Logo YouVersion
Îcone de recherche

Wongeela Yohaannisii 3

3
Yesuusii Fi Niqoodemoos
1Gosa Fariisaayotaa keessaa sooressi Yihudootaa, ka Niqoodemoos jedhamu tokko jiraayyu. 2Inni halkan tokko gara Yesuusii dhaqee, “Barsiisa'a, akka ati barsiisaa Waaqa biraa ergame teete beenneera. Yoo Waaqi isa woliin jiraate malee bilbaasa ati hujattu kana eennulle dande'ee hin huju” jedheen.
3Yesuus, “Ani dhugaa sitti hima; eennulle yoo lammeessoo#3:3 lammeessoo: oli irraa hin dhalatin mootummaa Waaqaa dhagguu hin dande'u” jedhee deebise.
4Niqoodemoos, “Nami guddateen duuba attam dhalatuu dande'a? Lammeessoo gadaamessa haadha ifii seenee dhalatuu hin dande'aa?” jedhee Yesuus gaafate.
5Yesuus deebisee, “Ani dhugaa sitti hima, eennulle bisaanii fi Ayyaana Woyyichaan yoo hin dhalatin, mootummaa Waaqaatitti galuu hin dande'u. 6Nama foonii irraa ka dhalate foon; ka Ayyaana irraa dhalate ammoo Ayyaana. 7Waan ani, ‘Lammeessoo dhalatuu qaddan’ si'iin jedheef hin masoonfatin. 8Bubbeen gara feete bubbitti; ati bubbisiisa isi'ii hin dhageetta, ammoo eessaa akka dhuttu yookiin eessa akka deentu hin beettu. Ayyaana irraa ka dhalate maraayyuu akkasuma” jedhee deebise.
9Niqoodemoos, “Kun attam te'uu dande'a?” jedhee Yesuus gaafate.
10Yesuus, “Ati barsiisaa Israa'elii teetee waan kana hin beettuu? 11Ani dhugaa si'itti hima: Nuuti waan beennu dubbanna; waan dhagginne dhugaa baana; isin ammoo dhugaa bayiisa keenna hin fudhattanu. 12Yennaa ani marroo waan biyya lafa tanaa isinitti himu yoo hin dhugeeffatin, yennaa ani marroo waan ol-gubba'aa isinitti himu attamiin dhugeeffattan ree? 13Ilma Namaa ka a ol-gubba'aa gad dhufe malee, ka gara ol-gubba'aa ol baye eennulle hin jiru.
14Akkuma Muuseen lafa goomole'ee keessatti dhudhuufaa sageettu'uu dongoraa irratti ol fuudhe rarraase, akkkasuma Ilmi Namaalle ol fuudhamee rarraafamuu qaba. 15Kunille ka isatti dhugeeffatu maraa jiruu bara baraa akka qabaatuufi. 16Nami isatti dhugeeffatu maraa jiruu bara baraa akka qabaatu malee akka hin banneef, Waaqi biyya lafaa guddoo waan jaalatuuf Ilma ifii tokkochuma san kenne. 17Biyya lafaa karaa isaatiin akka fayyisuuf malee, akka itti muruuf Waaqi Ilma ifii gara biyya lafaa hin ergine.
18Ka Ilma isaatitti dhugeeffatutti hin murantu; ka isatti hin dhugeeffanne ammoo, waan inni Ilma Waaqaa tokkochatti hin dhugeeffatiniif, ammummaayyuu itti muranteerti. 19Muraalleen kunoo tana: Ifi gara biyya lafaa dhufe, namooti ammoo hujiin isaanii hantuu waan teeteef, ifa caalaa dukkana jaalatane. 20Ka waan hantuu godhu marti ifa jibba; hujiin isaa hantuun akka hin mudhanneef gara ifaa hin dhufu. 21Ka waan dhuga'aa godhu marti ammoo hujiin inni Waaqaaf ajajamiisaan huje san akka ifi mudhisuuf gara ifaa dhufa.
Yohaannisiin Cuuphaan Marroo Yesuusii Dhugaa Baye
22Kanaan duuba Yesuusii fi barattooti isaa gara lafa Yihuda'aa dhaqane; inni isaan woliin diqqoo achi bubbulee, kolbaalle cuuphe. 23Addee Enon jedhantu ta Saalemitti dhiko'oo, bisaan guddaan waan jiruuf Yohaannis achille'etti cuuphe. Kolbaalle gara isaa dhaqaa cuuphamaa turte. 24Yennaa san Yohaannis hidhamee hin jiru. #Mat 14:3; Mar 6:17; Luq 3:19-20
25Barattooti Yohaannisii gariin marroo aadaa qulqulloomiisaa Yihudicha tokko woliin wol mormiisatti ka'ane. 26Maarre isaan gara Yohaannisii dhaqanee, “Barsiisa'a, namichi Yordaanoosiin gamatti si woliin jiru, ka ati marroo isaa dhugaa baate, kunoo amma cuuphiisatti jira; nami marti gara isaa dhaqiisatti jira!” jedhanee itti himane.
27Yohaannis deebisee, “Waaqi yoo kenneef malee, eennulle waan tokkolle hin qabaatu. 28‘Ani Kiristoosii moti; ammoo isaan dura ergameeraa’ akka ani jedhe isinuu dhugaa tiyya. #Yoh 1:20 29Ka waajibittii qabu waajibicha; jaalli waajibichaa, ka isa bira dhaabbatee qoonqoo isaa caqasu ammoo, yennaa qoonqoo waajibichaa dhage'u hin gammada. Gammadi sun kiyya; inni amma muummowe. 30Inni guddaa te'ee, ani diqqaa te'uu qaba” jedhe.
Ka Oli-Gubba'aa Dhufu
31Ka ol-gubba'aa dhufu mara caala. Ka lafa tanaa kama lafa tanaa ti; waan lafaalle dubbata; ka ol-gubba'aa dhufu ammoo mara caala. 32Inni waan dhaggee fi waan dhage'e dhugaa baya; ammoo dhugaa baya isaa ka fudhatu hin jiru. 33Nami dhugaa baya isaa fudhate ammoo, Waaqi dhugaammessa akka te'e kanaan mirkaneesse. 34Waaqi Ayyaana ifii safara male waan kennuuf, ka Waaqi erge dubbii Waaqaa dubbata. 35Abbaan Ilma jaalata; waan maralle harka isaatitti kenneera. #Mat 11:27; Luq 10:22 36Ka Ilmatti dhugeeffatu mara jiruu bara baraa qaba; ka Ilma Waaqaatiif hin ajajanne ammoo mufii Waaqaa jala jiraata malee, jiruu hin qabaatu” jedhe.

Sélection en cours:

Wongeela Yohaannisii 3: GAXNT

Surbrillance

Partager

Copier

None

Tu souhaites voir tes moments forts enregistrés sur tous tes appareils? Inscris-toi ou connecte-toi