Oduu Nagayaa Ka Maatewoosii 10
10
Yesuus Ergamtoota Kudha Lamaa Filate
(Mar. 3:13-19; Luq. 6:12-16)
1Yesuus darasoota kudha lamaa gara ufii waamee, ayyaana battii akka baasan, dhukkubaa fi dhibee maraa akka fayyisan baallii isaanii kenne. 2#Yoh. 1:40-41 Maqaan ergamtoota kudha lamaan kanniinii ka duraa, Simoonii «Pheexroos» jedhamu fi obboleessa isaa Indiriyaas; ilmaan Zabdiwoosii, Yaaqoobii fi obboleessa isaa Yohaannis; 3#Yoh. 1:43; Hu. Er. 1:13 Filiphoos, Bartolomewoos, Toomaas, Maatewoosii qaraxa qaraxu Yaaqoobii ilma Alfewoosii, Taadewoosii Libidiyuus jedhamu. 4Simoonii hinaafticha, Yihuudaa nama biyya keriyoot ka Yesuusiin dabarsee kenne.
Hujii Ergamtoota Kudha Lamaa
(Mar. 6:7-13; Luq. 9:1-6)
5Yesuus ergamtoota kudha lamaa kanniin akkana jedhee seeree isaan erge. «Gara worra Yihuudota hin taanee hin dhaqinaa'a, yookiin qachoota Samaariya'aa hin seeninaa'a. 6#15:24; Hu. Er. 13:46 Kanaa mannaa, gara worra akka hoolotaa karaa irraa badanii mana Israa'eelii dhaqaa'a! jedhe. 7#3:2; 4:17; Luq. 10:9, 11 Akkuma dhaxxaniin, jeennanni sami'ii dhiyaatteerti jedha'aa lallabaa'a. 8#Mar. 16:17; Hu. Er. 20:33 Dhibamtootallee fayyisaa'a, worra du'an kaasaa'a, worra dhibee gogaa kukkutu qaban fayyisaa'a. Jinnii baasaa'a, waan tola fudhattan tolumaan kennaa'a. 9#Luq. 22:35 Korojoo keessan keessatti, worqii yookiin meetii yookiin sibiila diimaa qabattanii hin deeminaa'a. 10#Luq. 10:4, 7; Qor. 1ffaa 9:14; Xim. 1ffaa 5:18; Seera Laakkobsaa 18:31 Imala keessaniif korojoo yookiin shamisii lama yookiin kophee yookiin ulee hin qabatinaa'a. Hojjata'aaf nyaanni waan barbaachisuuf haa kennamuufii. 11Isin gara qacha'aa yookiin ganda tokkoo hennaa seentani, haga achii baataniif mana nama isin simatee san taa'aa'a. 12Yoo mana tokko seentan, nagaya isaan gaafadhaa'a. 13#Luq. 10:5-6 Abbaan manaa nagaya keessan yoo isinirraa fudhate, nageenni keessan isaanii haa ta'u, yoo fudhachuu baatan ammoo nageenni keessan isinii haa deebi'u. 14#Luq. 10:10-12; Hu. Er. 13:51; 18:6 Ka isin hin simanneef ka dubbii keessan hin dhageenne yoo jiraate, mana sanii yookiin qachaa sanii yoo baatan, daaraa luka keessanii dhadhayadhaa'a. 15#11:24; Seera Uumamaa 19:24-28 Ani dhugamaan isiniin jedha, guyyaa murti'ii san qachaa san irra biyya Soodoomii fi Goomoora'aatii hin salphata» jedhe.
Miidhaa Dhufu
(Mar. 13:9-13; Luq. 21:12-17)
16 #
Luq. 10:3; Rom. 16:19 Yesuus ammallee, «Ani akka hoolotaa Yayyii jidduu isin erga; maarre akka Bofaa qaroo, akka handari'ii gara-laafeyyii ta'aa'a. 17#24:9; Qor. 2ffaa 11:24; Hu. Er. 5:40; 6:12 Haata'uu ammoo, gara Gumi'ii dabarsanii isin kennan. Manniin sagada Yihuudotaa keessatti waan isin tumaniif, namoota irraa uf eegaa'a. 18#24:14; Hu. Er. 25:23; 27:24 Sababaa kiyyaaf isinitti murteessu'uuf jedhanii, gara bulchootaa fi moototaa isin dhiyeessan, isaaniif worra Yihuudota hin taane afo'otti worra ragaa naa bayu taatan. 19#Luq. 12:11-12 Hennaa dabarsanii isin kennan, wonti dubbattan hennama san waan isinii kennamuuf, attamitti yookiin maal akka dubbattan hin yaadinaa'a. 20#Qor. 1ffaa 2:4 Ka isin keessaa dubbatu Ayyaana Abbaa keessanii ka samii jiruuti malee, ka dubbatu isinii miti.
21 #
10:35-36; Mikkiyaasii Raatticha 7:6 Obboleessi obboleessa ufii, abbaanillee ilma ufii dabarsee du'aaf kenna. Ijoolleen worra ufii irratti hin ka'an, hin ajjeesanille'e. 22#24:9, 13; Mar. 13:13; Luq. 21:17 Naaf jettanii nama maraa afo'otti worra jibbame taatan. Ka haga dhumaa jabaate ammoo hin fayya. 23#16:27-28 Qachaa tokko keessatti yoo isin rakkisan, gara qachaa biraatitti dheessaa'a. Dhugamaan isiniin jedha, haga Ilmi Namaa dhufuuf qachoota Israa'eelii keessa deemtaniituu hin fixxan. 24#Luq. 6:40; Yoh. 13:16; 15:20 Barataan barsiisaa ufii, hojjataanillee hojjachiisaa ufii hin caalu. 25#9:34; 12:24; Mar. 3:22; Luq. 11:15 Barataan akka barsiisa'aa, hojjataanillee akka hojjachiisaa ufii haa ta'uu. Eega abbaa manaatiin Bi'elizebul jedhan, maatii isaatiin ammoo attamitti kana caalaa hin jenneeniree! 26#Mar. 4:22; Luq. 8:17; 12:2 Kanaafuu isaan hin sodaatinaa'a, wonti golgame mudhatuu hin oolu, wonti dhokatellee ifa bayuu hin oolu. 27Waan ani dukkana keessatti isinitti himu, isin ifaan dubbadhaa'a. Waan hasaassi'iin dhageettan gumii afo'otti lallabaa'a. 28Worra Foon namaa ajjeesee lubbuu ammoo ajjeesuu hin dandeenne hin sodaatinaa'a. Rabbii lubbu'uu fi foonillee asaaba keessatti gatuu danda'u sodaadhaa'a. 29Sinbirroonni didiqqoon lamaan saantibii tokkotti gurguramanii mii? Fedhii Abbaa keessanii ka samii jiruu malee, isaan keessaa tokkottiinillee lafa hin buutu. 30Rifeensi mataa keessanii martuu laakkayameera. 31#6:26; 12:12 Kanaafuu isin sinbirroota didiqqoo hedduu waan caaltaniif hin sodaatinaa'a.
Kiristoosiin Amanuu Yookiin Ganuu
(Luq. 12:8-9)
32 #
Mudh. Yoh. 3:5
Ammallee Yesuus, «Ka nama afo'otti ragaa naa bayu maraafuu, anillee Abbaa kiyya ka samii jiru afo'otti ragaa isaa baya. 33#Mar. 8:38; Luq. 9:26; Xim. 2ffaa 2:12 Ka afoo namaatitti na waakkatu maraa, anillee akkasuma Abbaa kiyya ka samii jiru afo'otti isa waakkadha.»
Namoonni Sababa Yesuusiitiif Gargar Bayan
(Luq. 12:51-53; 14:26-27)
34Yesuus ammallee, «Ani lafa irratti nagaya buusu'uuf waan dhufe isinitti hin fakkaatin; lola malee, nagaya buusu'uuf hin dhufne. 35#Mikkiyaasii Raatticha 7:6 Ani ilma abbaa irraa, intala haadharraa, soddaatii soddaa irraa adda fooyu'uuf dhufeera. 36Diintonni keessan, maatima keessan keessaa ta'a. 37#Seera Keessa deebi'ii 13:6-11; 33:9 Namni na caalaa abbaa ufii yookiin haadha ufii jaalatu naaf hin malu. Ilma ufii yookiin intala ufii ka na caalaa jaalatu naaf hin malu. 38#16:24; Mar. 8:34; Luq. 9:23 Fannoo baatee na faanaa ka hin deemne naaf hin malu. 39#16:25; Mar. 8:35; Luq. 9:24; 17:33; Yoh. 12:25 Namni lubbuu ufii jaalatu hin balleeffata, naaf jedhee lubbuu ufii ka balleeffatu ammoo hin argata.»
Gatii Namoonni Argatan
(Mar. 9:41)
40 #
18:5; Luq. 10:16; Yoh. 13:20; Mar. 9:37; Luq. 9:48; Gal. 4:14 Ka isin simatu na simata. Nallee ka simatu ka na erge simata. 41#Mootota 1ffaa 17:9-24; Mootota 2ffaa 4:8-37 Ka raaga maqaa raagaatiin simatu, gatii raagaa argata. Ka nama qajeelaallee maqaa qajeellumma'aatiin simatu gatii qajeela'aa argata. 42#25:40 Eennullee worra gad-aanaa kanniin keessaa, waan inni darasaa kiyya ta'eef, bisaan qabbanaayaa xuwwee tokkottii obaasu, dhugamaan isiniin jedha gatii ufii argata.
Atualmente Selecionado:
Oduu Nagayaa Ka Maatewoosii 10: WLNT
Destaque
Compartilhar
Copiar
Quer salvar seus destaques em todos os seus dispositivos? Cadastre-se ou faça o login
Arsi-Bale Oromo New Testament, Literal Type Translation © Light of Hope Ministry, 2013.