1
Seera Uumamaa 17:1
Kitaaba Woyyuu
Abraam haga nama woggaa sagaltamii sagalii ta'e, Rabbi Abraamitti mudhatee «Ani El Shaadaayi'i; na afo'otti akka ta'utti jiraadhu; nama guutuu ta'i.
Vergelyk
Verken Seera Uumamaa 17:1
2
Seera Uumamaa 17:5
Adha irraa jalqabee maqaan kee Abraam jedhamee hin waamamu; maqaan kee Abrahaam ta'a; waan abbaa banii maraa si taasiseef.
Verken Seera Uumamaa 17:5
3
Seera Uumamaa 17:7
«Waada kiyya anaa fi si'i, hortee keetii fi hortee siin maayessaa jidduu'u, baraa haga bara baraa kaaya; akka ani si'ii fi hortee kee ka siin maayessa dhufuuf Waaqa ta'u.
Verken Seera Uumamaa 17:7
4
Seera Uumamaa 17:4
Ati abbaa banii maraa taata
Verken Seera Uumamaa 17:4
5
Seera Uumamaa 17:19
Rabbi Abrahaamiin «Haati manaa tee Saaraan dhugamaan ilma sii deetti; maqaa isaallee Yisaaqi jettee waamta; isaa fi fiixaa isaa ka isaan maayessa dhufuu waadaan kiyya ka bara baraa akka ta'u isa woliin godhadha.
Verken Seera Uumamaa 17:19
6
Seera Uumamaa 17:8
Lafa biyya Kana'aanii ta keessummumma'aan keessa jiraattu maraa baraa haga bara baraa si'ii fi hortee tee ta siin maayessaa maraaf kenna, Waaqallee isaanii ta'a» jedheen.
Verken Seera Uumamaa 17:8
7
Seera Uumamaa 17:17
Kanaan maayessa Abrahaam kallacha ufiitiin kufee kolfee garaa ufii keessatti, «Namni woggaa dhibbaa hin uumataa? Saaraan woggaa sagaltamatti hin deettii?» jedhe.
Verken Seera Uumamaa 17:17
8
Seera Uumamaa 17:15
Rabbi Abrahaamiin «Ammaa achi maqaa haadha manaa teetii Sooraa Sooraa jettee hin waamin; Saaraa jedhii waami.
Verken Seera Uumamaa 17:15
9
Seera Uumamaa 17:11
gogaa foon saala keessanii dhossu gadoomaa'a; kun malkata waadaa anaa fi isin jidduu jiru ta'a.
Verken Seera Uumamaa 17:11
10
Seera Uumamaa 17:21
Bara dhufu hennaa tana waadaa kiyya Yisaaqii Saaraan sii deettu woliin godha» jedheen.
Verken Seera Uumamaa 17:21
11
Seera Uumamaa 17:12-13
Daa'imni dhiiraa ka dhalate maruu guyyaa saddeetesso'ootitti haa gadoomuu; akkasuma ka mana keessanitti dhalate ka hortee keessan hin taanee fi garboonni isin bitattanillee haa gadoomanii. Ka mana keetitti dhalatee fi ka hori'iin bitamellee sirima haa gadoomuu; malkanni waadaa kiyya ka baraa haga bara baraa ka isin foon keessan irratti gootan kana.
Verken Seera Uumamaa 17:12-13
Tuisblad
Bybel
Leesplanne
Video's