Yohana 7

7
1Eegi suni, Yesoni Galilaya keesa dedeeme; inni Yudea keesa dedeemu imfed'u, maro Yahudiini isa ijeesu feetuufi 2#Law 23.34; Qab-Ser 16.13 jilti Yahudi ta Hoosa jed'ani d'iaatte. 3Duuba oboleyaani isaa waan isaani jette, Armaa kai, Yudea d'aqi, aka jari kankeleeni huji atini tolchitu argu. 4Nami tokoleeni ka wo d'ossaani tolchu injiru, yo aka nami beekhu fed'e. Yo atini waan kana tolchitu, biyya ufi garsiisi! 5(Wonti akanatiifi oboleyaani isaleeni isa ind'ugefanne.) 6Yesoni waan worraani jed'e, Hojjaani tiyya qara ingeenne, ammo hojjaani teesani guyya ch'ufa kurfo jirti. 7Biyyiti dandeete isani injibitu, ammo na jibbiti, waan anini hameenna worraa himuufi. 8Isani jila d'aqa, anini jila tana d'aqu ingeenne. 9Waan kana worrati himnaani, Galilaya keesati hafe.
Yesoni jila Hoosa d'aqa
10Ammo oboleyaani isaa jila d'annaani, innileeni deeme, diidati bahe indeemne ammo d'ossaani deeme 11Yahudiini jila keesa isa barbaadde waan jette, Inni me? 12Guddo biyya keesati gungumani maro isatiifi, Nami gari waan jed'e, Inni nama dansa, hagi toko, Akasiiniti, ufuma nama soba jed'e. 13Ammo nami diideese waan isaa dubbatu injiru, waan Yahudi sodaataniifi.
14Jilti wod'akoomnaani Yesoni Mana Waaqa d'aqe nama barsiise. 15Yahudiini mamte waan jette, Kunini qarooma kana eesaa argate, ka nami imbarsiisiini? 16Yesoni waan jed'eeni, Wonti anini barsiisu tiyyaaniti, ammo ta Waaqa na ergeti. 17Yo nami fed'i Waaqa tolchu fed'e, aka wonti ani barsiisu gara Waaqati baate yokhaani anumaani dubbad'u gargari imbeekha. 18Nami qalbi ufiitini dubbatu guddinna barbaada. Ammo anini ka guddinna Waaqa na erge barbaadu ka d'ugaati; ammalle na keesa d'arti injirtu. 19Musani Seera isanii inkennine? Ammo isani tokoleeni Seera inguuttani. Maafi na ijeesu feetani? 20Biyyiti waan jetteeni, Atini jinni qabda! Eentu si ijeesu fed'a? 21Yesoni waan jed'eeni, Anini huji toko tolche ta isani ch'ufa mamsiifte. 22#Uum 17.10; Law 12.3 Musani ya isanii qabanqaba kenne (waan gara Musati baheniti ammo waan gara ababoota teesaniti bahe), duuba isani guyya Sabato qabanqaba namaa qabdani. 23#Yoh 5.9 Yo nami guyya Sabato qabanqaba qabate, aka aada Musa inch'absine, isani maafi nati dalantani, waan anini nama toko guyya Sabato aka dansa fayyiseefi? 24Nama nafa laaltani inqorina, ammo d'uga gula qora.
Yesoni Kristo mo?
25Worri Yerusalemu ka gari waan jed'eeni, Namichi worri ijeesu fed'u kanayu? 26Ammo, me ilaala, inni diideese hima, worri woma isaani injed'u. Jari gugurdaani dandae aka inni Kristo imbeekha? 27Ammo nu nama kana fulla inni bahefi imbeenna; ammo yo Kristoni d'ufu nami tokoleeni ka gara inni bahefi beekhu injiru jed'ani.
28Ato Yesoni Mana Waaqa keesati nama barsiisuu jiru, inni qonqo olfud'ate waan jed'e, Isani d'uguma na beetani? Ammalle fulla anini bahefile imbeetani? Anini ufiini ind'umne, taatule Waaqi na erge ka d'ugaati, isani isale imbeetani. 29Anini isa imbeekha, waan ani fulla isaati d'ufe, inni na ergeefi. 30Jennaani worri waan isaani qabani barbaade, ammo nami tokoleeni harkaani isa intunne waan guyyaani isaa ingayiniifi. 31Ammo gumi keesa nami hedduuni d'ugefate waan jed'e, Yo Kristoni d'ufe, akheekha d'ibi ka nami kuni tolche ira tolcha?
Askartiini Yeso qabu d'ufti
32Farisayooni gumi waan kana gungumtu d'ageete jennaani qaalole gugurdo woliini askarti isa qabdu ergite. 33Yesoni waan jed'e, Bulti diqo toko ch'alla isani woliini jira, eegi suni gara nama na erge gala. 34Isani na barbaaddani, ammo na inargitani, fulla ani jiru dandeetani ind'uftani. 35Jennaani Yahudiini waan woliini jette, Inni eesa d'aqu fed'a, aka nu ingarre? Inni dira Yuna ka Yahudiini iti godaante d'aqe gosa Griki barsiisu fed'a? jed'ani wolgaafatani. 36Dubbini inni, Na barbaaddani ammo na inargitani, ammalle fulla ani jiru isani dandeetani ind'uftani jed'e tuni maani?
Yaasuma bisaani jireenna
37 # Law 23.36 Guyya eege, ka jila suni jaba, Yesoni olejate lalabe waan jed'e, Nami yo d'eebote, gara kiyya d'ufe bisaani ha d'ugu. 38#Eze 47.1; Zek 14.8 Nami na d'ugefatu, aka t'aafiini jettu, garaa isaa keesaa bisaani jireennati yaa. 39Dubbi tana Yesoni waan Lubbu jed'e, ta worri isa d'ugefatu argatu. Gaafasi Waaqi Lubbu ufi nama inkennine, wonti akanatiifi Yesoni qara guddinna ufi inarganne.
Biyyiti gargari qoodamti
40Jari gari gumi keesa dubbi tana d'ageennaani waan jed'e, Kunini d'uguma raaga baanani suni! 41Ka gari waan jed'e, Kunini Kristo! Ammo kad'ibiini waan jed'e, Kristoni Galilaya keesati ind'alatu. 42#Mik 5.2 T'aafiini, Kristoni d'aloota Daudi keesaa baha, ammalle Bethlehemu, dira Daudi keesati d'alata jettiyu? 43Tanaafi gumiini maro isatiifi gargari qoodamte. 44Ka gari sila isa qabu fed'a, ammo nami tokoleeni harkaani isa intunne.
Gugurda Yahudi ka ind'ugefanne
45Duuba askartiini qaalole gugurdofi Farisayooti d'ufte. Worri waan askartiini jed'e, Maafi ind'ufiinaani? 46Askartiini taani waan jetteeni, Nami tokoleeni ka aka isaa dubbatu injiru. Farisayooni waan jetteeni, 47Isanileeni ya sobamtani? 48Nama gudda tokole yokhaani nama Farisayo ka isa d'ugefatu taka agartani? 49Ammo gumiini daalleeni tuni ta Seera Musa imbeenne ya abaaramte. 50#Yoh 3.1-2 Nikodemoni ka qara gara isaa d'aqe, ka ammalle worra suni keesa jiru, waan worraani jed'e, 51Isii aada teenna, ato qara nama dubbi isa d'ageete waan inni tolche inhubatiini wollaala iti imurani? 52Worri waan jed'eeni, Atileeni nama Galilayati? T'aafi keesa barbaadi, ilaali, Galilaya keesa raagi imbahu.
Niiti algalooma keesati qabani
[ 53Jennaani nami ch'ufti worra ufiti gale.

선택된 구절:

Yohana 7: BOR

하이라이트

공유

복사

None

모든 기기에 하이라이트를 저장하고 싶으신가요? 회원가입 혹은 로그인하세요