Uumama 15
15
1Eegi suni Abramuuni qonqo AABBO Waaqa ta daayya keesa iti d'ufte d'agaye. Qonqooni suni waan jette, Abramu, insodaatini, anini wonte sii tahe waan guddo sii tolcha. 2Ammo Abramuuni waan jed'e, Ee AABBO Waaqa, wonti guddooni ati na tolchitu maani naa baati, ka anini ilme inqamne? Ufuftu nami na d'aalu Eliezeri ka gosa Damaski. 3Ati ijoolle tokole naa inkennine, amma nami na d'aaluyu tissuma tiyya.
4Jennaani inni qonqo AABBO Waaqa ammalle d'agaye ta, Namichi kunini si ind'aalu, ilmuma kanke ka atini d'altuti si d'aala isaani jette. 5#Rum 4.18; Ebr 11.12 AABBO Waaqi isa alati baase waan jed'eeni, Me, gubbaa ilaali, yo dandeete urji tana ch'ufa hedi; ilmaani tante hagasi geeti. 6#Rum 4.3; Gal 3.6; Yak 2.23 Abramuuni AABBO Waaqa d'ugeefate, maro d'ugefacha isaatiifi AABBO Waaqi isa maache nama d'ugaati isa herege.
7Jennaani AABBO Waaqi waan jed'eeni, Anini AABBO Waaqa, ka lafa Uru ta Kaldayo keesaa si baase lafa tana sii kenne. 8Jennaani Abramuuni waan jed'eeni, Ee Waaqa Gudda, anini akamiini beekha, aka lafti tuni tiyya taatu? 9Inni waan jed'e, Goromsa tokofi reeti tokofi elemo toko, ka ch'ufti ganna sadi, sabaliisa gudda tokofi diqa toko natiini kooti. 10Abramuuni waan kana ch'ufa Waaqatini d'ufe qale, fooni fulla lama ta haga taka gargari qoode gama gama naqe, ammo fooni simpirre gargari inqoonne. 11Allaatini iti buute, ammo Abramuuni iraa gusse.
12 #
Ayu 4.13,14 Aduuni d'iu geennaani hiribi guddaani Abramu qabate, hiriba suni keesa inni guddo nahe rifate. 13#Bah 1.1-14; Huji 7.6 AABBO Waaqi waan jed'eeni, Hubad'u, ilmaani tante lafa imbeenne keesati keessuma taate, tisse tolchani, haga ganna d'ibba afuri aka taka inargini gaargalchani. 14#Bah 12.40-41; Huji 7.7 Ammo anini gosa worra tissele tolchite wollaala iti mure gaargalcha; ilmaani tante, gaafa achii baatu, hori guddaani baati. 15Atini ammo ganna heddu teete, gaafa dootu awaala dansa argatta. 16Eegi d'aloota ababoota tanteeti ilmaani tante lafa tanati deebiti, wonti akanatiifi anini gosa Amori lafa tana keesaa imbaasu, haga ch'ubbuuni worraa guddatte guyyaani ani worra gaargalchu gahuuti.
17Eegi aduuni d'iite lafti dukanoofte, eele ibidaa ta aara qabdufi ifseeni bobeetu mullatte jiddu fooni kaani baate. 18#Huji 7.5Hojuma sunii achumati AABBO Waaqi Abramuuni wold'aqani waan jed'eeni, Anini lafa tana ch'ufa d'aloota keeti kenna, galaana Misiriti asi haga galaana gudda ka Frati jed'ani, 19lafa worra Keni, ta Kenizi, ta Kadmoni, 20ta Hiti, ta Perizi, ta Refai, 21ta Amori, ta Kanaani, ta Girgashi, ta Yebusi ch'ufa kennaafi.
Hajirifi Ishmaeli
Nke Ahọpụtara Ugbu A:
Uumama 15: BOR
Mee ka ọ bụrụ isi
Kesaa
Mapịa
Ịchọrọ ka echekwaara gị ihe ndị gasị ị mere ka ha pụta ìhè ná ngwaọrụ gị niile? Debanye aha gị ma ọ bụ mee mbanye
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.