1
Luqaas 17:19
Hiikkaa Ammayyaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa
Yesuusis, “Kaʼii deemi; amantiin kee si fayyiseeraatii” jedheen.
Porovnat
Zkoumat Luqaas 17:19
2
Luqaas 17:4
Yoo inni guyyaa tokkotti yeroo torba cubbuu sitti hojjetee yeroo torbanuu sitti deebiʼee, ‘Ani qalbii nan jijjiirradha’ siin jedhe dhiifama godhiif.”
Zkoumat Luqaas 17:4
3
Luqaas 17:15-16
Isaan keessaas inni tokko yommuu fayyuu isaa argetti sagalee guddaadhaan Waaqaaf ulfina kennaa deebiʼee dhufe. Adda isaatiinis miilla Yesuus irratti gombifamee isa galateeffate; innis nama Samaariyaa ture.
Zkoumat Luqaas 17:15-16
4
Luqaas 17:3
Kanaafuu of eeggadhaa. “Yoo obboleessi kee yakka sitti hojjete isa ifadhu; yoo inni qalbii jijjiirrate immoo dhiifama godhiif.
Zkoumat Luqaas 17:3
5
Luqaas 17:17
Yesuusis akkana jedhee gaafate; “Kurnanuu qulqullaaʼaniiru mitii? Yoos warri hafan sagallan eessa dhaqan?
Zkoumat Luqaas 17:17
6
Luqaas 17:6
Innis akkana jedhee deebise; “Isin amantii xinnoo hamma ija sanaaficaa illee yoo qabaattan, muka qilxuu kanaan, ‘Buqqaʼiitii galaana keessa dhaabami!’ jechuu dandeessu; innis isinii ajajama.
Zkoumat Luqaas 17:6
7
Luqaas 17:33
Namni lubbuu isaa eeggachuu yaalu kam iyyuu lubbuu isaa ni dhaba; namni lubbuu isaa dhabu kam iyyuu lubbuu isaa ni turfata.
Zkoumat Luqaas 17:33
8
Luqaas 17:1-2
Yesuus barattoota isaatiin akkana jedhe; “Wantoonni akka namoonni gufatan godhan dhufuun hin oolu; garuu nama wantoonni kunneen karaa isaatiin dhufaniif wayyoo! Inni warra xixinnaa kanneen keessaa tokko illee gufachiisuu mannaa dhagaan daakuu morma isaatti hidhamee galaanatti utuu darbatamee isaa wayya ture.
Zkoumat Luqaas 17:1-2
9
Luqaas 17:26-27
“Akkuma bara Nohi taʼe sana, yeroo Ilma Namaattis akkasuma ni taʼa. Hamma gaafa Nohi doonii seeneetti namoonni nyaachaa, dhugaa, fuudhaa, heerumaas turan. Bishaan badiisaas dhufee hunda isaanii balleesse.
Zkoumat Luqaas 17:26-27
Domů
Bible
Plány
Videa