YouVersion लोगो
खोज आइकन

Wongeela Luqaasii 20

20
Gaaffii Marroo Baallii Yesuusiitii Dhikaatte
(Mat 21:23-27; Mar 11:27-33)
1Gaafa tokko Yesuus Galma Waaqaa keessatti kolbaa barsiisiisaa fi Oduu Gammadaa lallabiisatti adoo jiruu, moototi hayyootaatii fi barsiisoti Seera Muse'ee, maanguddoota woliin gara isaa dhufanee, 2“Baallii maaniitiin waan kana goota? Eentu baallii tana si'iif kenne? Nutti himi!” jedhaneen. 3Inni deebisee, “Anille gaaffii tokko isin gaafadha; 4cuuphaan Yohaannis cuuphe Waaqa irraa moo, nama irraa dhutte? Natti hima'a!” jedhe.
5Isaan waan kana irratti mari'atanee, “ ‘Waaqa irraa’ yoo jenne, ‘Maaf dubbii isaa hin dhugeeffatin ree?’ nuun jedha. 6‘Nama irraa’ yoo jenne ammoo, kolbaan martinuu akka raagaa tokkootitti Yohaannis waan dhugeeffateertuuf, dhaka'aan nu tunti” woliin jedhane. 7Maarre isaan, “Eessaa akka dhutte nuuti hin beennu” jedhanee deebisane. 8Yesuus deebisee, “Anille baallii maaniitiin waan kana akka godhu isinitti hin himu” isaaniin jedhe.
Mammaassa Qottee Bultoota Fichaa Woyni'ii
(Mat 21:33-46; Mar 12:1-12)
9Yesuus itti aansee mammaassa kana kolba'atti mammaakee, “Namichi tokko muka woyni'ii fichaa ifiititti dhaabee, qottee bultootaaf kireessee, biyya fago'oo dhaqee achi ture. 10Yennaan guuranu geennaan, qooda midhaan woyini'ii ka isa gewu akka itti kennanuuf garbicha ifii tokko gara qottee bultootaa erge. Isaan ammoo isa dhaananee harka duwwaa ari'ane. 11Maarre inni garbicha dhibii itti erge; isaan isalle dhaananee salphisanee harka duwwaa ari'ane. 12Inni amalle garbicha sadeesso'oo itti erge; isaan isaalle madeessanee alatti darbane. 13Achiin duuba abbaan muka woyni'ii, ‘Ani maan godhu? Ilma kiyya jaallatamaa itti erga; isa hin ulfeessan fa te'a’ jedhe. 14Qottee bultooti ammoo yennaa isa dhaggane, ‘Kun ka dhaalu; akka dhaalli nu'uuf te'u, kowaa isa ijjeennaa!’ jedhanee mari'atane. 15Maarre isaan fichaa muka woyni'ii keessaa alatti isa darbanee ijjeesane.
Yoona abbaan fichaa muka woyni'ii maan isaan godha laati? 16Inni hin dhufa, qottee bultoota san hin ijjeesa, fichaa muka woyni'iille worra dhibi'itti hin kennata” jedhe.
Kolbaan tana yennaa dhageette, “Hanqisi!” jette.
17Yesuus ammoo isaan laalee,
“‘Dhakaan worri mana ijaaru tuffate,
dhakaa dhakaa maraa caalaa barbaadamu te'e’
jedhante ta barreeffante maan jechu'u ree?
18Nami dhakaa san irratti jigu maraa hin caccaba; nami dhakaan sun irratti jigu ammoo hin bututa” jedhe.
19Barsiisoti Seera Muuse'eetii fi moototi hayyootaa akka Yesuus mammaassa kana marroo isaaniitiif mammaake beekanee, yennuma san isa qabiisaaf barbaadane; ammoo kolbaa sodaatane.
Gaaffii Marroo Kaffaliisa Gibiraa
(Mat 22:15-22; Mar 12:13-17)
20Isaan Yesuus baalli'ii fi hunna bulchaa worra Rooma'aatitti dabarsanee kenniisaaf, waan inni dubbatuun qaxafiisaaf isa gaadane; maarre dootuu#20:20 dootuu: miillammee nama balchaa ifi fakkeessitu itti ergane. 21Maarre dootuun, “Barsiisa'a, wonni ati dubbattuu fi barsiittu dhugaa akka teete nuuti hin beenna; nama adoo wol hin caalchisin karaa Waaqaa dhuga'aan hin barsiitta. 22Mootii worra Rooma'aatiif gibira gabbaruun seera moo seeraa moti?” jettee isa gaafatte. 23Yesuus ammoo maltummaa isaanii dhaggee, 24“Beesee#20:24 beesee: Kitaab Giriikii dinaara jedha ittiin bitaa gurgurattanu takkaa anatti mudhisa'a; misili'ii fi barreeffama eennuutitti irra jira?” isaaniin jedhe.
Jennaan, “Ka mooticha worra Rooma'aati” jedhane.
25Maarre Yesuus isaaniin, “Ka mootichaa mootichaaf, ka Waaqaa Waaqaaf kenna'a!” jedhe. 26Isaan kolbaa san duratti waan inni dubbatteen isa qaxafiisaaf hin dandeenne. Deebii isaa baaseffatanee cadhisane.
Gaaffii Marroo Du'aa Ka'iisaa
(Mat 22:23-33; Mar 12:18-27)
27Saduqooti gariin, worri du'aa ka'iisi hin jiru jedhanu, gara Yesuusii dhufanee, #HuE 23:8 28“Barsiisa'a, Muuseen, ‘Nami tokko niitii fuudhee ijoollee adoo hin uumatin isii irraa yoo du'e, obboleessi isaa haadha hiyyeessaa san dhaalee sanyii obboleessa ifiitiif dabarsuuti” jedhee nu'uuf barreesseera. 29Obboleeyyan torba, tokko jiran. Angafichi isaanii niitii fuudhee ijoollee adoo hin uumatin du'e. 30Obboleessi isatti aanulle, haadhuma hiyyeesaa san dhaalee ijoollee adoo hin uumatin du'e; 31achiin duuba obboleessi sadeesso'oolle isii dhaale. Akkasuma obboleeyyan torbanuu adoo isii irraa ijoollee hin uumatin duute. 32Muummee irratti dubartittiille duute. 33Amma, isaan torbaanuu niitumma'aan isii waan fuudhaneeranuuf, guyyaa du'aa ka'iisaa isiin eennuuf haadha manaa teeti ree?” jettee gaafatte. 34Yesuus deebisee, “Worri biyya lafa tanaa hin fuudha, hin heerumalle'e; 35worri du'aa ka'iisaa fi biyya lafaa ta dhuttu keessatti le'iisaaf malane ammoo, hin fuudhanu, hin heerumanulle'e. 36Isaan akka ergantoota Waaqaa waan te'aneef, deebi'anee hin du'anu; waan du'aa ka'aneeranuufille ijoollee Waaqaa hin te'an. 37Muuseenuu, dabarsii marroo tusee gubattuu keessatti, Gootta'aan, ‘Waaqa Abrahaamii, Waaqa Yisihaaqii, Waaqa Yaaqoobii’ jedhee waan waameef, worri du'ane akka du'aa ka'anu mudhiseera. 38Martinuu isaaf jiraataa waan te'aneef, inni Waaqa worra jiraata'aati malee Waaqa du'ootaatii moti” isaaniin jedhe. 39Barsiisoti Seera Muuse'ee gariin deebisanee, “Barsiisaa, dansaa dubbatte” jedhane. 40Achiin duuba isaan debi'anee gaaffii dhibii isa gaafatiisaaf itti hin gamne.
Gaaffii Marroo Masiihii
(Mat 22:41-46; Mar 12:35-37)
41Achiin duuba Yesuus, “Attamiin isaan, ‘Masiihiin#20:41 Masiihiin: Kiristoos ilma Daawwitii ti’ jechu'uu dande'an?” jedhee isaan gaafate.
42-43“Daawwiti ifiifuu kitaaba faaru'uu keessatti,
‘Goottaan Goottaa kiyyaan, ‘Haga ani diinota keeti ejjata miila keetii jala kewutti,
midda kiyyatti tee'i’ jedheera.
44Daawwiti, ‘Goottaa kiyya’ jedhee yoo isa waame, attamiin Masiihiin ilma isaa te'a ree?” jedhe.
Yesuus Barsiisota Seera Muuse'ee Irraa Ifi Eeggachiise
(Mat 23:1-36; Mar 12:38-40; Luq 11:37-54)
45Kolbaan martinuu adoo dhage'iisatti jirtuu, Yesuus baratoota ifiitiin, 46“Barsiisota Seera Muuse'ee, ka woyaa dhedheertuu uffatanee asii fi achi ideemuu jaallatanu, addee dikko'ootitti nageya ulfinnaa akka isaan fuudhanu jaallatanu, Mana Waaqeffannaa Yihudootaa keessatti barcumaa dansaa, lafa jilaatittille addee ulfinnaa filatanu irraa ifi eegadha'a! 47Isaan mana haadhotii hiyyeessaa sossanee, itti aalatiisaaf dheeressanee daadimatan. Muraa hantu'utti isaanitti murama” jedhe.

अहिले सेलेक्ट गरिएको:

Wongeela Luqaasii 20: GAXNT

हाइलाइट

शेयर गर्नुहोस्

कपी गर्नुहोस्

None

तपाईंका हाइलाइटहरू तपाईंका सबै यन्त्रहरूमा सुरक्षित गर्न चाहनुहुन्छ? साइन अप वा साइन इन गर्नुहोस्