Wongeela Luqaasii 24
24
Yesuus Du'aa Ka'e
(Mat 28:1-10; Mar 16:1-8; Yoh 20:1-10)
1Guyyaa Dilbataa#24:1 Guyyaa Dilbataa: Guyyaa jalqaba torbaanii barii halkaniin dubartooti sun uddowaa qopheessiteertu qabattee gara boolla awwaalaa dhaxxe. 2Dhakaan afaan boolla awwaalaa irraa gangalfameeruun dhaggane. 3Boolla awwaalaa keessa yennaa seenane ammoo, reeffa Goottaa Yesuusii hin dhagginne. 4Isaan waan kana mamiisatti jiranuun, nami lamaan woyaa caccalaqqittu uffatee dedhuma cinaa isaanii dhaabbate. 5Dubartooti guddoo sodaatanee gad lafa ilaalane; namooti sun ammoo, “Maaf jiraataa worra du'eeru odduu barbaaddan? 6Inni as hin jiru, ka'eera. Galiilaa adoo jiruu waan inni isinitti hime qaabbadha'a! 7‘Ilmi namaa harka cubbaalleyyi'iititti kennamee, fannifamee, guyyaa sadeesso'ootitti du'aa ka'uu male’ jedhe” jedhaneen. #Mat 16:21; 17:22-23; 20:18-19; Mar 8:31; 9:31; 10:33-34; Luq 9:22; 18:31-33
8Achiin duuba waan Yesuus jedhe qaabbatane. 9Addee awwaalaatii yennaa deebi'ane, waan kana maraa ergantoota kudhanii tokkoo fi worra kaan maratti himane. 10Worri waan kana ergantootatti himane, Maariyaamii qachaa Magdalaa, Yo'anaa, Maariyaamii haadha Yaaqoobiitii fi dubartoota dhibi'i. 11Ergantooti ammoo dubbii hin teene seyanee, dubbii isaanii hin dhuggeeffanne. 12Pheexroos ammoo ka'ee gara boolla awwaalaa rukkise. Gad jedhee boolla awwaalaa keessa ilaalee, woyaa itti marane malee womaa hin dhaggine. Achiin duuba waan te'e kana baaseffataa gara manaa deebi'e.
Ideemiisa Gara Emahuusii
(Mar 16:12, 13)
13Gaafuma san isaan keessaa nami lamaan gara ollaa Yerusaalemii irraa kiiloo meetrii kudha tokko fagaatu, ka Emahuus jedhamuu dhaqiisatti jiraniiyyu. 14Isaan marroo waan te'e kana maraa haasowiisatti jiraniiyyu. 15Adoo isaan waan kana haasowaa mari'atanuu, Yesuus ifumaafuu dhufee biraan bayee, isaan woliin ideeme. 16Ammoo akkka isaan isa hin hubanne, ilti isaanii qabanteerti. 17Yesuus isaaniin, “Wonni isin haasowaa ideentanu kun maan inni?” jedhe. Isaan fuula gaddaatiin achuma dhaabbatane. 18Achiin duuba isaan keessaa Qileyophaa ka jedhamu tokko deebisee, “Yerusaalem keessatti nami keessummaan ka waan dhiyoo tana achitti te'e hin beenne, si'uma calla'aa?” jedhe. 19Inni, “Maan inni?” jedhee gaafate. Isaan deebisanee, “Marroo Yesuusii nama Naaziretii, ka waan godhee fi waan dubbateen Waaqaa fi kolbaa mara duratti raagaa jabaa, 20ka moototi hayyootaatii fi bulchitooti teenna akka du'uu fi fannifamu itti muranee dabarsanee kennane. 21Nuuti ammoo ka Israa'el wodu isa jennee addii itti godhanneera. Kana maraa irratti, wonni kun mara haga teeteen adhi guyyaa sadeesso'oo ti. 22Dabalamaan, dubartooti golii teennaa nu maalalchaneeran; isaan adha barii halkaniin gara boolla awwaalaa dhaqaneeran; 23ammoo reeffa isaa hin dhaggine. Achii deebi'anee, ergantoota Waaqaa ta, ‘Inni hin jira’ isaaniin jette akka mudhi'iin dhaggane nutti himane.
24“Worra nu woliin jiranu keessaa gariin gara boolla awwaalaa dhaqanee, akkuma dubartooti sun jedhane teeteertuun dhaggane; isa ammoo hin dhaggine” jedhanee itti himane. 25Achiin duuba Yesuus isaaniin, “Isin attam attam gowwoole'e, waan raagoti jedhane maraa dhugeeffatiisaafille yaadi gadhaa keessanii attam attam hancaara'a! 26Masiihiin rakkinna kana maraa fudhatee ulfinna ifiititti galiisi, barbaachisa'aa motii ree?” jedhe. 27Yesuus achiin duuba kitaaba Muuse'eetii jalqabee kitaabota raagotaa mara keessatti, marroo isaatiif waan Barreeffam Woyyichi dubbatu maraa isaaniif hiike.
28Gara ollaa itti dhaqiisatti jiranuu yennaa dhikaatane, Yesuus akka waan dabaree ideemuu te'e. 29Isaan ammoo, “Latti galgaloottee, waan dhiyiisatti jirtuuf, nu woliin buli!” jedhanee jabeessanee isa kadhatane. Maarre inni isaan woliin buliisaaf gara manaa seene. 30Isaan woliin qori'itti hiiqee yennaa tee'e, daabboo fuudhee eebbisee, cassee isaaniif kenne. 31Achiin duuba ilti isaanii banantee, isa hubatane; inni ammoo ila isaanii duraa miliqe. 32Isaan wol woliin, “Yennaa inni kara'atti nu woliin haasowee fi Barreeffama Woyyicha nu'uuf hiike, gadhaan keenna hin gubannee?” jedhane. 33Isaan yennuma san ka'anee gara Yerusaalemii deebi'ane. Achitti barattoota kudhanii tokkoo fi worra isaan woliin jiranu wolitti qabamaneeranuun dhagganee, 34“Goottaan dhugumaan du'aa ka'eera, Simoonille'etti mudhateera!” jedhane. 35Achiin duuba jarri lamaan waan kara'atti te'e maraa fi yennaa Goottaan daabboo casse attam akka isa beekane himane.
Yesuus Barattoota Ifiititti Mudhate
(Mat 28:16-20; Mar 16:14-18; Yoh 20:19-23; HuE 1:6-8)
36Adoo jarri lamaan sun waan kana himiisatti jiranuu, Yesuus ifumaafuu isaan odduu dhaabbatee, “Nageenni isiniif te'u!” isaaniin jedhe. 37Isaan waan ekeraa dhaggane seyanee, sodaatanee bararaqane.
38Yesuus ammoo, “Maaf sodaattan? Gadhaa keessan keessatti maaf mantan? 39Harka kiyyaa fi miila kiyya ilaala'a, anumaayyuu dhagga'a. Qaqqaba'aatii ana ilaala'a; ekeraan foonii fi lafee hin qaddu, akkuma dhaggitanu ani hin qaba” jedhe.
40Yesuus tana jedhee harkaa fi miila ifii isaanitti mudhise. 41Isaan gammadaa fi baaseffataan waan guutamaneeranuuf ammalle dhugeeffatiisa dhabanee jennaan, “Waan nyaataa asii qaddanii?” jedhee isaan gaafate. 42Isaan qurxummii woddante diqqoo takka itti kennane; 43innille fuudhee fuula isaanii duratti nyaate.
44Achiin duuba Yesuus isaaniin, “Yennaa isin woliin jiru, Seera Muuse'ee, Kitaaba Raagotaatii fi Kitaaba Faaru'uu keessatti marroo tiyyaaf ta barreeffante maraa muummowu'uu malte, jedhee ta ani isinitti hime tana” jedhe. 45Achiin duuba inni Barreeffama Woyyicha akka hubatanuuf qalbii isaanii bane. 46Inni isaaniin, “Masiihiin akka rakkatuu fi guyyaa sadeesso'oo du'aa akka ka'u, 47cubbuu irraa deebi'iisaa fi araarri cubbu'uu maqaa isaatiin Yerusaalemii jalqabee gosa maraaf akka lallabamu barreeffameera. 48Isin waan kanaaf dhugaa-baatoota. 49Kunoo, waan Abbaan kiyya addi isinii kenne ani isiniif hin erga; ammoo haga hunna gubbaa irraa dhaggattanutti#24:49 dhaggattanutti: yookiin uffattanutti qachaa Yerusaalemii keessa tura'a” jedhe.
Yesuus Gara Ol-Gubba'aa Deebi'e
(Mar 16:19, 20; HuE 1:9-11)
50Achiin duuba Yesuus qachaa keessaa baasee, haga Bitaaniya'aa isaan geesse; achitti harka ifii lamaanuu ol kaasee isaan eebbise. 51Adoo isaan eebbisiisatti jiruu, isaan irraa gargar bayee gara ol-gubba'aa fudhatame. #HuE 1:9-11 52Isaan isaaf sagadanee, gammachuu gudda'aan gara Yerusaalemii deebi'anee, 53yennaa mara Galma Waaqaa keessatti Waaqa galateeffataa turane.
अहिले सेलेक्ट गरिएको:
Wongeela Luqaasii 24: GAXNT
हाइलाइट
शेयर गर्नुहोस्
कपी गर्नुहोस्
तपाईंका हाइलाइटहरू तपाईंका सबै यन्त्रहरूमा सुरक्षित गर्न चाहनुहुन्छ? साइन अप वा साइन इन गर्नुहोस्
Guji Oromo New Testament © Bible Society of Ethiopia, 2007.