Logo YouVersion
Ikona vyhledávání

Luqaas 18

18
Fakkeenya Haadha Hiyyeessaa Tokkoo
1Yesuusis akka isaan yeroo hunda kadhachuu qabanii fi akka isaan abdii hin kutanne isaan barsiisuuf jedhee fakkeenya tokko barattoota isaatti hime. 2Innis akkana jedhe; “Magaalaa tokko keessa abbaa murtii kan Waaqa hin sodaanne, namas kan hin kabajne tokkotu ture. 3Haati hiyyeessaa tokkos magaalaa sana keessa turte; isheenis, ‘Diina koo irratti murtii qajeelaa naa kenni’ jettee isatti deddeebiʼaa turte.
4 “Innis yeroo gabaabaaf didee ture; ergasii garuu akkana jedhee garaa isaatti yaade; ‘Ani yoon Waaqa hin sodaanne illee, yoon namas hin kabajne illee, 5sababii niitiin kun deddeebitee na rakkiftuuf murtii qajeelaa nan kennaaf; yoo kanaa achii deddeebitee na dadhabsiifti.’ ”
6Gooftaanis akkana jedhe; “Egaa waan abbichii murtii dabaan sun jedhu dhagaʼaa; 7Waaqni immoo filatamtoota isaa warra halkanii guyyaa gara isaatti iyyataniif murtii qajeelaa hin kennuu? Isaan duraa tursaa ree? 8Ani isinittin hima; inni dafee murtii qajeelaa kennaaf; garuu Ilmi Namaa gaafa dhufu lafa irratti amantii ni argataa?”
Fakkeenya Fariisichaatii fi Namicha Qaraxa Walitti Qabuu
9Yesuusis namoota qajeelummaa ofiitti amananii warra kaan immoo tuffatanitti akkana jedhee fakkeenya kana hime. 10“Namoonni lama Waaqa kadhachuuf gara mana qulqullummaatti ol baʼan; isaanis Fariisicha tokkoo fi nama qaraxa walitti qabu tokko turan. 11Fariisichi kaʼee dhaabatee, waaʼee mataa isaa akkana jedhee kadhate; ‘Yaa Waaqayyo, ani akka namoota kaanii jechuunis akka saamtotaa, jalʼootaa fi sagaagaltootaa keessumattuu waan akka namicha qaraxa walitti qabu kanaa hin taʼiniif sin galateeffadha. 12Ani torbanitti yeroo lama nan sooma; waanan argadhu hundumaa irraas harka kudhan keessaa tokko nan kenna.’
13 “Namichi qaraxa walitti qabu sun garuu fagoo dhaabate, qoma isaa dhadhaʼaa, ‘Yaa Waaqayyo, ani nama cubbamaadhaatii naa naʼi!’ jedhe malee ija isaatiin illee ol jedhee gara samii hin ilaalle.
14 “Ani isinittin hima; namichi kun namicha duraa irra fuula Waaqaa duratti qajeelaa taʼee mana isaatti gale. Namni ol of qabu hundinuu gad qabamaatii; namni gad of qabu garuu ol qabama.”
Yesuusii fi Ijoollee Xixinnoo
18:15‑17 kwf – Mat 19:13‑15; Mar 10:13‑16
15Namoonni akka inni harka isaan irra kaaʼuuf daaʼimmanis Yesuusitti fidaa turan. Barattoonni garuu yommuu waan kana arganitti isaan ifatan. 16Yesuus garuu ijoollee sana ofitti waamee akkana jedhe; “Ijoolleen xixinnoon gara koo haa dhufaniitii hin dhowwinaa; mootummaan Waaqaa kan warra akkanaatii. 17Ani dhuguman isinitti hima; namni akkuma ijoolleetti mootummaa Waaqaa hin simanne kam iyyuu gonkumaa itti hin galu.”
Fakkeenya Sooressaatii fi Mootummaa Waaqaa
18:18‑30 kwf – Mat 19:16‑29; Mar 10:17‑30
18Bulchaan tokko, “Yaa Barsiisaa gaarii, ani jireenya bara baraa dhaaluuf maal gochuun qaba?” jedhee isa gaafate.
19Yesuusis akkana jedhee deebise; “Ati maaliif gaarii naan jetta? Waaqa tokkicha malee gaariin hin jiru. 20Ati ajajawwan ni beekta; ‘Hin ejjin; hin ajjeesin; hin hatin; sobaan dhugaa hin baʼin; abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni.’#18:20 Bau 20:12; KeD 5:16‑20
21Namichis, “Ani ijoollummaa kootii jalqabee ajajawwan kanneen hunda eegeera” jedhe.
22Yesuusis yommuu waan kana dhagaʼetti, “Amma illee waan tokkotu si duraa hirʼata; waan qabdu hunda gurgurii hiyyeeyyiif kenni; samii keessatti badhaadhummaa ni qabaattaa. Ergasii kottuu na duukaa buʼi” jedheen.
23Inni yommuu waan kana dhagaʼetti baayʼee gadde; akka malee sooressa tureetii. 24Yesuusis isa ilaalee akkana jedhe; “Mootummaa Waaqaatti galuun sooreyyiif akkam rakkisaa dha! 25Dhugumaan namni sooressi mootummaa Waaqaatti galuu irra qaawwa lilmoo keessa baʼuutu gaalaaf salphata.”
26Warri waan kana dhagaʼanis, “Yoos eenyutu fayyuu dandaʼa ree?” jedhanii gaafatan.
27Yesuusis, “Wanni namaaf hin dandaʼamne, Waaqaaf ni dandaʼama” jedhee deebise.
28Phexrosis, “Kunoo, nu waan qabnu hunda dhiifnee si duukaa buuneerra” jedheen.
29Yesuus immoo akkana isaaniin jedhe; “Ani dhuguman isinitti hima; namni sababii mootummaa Waaqaatiif jedhee mana yookaan niitii yookaan obboloota yookaan haadhaa fi abbaa yookaan ijoollee dhiisee, 30bara kana keessa dachaa baayʼee, bara dhufuuf jiru keessa immoo jireenya bara baraa utuu hin argatin hafu tokko iyyuu hin jiru.”
Yesuus Yeroo Sadaffaa Waaʼee Duʼa Isaa Dubbate
18:31‑33 kwf – Mat 20:17‑19; Mar 10:32‑34
31Yesuus warra kudha lamaan kophaatti baasee akkana jedheen; “Kunoo nu Yerusaalemitti ol baʼaa jirra; wanni raajonni waaʼee Ilma Namaa barreessan hundinuus ni raawwatama. 32Inni dabarfamee Namoota Ormaatti ni kennama. Isaanis isatti qoosu; isa arrabsu; isatti tufu; isa garafu; isa ajjeesus. 33Innis guyyaa sadaffaatti duʼaa ni kaʼa.”
34Barattoonni garuu waan kana hunda keessaa tokko illee hin hubanne; hiikkaan isaas isaan duraa dhokfamee ture. Inni maal akka dubbachaa tures isaaniif hin galle.
Namichi Jaamaan Tokko Fayyifamuu Isaa
18:35‑43 kwf – Mat 20:29‑34; Mar 10:46‑52
35Yeroo Yesuus Yerikootti dhiʼaatetti, namichi jaamaan tokko qarqara karaa taaʼee kadhachaa ture. 36Innis akka tuunni namootaa karaa sana darbaa jiru dhageenyaan, waan taʼaa ture gaafate. 37Isaanis, “Yesuus nama Naazreetitu asiin darbaa jira” jedhanii isatti himan.
38Innis, “Yesuus, yaa ilma Daawit, na maari!” jedhee iyye.
39Namoonni fuula dura deemaa turanis akka inni calʼisuuf isa ifatan; inni garuu, “Yaa ilma Daawit na maari!” jedhee ittuma caalchisee iyye.
40Yesuusis dhaabatee akka isaan namicha gara isaa fidan ajaje. Yommuu inni gara isaatti dhiʼaatetti Yesuus akkana jedhee isa gaafate; 41“Akka ani maal siif godhu barbaadda?”
Namichis, “Yaa Gooftaa, ani arguun barbaada” jedhee deebise.
42Yesuusis, “Argi; amantiin kee si fayyiseeraa” jedheen. 43Innis yeruma sana argee Waaqa jajachaa Yesuus duukaa buʼe. Namoonni hundinuus yommuu waan kana arganitti Waaqa jajan.

Právě zvoleno:

Luqaas 18: HAH

Zvýraznění

Sdílet

Kopírovat

None

Chceš mít své zvýrazněné verše uložené na všech zařízeních? Zaregistruj se nebo se přihlas