Logo YouVersion
Ikona vyhledávání

Luqaas 17

17
Cubbuu, Amantii, Dirqama
1Yesuus barattoota isaatiin akkana jedhe; “Wantoonni akka namoonni gufatan godhan dhufuun hin oolu; garuu nama wantoonni kunneen karaa isaatiin dhufaniif wayyoo! 2Inni warra xixinnaa kanneen keessaa tokko illee gufachiisuu mannaa dhagaan daakuu morma isaatti hidhamee galaanatti utuu darbatamee isaa wayya ture. 3Kanaafuu of eeggadhaa.
“Yoo obboleessi kee yakka sitti hojjete isa ifadhu; yoo inni qalbii jijjiirrate immoo dhiifama godhiif. 4Yoo inni guyyaa tokkotti yeroo torba cubbuu sitti hojjetee yeroo torbanuu sitti deebiʼee, ‘Ani qalbii nan jijjiirradha’ siin jedhe dhiifama godhiif.”
5Ergamoonnis Gooftaadhaan, “Amantii keenya nuu guddisi” jedhan.
6Innis akkana jedhee deebise; “Isin amantii xinnoo hamma ija sanaaficaa illee yoo qabaattan, muka qilxuu kanaan, ‘Buqqaʼiitii galaana keessa dhaabami!’ jechuu dandeessu; innis isinii ajajama.
7 “Isin keessaa namni tokko garbicha lafa qotu yookaan kan hoolota tiksu qaba haa jennu; inni yeroo garbichi sun alaa galutti, ‘Dafii kottuutii taaʼii waa nyaadhu’ jedhaanii? 8Qooda kanaa inni garbicha sanaan, ‘Irbaata naa qopheessi; hamma ani nyaadhee dhugutti marxifadhuutii na tajaajili; sana booddee ati ni nyaattaa; ni dhugdas’ hin jedhuunii? 9Namichis sababii garbichi sun waan ajajame sana raawwateef isa ni galateeffataa? 10Kanaafuu isinis yommuu waan ajajamtan hunda raawwattanitti, ‘Nu garboota faayidaa hin qabnee dha; waanuma hojjechuu qabnu qofa hojjenne’ jedhaa.”
Lamxaaʼonni Kudhan Fayyuu Isaanii
11Yesuus utuu Yerusaalem dhaquu Samaariyaa fi Galiilaa gidduu darbaa ture. 12Akkuma inni ganda tokko seeneenis, namoonni lamxaaʼan kudhan isatti dhufan. Isaanis fagoo dhadhaabatanii, 13sagalee isaanii ol fudhatanii, “Yesuus yaa Gooftaa, nuu naʼi!” jedhan.
14Innis yommuu isaan argetti, “Dhaqaatii lubootatti of argisiisaa!” jedheen; isaanis utuma deemaa jiranuu qulqullaaʼan.
15Isaan keessaas inni tokko yommuu fayyuu isaa argetti sagalee guddaadhaan Waaqaaf ulfina kennaa deebiʼee dhufe. 16Adda isaatiinis miilla Yesuus irratti gombifamee isa galateeffate; innis nama Samaariyaa ture.
17Yesuusis akkana jedhee gaafate; “Kurnanuu qulqullaaʼaniiru mitii? Yoos warri hafan sagallan eessa dhaqan? 18Nama ormaa kana malee namni deebiʼee Waaqaaf galata galchu tokko iyyuu hin argamnee?” 19Yesuusis, “Kaʼii deemi; amantiin kee si fayyiseeraatii” jedheen.
Dhufaatii Mootummaa Waaqaa
17:26,27 kwf – Mat 24:37‑39
20Fariisonnis mootummaan Waaqaa yoom akka dhufu Yesuusin gaafatan; innis akkana jedhee deebiseef; “Mootummaan Waaqaa namatti mulʼachaa hin dhufu; 21namoonnis, ‘Mootummaan Waaqaa kunoo as jira’ yookaan ‘Kuunnoo achi jira’ hin jedhan; mootummaan Waaqaa isin gidduu jiraatii.”
22Innis barattoota isaatiin akkana jedhe; “Yeroon isin itti guyyoota Ilma Namaa keessaa isa tokko arguu hawwitan ni dhufa; garuu hin argitan. 23Namoonni, ‘Inni kuunnoo achi jira!’ yookaan ‘Kunoo as jira’ isiniin jedhu; isin garuu hin dhaqinaa; isaan duukaas hin buʼinaa. 24Ilmi Namaa guyyaa isaatti akkuma balaqqeessi balaqqeessaʼee gama tokkoo hamma gama kaaniitti samii ibsuu ni taʼaatii. 25Inni garuu duraan dursee akka malee dhiphachuu fi dhaloota kanaan tuffatamuu qaba.
26 “Akkuma bara Nohi taʼe sana, yeroo Ilma Namaattis akkasuma ni taʼa. 27Hamma gaafa Nohi doonii seeneetti namoonni nyaachaa, dhugaa, fuudhaa, heerumaas turan. Bishaan badiisaas dhufee hunda isaanii balleesse.
28 “Bara Looxis akkasuma ture; namoonni nyaachaa, dhugaa, bitachaa, gurgurachaa, biqiltuu dhaabbachaa, manas ijaarrachaa turan. 29Guyyaa Looxi Sodoomii baʼetti garuu ibiddii fi dinyiin samii irraa roobee hunda isaanii balleesse.
30 “Guyyaa Ilmi Namaa mulʼatuttis akkasuma taʼa. 31Guyyaa sana namni bantii manaa irra jiru kan mana keessaa miʼa qabu miʼa sana fudhachuuf gad buʼuu hin malu. Akkasuma immoo namni lafa qotiisaa keessa jiru tokko iyyuu waan tokkoof illee manatti hin deebiʼin. 32Niitii Looxi yaadadhaa! 33Namni lubbuu isaa eeggachuu yaalu kam iyyuu lubbuu isaa ni dhaba; namni lubbuu isaa dhabu kam iyyuu lubbuu isaa ni turfata. 34Ani isinittin hima; halkan sana namoonni lama siree tokko irra ni rafu; inni tokko ni fudhatama; kaan immoo ni hafa. 35Dubartoonni lama walii wajjin midhaan daaku; isheen tokko ni fudhatamti; kaan immoo ni hafti. [36Namoonni lama lafa qotiisaa keessa jiru; tokko ni fudhatama; kaan immoo ni hafa.”]#17:36 Waraabbileen tokko tokko luqqisaa 36 hin qaban.
37Isaanis, “Yaa Gooftaa, eessatti?” jedhanii gaafatan.
Innis, “Iddoo raqni jirutti gogocorroowwan walitti qabamu” jedhee deebiseef.

Právě zvoleno:

Luqaas 17: HAH

Zvýraznění

Sdílet

Kopírovat

None

Chceš mít své zvýrazněné verše uložené na všech zařízeních? Zaregistruj se nebo se přihlas