabsiisee akka caldhisiise yeroo dhagayanitti, Farisoonni bakka tokkotti wol ni gayan. 35Isaan keessaa'llee tokko barsiisaan seera, Yesusiin qormaatu'uuniif barbaadee, akkana jechu'uun ni gaafateen, 36«Yaa barsiisaa! Seeraa keessaa ajajinni maraa caalu, kami?» 37Yesus'llee akkana jechu'uun ni deebiseef, «Gooftaa kee Waaqa onnee kee guutu'uun, lubbuu kee guutu'uun, yaada kee guutu'uun jaaladhu, 38ka maraa caaluu fi ajajinni jalqabaa kana, 39kana'llee ka fakkaatu ajajinni lammaffaa, ‹ollaa kee akka mataa keetii taasisiitii jaaladhu› ka jedhu. 40#Luq 10:25-28.Barsiifnni seeraatii fi nabiyyootaa marrinuu ka hundeeffaman, ajajoota kanniin lamaan irratti.»
Gaafii Waayee Masihichaatiif Dhiyaate
(Mar 12:35-37; Luq 20:41-44)
41Fariisonni wolgayanii uduu jiran, Yesus akkana jechu'uun isaan ni gaafate, 42«Waayee Masihichaatiif maal jettan? Ilma eennutti'llee isinitti fakkaataa?», «Isaan'llee Ilma Daawiitii» jechu'uun, ni deebisaniif. 43Yesus'llee akkana isaaniin ni jedhe, «Eegaa, Daawiiti Hafuura Waaqaatiin eemaramee yeroo dubbatetti, attamitti ‹Gooftaa› jedhee waameen?
44‹Waaqinni Gooftaa kiyyaan,
diinota kee miila kee jala, haga si taasisutti,
mirga kiyyaan taa'i!› jedheen.
45Eegasuu Daawiiti mataan isaatuu, ‹Gooftaa› jedhee yoo waameen, eegaa Masihichi attamitti, ilma ta'uuf dandda'aa ree?» 46kanaan deebii tokko'llee isaa kennu'uuf ka danda'e, naminni kumi'llee hin turre, guyyaa sanii jalaqabee'llee, gaafii isaa dhiyeessu'uuf ka ugge, eennu'llee hin turre.
Tans Gekies:
Wongeela Maatewos 22: ArsiDNT
Kleurmerk
Deel
Kopieer
Wil jy jou kleurmerke oor al jou toestelle gestoor hê? Teken in of teken aan