Uumama 36
36
Sanyiiwwan Esaawu
36:10‑14 kwf – 1Sn 1:35‑37
36:20‑28 kwf – 1Sn 1:38‑42
1Seenaan maatii Esaawu kan Edoom jedhamu sanaa kana.
2Esaaw niitota isaa dubartootaa Kanaʼaan keessaa fuudhe; isaanis Aadaa intala Eeloon namicha gosa Heetii fi Oholiibaamaa intala Aannaa ilma Zibeʼoon namicha gosa Hiiwii, 3akkasumas Baasmati intala Ishmaaʼeel obboleettii Nabaayoti.
4Aadaan Eliifaazin Esaawuuf deesse; Baasmati immoo Reʼuuʼeelin deesse. 5Oholiibaamaanis Yeʼuushi, Yaʼilaamii fi Qooraahi deesse. Isaan kunneen ilmaan Esaawu kanneen Kanaʼaanitti isaaf dhalatanii dha.
6Esaawu niitota isaa, ilmaan isaa, intallan isaatii fi warra mana isaa jiraatan hunda, akkasumas karra loon isaa, horii isaa kaan hundaa fi qabeenya biyya Kanaʼaanitti horate hunda fudhatee obboleessa isaa Yaaqoob biraa kaʼee biyya biraa dhaqe. 7Waan qabeenyi isaanii akka malee baayʼateef isaan walii wajjin jiraachuu dadhaban; lafti isaan jiraachaa turanis sababii baayʼina horii isaaniitiif isaan gaʼuu hin dandeenye. 8Esaawu biyya gaara Seeʼiir keessa jiraate; Esaawu jechuun Edoomii dha.
9Seenaan maatii Esaawu abbaa Edoomotaa kan warra biyya gaara Seeʼiir keessa jiraatanii kana.
10Maqaan ilmaan Esaawu:
Eliifaaz, ilma Aadaa niitii Esaawuutii fi Reʼuuʼeel ilma Baasmati niitii Esaawuu ti.
11Ilmaan Eliifaaz:
Teemaan, Oomaar, Zefoo, Gaataamii fi Qenaz. 12Eliifaaz ilmi Esaawus saajjatoo Tiimnaa jedhamtu qaba ture; isheenis Amaaleqin Eliifaaziif deesse. Isaan kunneen ilmaan ilmaan Aadaa niitii Esaawu.
13Ilmaan Reʼuuʼeel:
Nahaati, Zeraa, Shamaa fi Miizaah. Isaan kunneen ilmaan ilmaan Baasmati niitii Esaawu.
14Oholiibaamaan niitiin Esaawu intalli Aannaa ilma Zibeʼoon Esaawuuf:
Yeʼuushi, Yaʼilaamii fi Qooraahi deesse.
15Isaan kunneen sanyiiwwan Esaawu keessaa hangafoota turan:
Ilmaan Eliifaaz ilma Esaawu isa hangafaa:
Teemaan hangafticha, Oomaar hangafticha, Zefoo hangafticha, Qenaz hangafticha, 16Qooraahi hangafticha, Gaataam hangaftichaa fi Amaaleq hangafticha. Isaan kunneen hangafoota biyya Edoom keessatti Eliifaaz irraa dhalatanii dha; isaanis ilmaan Aadaa ti.
17Ilmaan Reʼuuʼeel ilma Esaawu:
Nahaati hangafticha, Zeraa hangafticha, Shamaa hangaftichaa fi Miizaah hangafticha. Isaan kunneen hangafoota biyya Edoomitti Raaquʼel irraa dhalatanii dha; isaanis ilmaan Baasmati niitii Esaawu.
18Ilmaan Oholiibaamaa niitii Esaawu:
Yeʼuushi hangafticha, Yaʼilaamaa hangaftichaa fi Qooraahi hangafticha. Isaan kunneen hangafoota Ahiliibaamaa niitii Esaawu intala Aannaa irraa dhalatanii dha.
19Isaan kunneen ilmaan Esaawu Edoom jedhamu sanaa turan; isaan kunneenis hangafoota isaanii turan.
20Isaan kunneen ilmaan Seeʼiir namicha gosa Hoorii kanneen biyya sana keessa jiraachaa turanii dha; isaanis:
Looxaan, Sobaal, Zibeʼoon, Aannaa, 21Diishoon, Eezerii fi Diishaan. Ilmaan Seeʼiir kanneen biyya Edoom keessaa kunneen hangafoota hoorotaa turan.
22Ilmaan Looxaan:
Hoorii fi Hoomaam. Tiimnaa obboleettii Looxaan.
23Ilmaan Sobaal:
Aliwaan, Maanahaat, Eebaal, Shefoo fi Oonaami.
24Ilmaan Zibeʼoon:
Ayyaa fi Aannaa. Aannaan kunis namicha utuu harroota abbaa isaa Zibeʼoon tiksuu gammoojjii keessatti burqaa bishaan danfaa argatee dha.
25Ijoollee Aannaa:
Diishoonii fi Oholiibaamaa intala Aannaa.
26Ilmaan Diishoon:
Hemdaan, Eshbaan, Yitraanii fi Keraan.
27Ilmaan Eezeri:
Bilhaan, Zaawaanii fi Aqaan.
28Ilmaan Diishaan:
Uuzii fi Araan.
29Isaan kunneen hangafoota Hoorotaa ti:
Looxaan, Sobaali, Zibeʼoon, Aannaa, 30Diishoon, Eezerii fi Diishaan.
Isaan kunneen biyya Seeʼiiri keessatti akkuma gosa gosa isaaniitti hangafootaa Hoorotaa turan.
Mootota Edoom
36:31‑43 kwf – 1Sn 1:43‑54
31Mootonni utuu mootiin Israaʼel tokko iyyuu hin moʼin dura Edoom keessatti moʼan kanneen turan:
32Belaa ilmi Beʼoor mootii Edoom taʼe. Magaalaan isaa Diinhaabaa jedhamee moggaafame.
33Belaa duunaan Yoobaab ilmi Zeraa namichi Bozraa iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
34Yoobaab duunaan Hushaam namichi biyya Teemaan iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
35Hushaam duunaan Hadaad ilmi Bedad inni biyya Moʼaabitti Midiyaanin moʼate sun iddoo isaa buʼee mootii taʼe. Maqaan magaalaa isaa Aawiit jedhame.
36Hadaad duunaan Samlaan namichi Masreeqaa iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
37Samlaan duunaan Shaawul namichi biyya Rehoobooti ishee laga bira jirtu sanaa iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
38Shaawul duunaan Baʼaal-Haanaan ilmi Akboor iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
39Baʼaal-Haanaan ilmi Akboor duunaan immoo Hadaad iddoo isaa buʼee mootii taʼe. Magaalaan isaas Faaʼuu jedhame. Maqaan niitii isaa immoo Maheexabiʼeel jedhama ture. Isheenis intala Maxreed intala Mee-Zaahaab turte.
40Hangafoonni Esaawu irraa dhalatan akkuma gosa gosa isaaniittii fi akkuma naannoo jireenya isaaniitti maqaa maqaan kanneenii dha:
Tiimnaa, Aalwaa, Yeteeti,
41Oholiibaamaa, Eelaa, Phiinoon,
42Qenaz, Teemaan, Mibzaar,
43Magidiiʼeelii fi Iiraam.
Namoonni kunneen akkuma lafa biyya qabatanii keessa jiraataniitti hangafoota Edoom turan.
Esaawuun kunis abbaa Edoomotaa ti.
अहिले सेलेक्ट गरिएको:
Uumama 36: HAH
हाइलाइट
शेयर गर्नुहोस्
कपी गर्नुहोस्
तपाईंका हाइलाइटहरू तपाईंका सबै यन्त्रहरूमा सुरक्षित गर्न चाहनुहुन्छ? साइन अप वा साइन इन गर्नुहोस्
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa
Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc.
Eeyyamaan itti fayyadamu.
Mirgi hundi addunyaa guutuu irratti kan eegamee dha.
Holy Bible, New Oromo Contemporary Version™, Western
Copyright © 2022 by Biblica, Inc.
Used with permission. All rights reserved worldwide.